LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 64
  • Fakkiiwwan Waaqeffachuu Qabnaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkiiwwan Waaqeffachuu Qabnaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Barumsa Dogoggoraa 6: Waaqayyo Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ni Deggera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waaqeffannaan Keenya Waaqayyoon Akka Gammachiisu Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 64

Fakkiiwwan Waaqeffachuu Qabnaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki, waaqeffachuu hin qabnu. Seerawwan Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne ilaalchisee kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu akkana jedheera: “Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa irraa fakkiiwwan waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo akka hin qabne ifatti hubachuun ni dandaʼama.” Mee caqasoota Kitaaba Qulqulluu armaan gadii haa ilaallu:

  • “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu [dha].” (Baʼuu 20:4, 5) Waaqayyo “namoonni guutummaatti akka isaaf bulan” kan barbaadu waan taʼeef fakkiiwwan, waaqolii tolfamoo, bocawwan, siidaawwan ykn mallattoowwan jajachuun ykn waaqeffachuun keenya isa hin gammachiisu.

  • “Galata koo . . . fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.” (Isaayyaas 42:8) Waaqayyo waaqeffannaa fakkiiwwanitti fayyadamuudhaan isaaf dhihaatu hin fudhatu. Israaʼelonni tokko tokko siidaa jabbii fayyadamanii isa waaqeffachuuf yommuu yaalanitti, Waaqayyo cubbuu cimaa akka hojjetan dubbateera.—Baʼuu 32:7-9.

  • “Waaqayyo warqii, meetii yookiin dhagaa ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.” (Hojii Ergamootaa 17:29) Namoota fakkiiwwan “ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame” fayyadamanii waaqeffannaa dhiheessan irraa haala akka taʼeen, Kiristiyaanonni akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu ‘ijaan arguudhaan utuu hin taʼin, amantiidhaan deddeebiʼuu’ qabu.—2 Qorontos 5:7.

  • “Waaqolii tolfamoo irraa of eegaa.” (1 Yohaannis 5:21) Kitaabni Qulqulluun ajajawwan saba Israaʼeliifis taʼe Kiristiyaanotaaf kenname keessatti, barumsi Waaqayyo fakkiiwwanii fi bocawwanitti fayyadamuu ni deeggara jedhu dogoggora taʼuu isaa ni saaxila.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi