LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 7
  • Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Addaan Kutuun Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 7
Dargaggeessa gaddee fi lookarii dareewwan mana barumsaa cina dhaabbatee jiru.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

Barsiisota boqonnaa namaaf hin kennine. Dhiibbaa hiriyootaa. Qormaata dhiphina sammuu namatti fidanii fi hoj-manee xumura hin qabne. Kanaafuu, miira barumsa jibbuu sitti dhagaʼamu hubachuun ni dandaʼama.a Dargaggeettiin Raacheelb jedhamtu akkas jetteetti:

“Mana barumsaa deemuurra bakka kamiyyuu deemuun jaalladha. Naannoo haroo deemuu, nyaata bilcheessuu ykn qulqulleessuudhaan warra koo gargaaruun filadha.”

Atis akkuma Raacheel sitti dhagaʼama taanaan waggoonni barumsa irratti dabarsitu akkuma nama mana hidhaa keessa jiruu hanga barumsa xumurtutti keessaa baʼuu waan hin dandeenye fakkaata. Waggoota barumsa irratti dabarsitu karaa buʼaa gaarii qabuun ilaaluu ni dandeessaa?

Kana beektaa? Barumsaaf ilaalcha sirrii yommuu guddifattu haala si mudatu toʼachuu fi barumsa kee wanta obsa kee qoru gootee ilaaluu dhiista. Barumsi ogummaa gara fuulduraatti si fayyadu guddifachuu fi fooyyeffachuuf si gargaarudha.

Barumsaaf ilaalcha gaarii qabdu guddifachuuf yaadawwan armaan gadiirratti xiyyeeffachuuf yaali.

Fakkii dabtaraa fi qubeessaa.

Barumsa kee. Barachuun kee gara fuulduraatti hojii irrattis taʼe haala kaan keessatti yommuu rakkinni si mudatu yeroo hunda warra kaanitti hirkachuu mannaa ofii keetiin furuuf si gargaara. Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Sababawwan barumsa akkan jibbu na taasisan tokko tokko jiraatan illee faayidaa ani barumsa irraa argadhu maalidha?’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu.”—Fakkeenya 3:21.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Yeroo Hunda Qormaata Kanan Kufu yoo Taʼe Maal Gochuun Dandaʼa?” jedhu ilaali.

Fakkii qajeelfamoota tarreeffamanii.

Barsiifata kee. Barumsi yeroo keetti fayyadamuu, of toʼachuu fi jabaattee hojjechuu isa amala gaarii taʼee fi gaʼeessa yommuu taatu si barbaachisu horachuu si barsiisa. Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Barumsi barsiifata gaarii of toʼachuu fi jabaadhee hojjechuu akkan horadhu kan na gargaaru karaawwan kamiinidha? Gama kanaan fooyyaʼiinsa akkamii gochuun qaba?’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

Fakkii namoota waliin haasaʼaa jiran lama.

Walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabdu. Ijoollee waliin barattanii wajjin walii galuun, namootaaf gadduu fi kabaja horachuuf si gargaara. Dargaggeessi Jaashawaa jedhamu akkas jedheera; “Namootaa wajjin haasaʼuu barachuun akkuma seenaa fi saayinsii barachuu barbaachisaa kan taʼedha. Ogummaa jireenya kee guutuu itti fayyadamtudha.” Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Ijoollee akkaataa guddinaa ykn amantii kan koo irraa adda taʼe qaban dabalatee mana barumsaatti walitti dhufeenya warra kaanii wajjin horachuu ilaalchisee maalan baradhe?’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqaa.”—Ibroota 12:14.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Dandeettii Namootaa Wajjin Haasaʼuuf Qabu Fooyyeffachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

Fakkii nama daandii irra deemaa jiru tokko.

Abdii kee gara fuulduraa. Barumsi dandeettii qabdu hubachuu fi kanarratti hundaaʼuudhaan galma baafachuuf si gargaara. Dargaggeettiin Biruukee jedhamtu akkas jetteetti; “Akkuman ani godhe gaafa barumsa kee xumurtu hojii argachuuf waan si gargaaruuf leenjii hojii taʼe tokko irratti bobbaʼuuf si gargaaru horachuu dandeessa.” Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Barumsa ergan xumuree booda hojii of jiraachisuuf na gargaaru argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Barumsa koo hojichaa wajjin walsimsiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Daandii miila keetii wal qixxeeffadhu.”—Fakkeenya 4:26.

a Mata dureen kun ijoollee mana taʼanii barataniifis ni hojjeta.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

Hiriyoonni kee maal jedhu

  • Maadisan.

    “Hojiin garee yeroo kennamu namoota garagaraa wajjin nan hojjedhan ture. Akkas gochuudhaan yaada namoonni akkaataa guddinaa fi jireenyaa koorraa adda taʼe qaban kennan dhagaʼuu baradheera. Ijoolleen naa wajjin baratan hedduun gaarii fi kan isaan hin ceephaane akkan taʼe waan beekaniif gammadoo fi kabaja kan naaf qabanidha.”—Maadisan.

  • Ryan.

    “Ijoollee waliin barannuuf ilaalcha sirrii qabaachuu baradheera. Baayʼeen isaanii namoota gaarii taʼuuf carraaqqii godhu turan. Kanaafuu carraan itti Kitaaba Qulqulluu irraa wanta isaan jajjabeessu hirun barbaada ture.”—Rayaan.

  • Biruukee.

    “Barumsi dandeettii namootaa wajjin walii galuu horachuu guddifachuuf si gargaara. Guyyaatti ijoollee waliin barattuu wajjin yeroo dheeraa waan dabarsituuf wanta jechuu qabduu fi jechuu hin qabne baratta, obsa argisiisuu fi wanta qabdu namaaf hiruu baratta. Yeroo barumsa jabina qaamaatti ispoortiiwwan gareedhaan hojjetaman taphatta; kunimmoo dandeettii ofiikeetiin qofa barachuu hin dandeenye jechuunis gareedhaan hojjechuu si barsiisa.”—Biruukee.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi