LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 23
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Irratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Irratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gumaacha hawaasaaf goonu
  • ‘Isaan Kan Biyya Lafaa Miti’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraanarratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Waraana
    Dammaqaa!—2017
  • Eenyuuf Abboomamuu Akka Qabnu Beekuu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 23
Loltoota waraana irratti dhokatanii qawwee dhukaasan.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Irratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?

Sababiiwwan armaan gadiitiin kan kaʼe Dhugaa Baatonni Yihowaa waraana irratti hin hirmaatan:

  1. Waaqayyoof abboomamuu. Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni Waaqayyoo ‘billaa isaanii maarashaatti’ akka geddaratanii fi ‘lola akka hin barre’ dubbata.—Isaayaas 2:4.

  2. Yesuusiif abboomamuu. Yesuus Pheexiros ergamaadhaan, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedheera. (Maatewos 26:52) Yesuus yeroo akkas jedhetti duuka buutonni isaa meeshaalee waraanaa baachuu akka hin qabne argisiisuu isaa ture.

    Barattoonni Yesuus dhimmoota siyaasaa irraa walaba taʼuudhaan abboomii Yesuus ‘kutaa addunyaa akka hin taane’ isaanii kenneef ajajamu. (Yohaannis 17:16) Sochii waraanaaf godhamu hin morman ykn namoota humna waraanaa keessa seenanii tajaajiluu barbaadan hin dhorkan.

  3. Jaalala namootaaf qabnu. Yesuus barattoonni isaa ‘akka wal jaallatan’ abboomeera. (Yohaannis 13:34, 35) Kanaan kan kaʼes obbolummaa addunyaa maraa, namni tokko iyyuu obboleessa isaa ykn obboleettii isaa irratti waraana hin banne hundeessaniiru.—1 Yohaannis 3:10-12.

  4. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa. Encyclopedia of Religion and War, sochiiwwan kun “seera jaalalaa Yesuusii fi diina ofii jaallachuu wajjin kan walitti buʼan” taʼuu isaanii waan hubataniif, “duuka buutonni Yesuus bara durii waraanaa fi tajaajila loltummaa irratti hin hirmaanne” jechuudhaan ibseera. Haaluma wal fakkaatuun qorataan amantii Jarman, Pitar Meeyinhooldi barattoota Yesuus bara durii ilaalchisee, “Kiristiyaanaa fi loltuu taʼuun wanta walii wajjin hin deemne dha” jedheera.

Gumaacha hawaasaaf goonu

Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasa keessa jiraatan kan fayyadan yommuu taʼu, wanti biyya jiraatan keessatti nageenyaaf akka sodaataman isaan taasisu hin jiru. Ajajawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii irratti hundoofnee abbootii taayitaatiif abboomamna:

  • “Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu.”—Roomaa 13:1.

  • “Yoos wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa”—Maatewos 22:21.

Kanaafuu, seeraaf ni ajajamna, qaraxa ni kaffalla akkasumas wanta mootummaan uummata fayyaduuf godhu ni deggerra.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi