LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 35
  • Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Qillee Ilaalchisee Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Qillee Ilaalchisee Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa barsiifatawwan Ayyaana Qillee
  • Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee Kabajuu Qabuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Yesuus Kiristos Kan Hin Kabajne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 35

Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Qillee Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun Yesuus yoom akka dhalates taʼe, guyyaa dhalootaa isaa kabajuu akka qabnu hin dubbatu. Kitaabni McClintock and Strong’s Cyclopedia jedhamu akkana jedheera: “Ayyaana Qillee akka kabajnu Waaqni hin ajajne; Kakuu Haaraa keessattis hin caqasamne.”

Kanaa mannaa, seenaa Ayyaana Qillee yeroo qorannu barsiifatawwan namoota Waaqayyoon hin beeknee irraa akka dhufe hubanna. Kitaabni Qulqulluun karaa isa duratti fudhatama hin qabneen yoo isa waaqeffanne Waaqayyo akka nutti gaddu dubbata.—Baʼuu 32:5-7.

Seenaa barsiifatawwan Ayyaana Qillee

  1. Guyyaa dhalootaa Yesuus kabajuu: “Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, guyyaa dhalootaa nama kamii iyyuu kabajuun barsiifata namoota Waaqayyoon hin beeknee akka taʼetti waan ilaalaniif guyyaa dhalootaa [Yesuus] hin kabajan turan.”—The World Book Encyclopedia.

  2. Muddee 29: Yesuus guyyaa kanatti dhalachuu isaa ragaan mirkaneessu hin jiru. Geggeessitoonni amantii, guyyaa kana kan filatan ayyaanni kun ayyaanota namoonni Waaqayyoon hin beekne yeroo aduun wiirtuu lafaa irraa fagaattutti kabajan kaanii wajjin akka wal simu gochuuf taʼuu hin oolu.

  3. Kennaa kennuu fi qophiiwwan garaa garaa: Kitaabni The Encyclopedia Americana jedhamu akkana jedheera: “Barsiifanni yeroo ayyaana Qilleetti raawwatamu hedduun ayyaana warra Roomaa Saatarnaaliyaa jedhamuu fi walakkaa Muddee keessa kabajamaa ture irratti kan hundaaʼe dha. Kun fakkeenyaaf afeeraa qopheessuu, kennaawwan kennuu fi dungoo bobeessuu dabalata.” Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu immoo, yeroo Saatarnaaliyaan kabajamutti “hojiin hundii fi daldalli hin hojjetamu ture” jedheera.

  4. Ibsaawwan ayyaana qillee: Kitaabni The Encyclopedia of Religion jedhamu akka ibsetti, warri Awurooppaa ayyaana yeroo aduun wiirtuu lafaa irraa fagaattu kabajamu kabajuu fi hafuurota hamoo of irraa ittisuuf “ibsaawwanii fi mukoota magariisa taʼaniin” mana isaanii bareechu turan.

  5. Muka Ayyaana Qillee: “Namoota Awurooppaa Waaqayyoon hin beekne gidduutti muka waaqeffachuun baramaa ture; kun immoo erga isaan Kiristiyaanummaatti jijjiiramaniis itti fufeera.” Karaa barsiifanni muka waaqeffachuu itti fufe keessaa tokko barsiifata “ayyaanonni ganna keessa kabajaman yeroo kabajamanitti muka Ayyaana Qillee balbala irra ykn mana keessa kaaʼuu” ture.—Encyclopædia Britannica.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi