LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 56
  • Diyaabilos Namoota Toʼachuu ni Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Diyaabilos Namoota Toʼachuu ni Dandaʼaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Seexanni Dhugumaan Jiraa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 56

Diyaabilos Namoota Toʼachuu ni Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun, Diyaabilosii fi jinniiwwan namoota irratti dhibbaa guddaa akka geessisan yeroo ibsu, ‘guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira’ jedha. (1 Yohaannis 5:19, Hiika bara 1997) Kitaabni Qulqulluun malawwan Diyaabilos namoota irratti dhiibbaa gochuuf itti fayyadamu adda baasee ibsa.

  • Gowwoomsaa. Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni ‘mala haxxummaa Diyaabilos mormanii akka dhaabatan’ jajjabeessa. (Efesoon 6:11) Haxxummaa inni itti fayyadamu keessaa tokko namoonni bakka buutota isaa taʼan tajaajiltoota Waaqayyoo akka taʼan namoota amansiisuu dha.—2 Qorontos 11:13-15.

  • Gochawwan hafuurota hamoo. Diyaabilos namoota gowwoomsuuf eker dubbistuu, namoota hooda dubbatan ykn urjii lakkaaʼanitti fayyadama. (Keessa Deebii 18:10-12) Kana malees, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu, dawweessuu fi malli xiinxaluu samuu namaa duwwaa godhu, namoonni toʼannaa jinniiwwanii jala akka taʼan taasisu.—Luqaas 11:24-26.

  • Amantii sobaa. Dhaabbileen amantii barumsawwan sobaa barsiisan namoonni Waaqayyoof akka hin ajajamne gowwoomsu. (1 Qorontos 10:20) Kitaabni Qulqulluun barsiisa sobaa akkasii “barumsa jinniiwwanii” jedhee waama.—1 Ximotewos 4:1.

  • Namoota toʼachuu. Kitaabni Qulqulluun seenaawwan hafuuronni hamoon namoota toʼannaa isaanii jala akka galchan ibsan qabateera. Yeroo tokko tokko namoonni jinniitiin qabaman qaroon isaanii akka jaame ykn arrabni isaanii akka hidhame ykn miidhaa akka of irra geessisan ibsameera.—Maatewos 12:22; Maarqos 5:2-5.

Dhiibbaa Diyaabilos of irraa ittisuun kan dandaʼamu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun karaa buʼa qabeessa Diyaabilosiin mormuu itti dandeessu waan sitti himuuf dhiibbaa jinniiwwanii sodaachaa jiraachuu hin qabdu:

  • ‘Akeeka Diyaabilos beekuuf’ malawwan inni fayyadamu beekuu nu barbaachisa.—2 Qorontos 2:11.

  • Beekumsa Kitaaba Qulqulluu argachuu fi wanta baratte hojii irra oolchuu qabda. Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun kee, dhiibbaa Diyaabilos irraa si eega.—Efesoon 6:11-18.

  • Wantoota jinniiwwanii wajjin wal qabatan kam iyyuu balleessi. (Hojii Ergamootaa 19:19) Isaanis muuziqaawwan, kitaabota, barruulee, poostarootaa fi viidiyoowwan gochawwan hafuurota hamoo jajjabeessan dabalatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi