LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 17
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Xiyoonotadhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Xiyoonotadhaa?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Siyaasa Keessa Kan Hin Seenne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Addunyaa Qoqqoodame Kana Keessatti Adda Taʼaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • ‘Isaan Kan Biyya Lafaa Miti’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 17

Dhugaa Baatonni Yihowaa Xiyoonotadhaa?

Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota amantiinsaanii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼedha. Amantiiwwan tokko tokko Yihudoonni Filisxeemitti walitti qabamuunsaanii raawwii raajii Macaafa Qulqulluu akka taʼe kan dubbatan taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu ilaalcha akkasii hin qaban. Macaafni Qulqulluun waaʼee sochii siyaasaa kanaa raajii dubbateera jedhanii hin amanan. Macaafni Qulqulluun bulchiinsi ilmaan namaa kamiyyuu gaarii akka taʼetti hin beeksisu ykn qomoon tokko isa kaanirra akka caalu hin dubbatu. Barruun Masaraa Eegumsaa jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼu yaada kanaa wajjin akka walii hin galle haala ibsuun, “Caqasni warraaqsa Xiyoonotaa deggeru hin jiru” jechuudhaan dubbateera.

Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu, “Kaayyoon warraaqsa Xiyoonotaa Yihudoota Filisxeem keessatti walitti qabuudhaan bulchiinsa Yihudootaa hundeessuudha” jechuudhaan ibseera. Sochiin kun amantiifi siyaasa kan of keessatti qabatedha. Dhugaa Baatonni Yihowaa sochii Xiyoonotaa barumsa amantii wajjin wal hin qabsiisan, akkasumas warraaqsa siyaasaa isaan geggeessan keessa hin seenan.

Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa amantii qofarratti kan xiyyeeffatedha; warraaqsa Xiyoonotaa dabalatee sochii siyaasaa kamiyyuu hin deggeru. Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa kan hin seenne taʼuusaaniitiin eessattiyyuu kan beekamanidha. Biyyoota tokko tokko keessatti immoo ejjennoosaanii laaffisuu mannaa, ariʼatamni cimaan akka isaanirra gaʼu filataniiru. Nagaa dhaabbataa taʼe lafa kanarratti kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe ni amanna. Bulchiinsi ykn warraaqsi ilmaan namootaa kana fiduu dandaʼu hin jiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya kamiyyuu jiraatan seeraafi mootummaa biyyichaatiif abboomamuu akka qaban ni amanu. Abbootii taayitaarratti fincila hin kaasan ykn waraanarratti hin hirmaatan.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi