LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 52
  • Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Jireenya Kaayyoo Qabu Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Waaqayyo Michuu Hundarra Caalu Siif Taʼa
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 52

Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Gaaffiin kaayyoo jireenyaa ilaalchisee kaʼu karaa hedduudhaan gaafatamuu dandaʼa, fakkeenyaaf Lafa irra kan jiraannu maaliifi? ykn Jireenyi koo kaayyoo qabaa? Kitaabni Qulqulluun kaayyoon jireenyaa keenya Waaqayyo wajjin michummaa uumuu akka taʼe argisiisa. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaabni Qulqulluun ibsu tokko tokko ilaali.

  • Waaqayyo uumaa keenya. Kitaabni Qulqulluun, “Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti” jedha.—Faarfannaa 100:3; Mulʼata 4:11.

  • Waaqayyo nu dabalatee uumamawwan isaa hundaaf kaayyoo qaba.—Isaayaas 45:18.

  • Waaqayyo kaayyoo jireenyaa barbaaduu dabalatee ‘wantoota hafuuraatiif’ fedhii akka qabaannu godhee nu uume. (Maatewos 5:3) Fedhii kanas akka guuttannu barbaada.—Faarfannaa 145:16.

  • Waaqayyo wajjin michummaa uumuudhaan fedhii hafuuraa keenya guuttanna. Waaqayyo wajjin michummaa uumuu yaadni jedhu namoota tokko tokkoof wanta hin dandaʼamne kan fakkaatu taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Yaaqoob 4:8; 2:23.

  • Michuu Waaqayyoo taʼuuf kaayyoo inni nuuf qabu wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun kaayyoo isaa kana ilaalchisee Lallaba 12:13 irratti akkana jedha: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama.”

  • Gara fuulduraatti yommuu Waaqayyo rakkina balleessuu fi michoota isaa isa waaqeffataniif jireenya bara baraa kennu kaayyoon isaa inni jalqabaa guutummaatti yeroo raawwatamu arguu dandeenya.—Faarfannaa 37:10, 11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi