LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 28
  • Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yohaannis 14:6—“Karaan, Dhugaanii fi Jireenyi Ana”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Maqaa Yesusiin Kan Kadhannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • ‘Karaa, Dhugaa fi Jireenya’
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Yesuus Nama Akkamiiti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 28

Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Waaqayyo karaa Yesuus qofa gara isaatti akka dhihaannu waan barbaaduuf, maqaa Yesuusiin gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuu qabna. Yesuus akkana jedheera: “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.” (Yohaannis 14:6) Kana malees Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼaniin akkana jedheera: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yohaannis 16:23.

Sababiiwwan maqaa Yesuusiin kadhachuun barbaachisaa itti taʼe dabalataa

  • Yesuusii fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef ulfina kennuuf.—Filiphisiyus 2:9-11.

  • Qophii Waaqayyo nu fayyisuuf jecha, Yesuus akka duʼu gochuudhaan nuuf qopheesse akka dinqisiifannu argisiisuuf.—Maatewos 20:28; Hojii Ergamootaa 4:12.

  • Gahee addaa Yesuus Waaqayyoo fi namoota gidduutti araarsaa taʼee tajaajiluuf qabu akka fudhanne argisiisuuf.—Ibroota 7:25.

  • Yesuus Waaqayyoo duratti ejjennoo fudhatama qabu akka argannu gochuuf, gahee Luba Ol Aanaa taʼuudhaan raawwatu akka kabajnu argisiisuuf.—Ibroota 4:14-16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi