LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 40
  • Yaada Kitaaba Qulqulluu Hubachuuf Maaltu Si Barbaachisa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Kitaaba Qulqulluu Hubachuuf Maaltu Si Barbaachisa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaaba Qulqulluu Hubachuu ni Barbaaddaa?
    Dammaqaa!—2017
  • “Furtuuwwan Mootummaa” kan Jedhaman Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Macaafa Qulqulluu Dubbisuun kan Barbaachisu Maaliifi?
    Macaafa Qulqulluu Dubbisuun kan Barbaachisu Maaliifi?
  • “Yaada Waaqayyoo Isa Gad Fagoo” Qoruu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 40
Dubartii Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu.

Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu—Yaada Kitaaba Qulqulluu Hubachuuf Maaltu Si Barbaachisa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kutaabumti Qulqulluun iyyuu isa hubachuuf wanta si barbaachisu ni ibsa. Akkaataan guddinaa kee kan akkamii iyyuu yoo taʼe, ergaan Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessa jiru ‘baay’ee rakkisaa miti, si irraas fagoo miti.’—Keessa Deebii 30:11.

Kitaaba Qulqulluu hubachuuf wantoota murteessoo taʼan

  1. Ilaalcha sirrii qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa amani. Waaqayyo of tuultota waan mormuuf, kan gad of qabdu taʼi. (1 Tasalonqee 2:13; Yaaqoob 4:6) Taʼus, dhugaa jiru osoo hin hubatin waan dubbiste ykn dhageesse tokko callistee hin amanin; Waaqayyo ‘dandeettii yaaduu keetti’ akka fayyadamtu barbaada.—Roomaa 12:1, 2.

  2. Ogummaa argachuuf kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun Fakkeenya 3:5 irratti, “hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. Kanaa mannaa ogummaa Kitaaba Qulqulluu hubachuuf si gargaaru argachuuf ‘Waaqayyoon kadhachuu kee itti fufi.’—Yaaqoob 1:5.

  3. Yeroo hunda qoʼadhu. Kitaaba Qulqulluu kan qoʼattu darbee darbee utuu hin taʼin yeroo hunda yoo taʼe faayidaa guddaa irraa argatta.—Iyaasuu 1:8.

  4. Mata duree mata dureedhaan qoʼadhu. Mata duree mata dureedhaan qoʼachuun Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhimma tokkoo maal akka jedhu hubachuuf waan si gargaaruuf, barumsa Kitaabni Qulqulluu hubachuuf mala gaarii dha. “Barumsa isa jalqabaa” irraa eegali; achiis, barumsawwan ciccimoo ‘gara bilchinaatti deemuuf’ gargaaran qoʼadhu. (Ibroota 6:1, 2) Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko isa kan biraa wajjin wal bira qabdee yommuu ilaaltu, kutaawwan “hubachuuf ulfaataa taʼan” dabalatee kutaan Kitaaba Qulqulluu tokko isa kan biraa irratti ibsa akka kennu ni hubatta.—2 Pheexiros 3:16.

  5. Warra kaan gargaarsa gaafadhu. Kitaabni Qulqulluun namoota Kitaaba kana hubatan kaan gargaarsa akka gaafannu nu jajjabeessa. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31) Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf affeerraa ni dhiheessu. Akkuma Kiristiyaanota durii, yaada achi irra jirutti fayyadamanii warri kaan wanta Kitaabni Qulqulluun dhugumaan barsiisu akka hubatan isaan gargaaru.—Hojii Ergamootaa 17:2, 3.

Wantoota si hin barbaachisne

  1. Dandeettii guddaa ykn barumsa ol aanaa. Namoonni tokko tokko ergamoota Yesuus 12n “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalanis, isaan garuu yaada Kitaaba Qulqulluu hubataniiru, warra kaanis barsiisaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:13.

  2. Qarshii. Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu kaffaltii malee barachuu dandeessa. Yesuus barattoota isaatiin, “Waan tola fudhattaniif, tola kennaa” jedheera.—Maatewos 10:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi