LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 79
  • Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiru Dhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiru Dhaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Mootummaan Waaqayyoo Haala Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mootummaan Waaqayyoo Waan Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 79
Fakkii Mootummaan Waaqayyoo kallattiidhaan garaa qaama keenya keessa jiraachuu akka hin dandeenye argisiisu

Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki, Mootummaan Waaqayyoo haala garaa Kiristiyaanotaa keessa jiru kan argisiisu miti.a Kitaabni Qulqulluun mootummaa kana ‘Mootummaa samii’ jedhee waamuudhaan eessatti akka argamu ibsa. (Maatewos 4:17) Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irraa bulchu akka taʼe ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa ilaallu.

  • Mootummaan Waaqayyoo bulchitoota, kan jalatti bulanii fi seera kan qabu siʼa taʼu hojii fedhii Waaqayyoo samii fi lafa irratti raawwachiisuu isaaniif kennameera.—Maatewos 6:10; Mulʼata 5:10.

  • Bulchiinsi ykn Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa ‘uummata, sabootaa fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatanii’ fi lafa irra jiraatan irratti bulchu dha. (Daaniʼel 7:13, 14) Aangoo bulchuu kan argate namoota isa jalatti bulan irraa utuu hin taʼin Waaqayyo irraa ti.—Faarfannaa 2:4-6; Isaayyaas 9:7.

  • Yesuus ergamoonni isaa amanamoo taʼan, Mootummaa isaa isa samii irratti isaa wajjin akka taʼanii fi achittis ‘teessoowwan irra akka taaʼan’ isaanitti himeera.—Luqaas 22:28, 30.

  • Mootummichi diinota qaba; diinota isaa kanas gara fuulduraatti ni balleessa.—Faarfannaa 2:1, 2, 8, 9; 110:1, 2; 1 Qorontos 15:25, 26.

Kitaabni Qulqulluun Mootummaan Waaqayyoo wanta garaa namaa keessatti argamu, akkasumas kan bulchamu garaa nama sanaatiin akka taʼe hin barsiisu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ‘dubbiin Mootummichaa’ ykn “misiraachoon Mootummichaa” garaa keenya keessa jiraachuu akka dandaʼu, garaa keenya keessa akka jiraatu gochuu akka qabnu ibsa.—Maatewos 13:19; 24:14.

“Mootummaan Waaqayyoo Isin Keessa Jira” Jechuun Maal Jechuu Dha?

Akkaataa Kitaabonni Qulqulluu tokko tokko Luqaas 17:21 itti hiikan namoonni tokko tokko bakka Mootummichi jiru ilaalchisee akka burjaajaʼan godheera. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hiika bara 1899 “Mootummaan Waaqayyoo isin keessa jira” jedha. Caqasa kana sirriitti hubachuuf yaada naannoo isaa jiru ilaaluu qabna.

Geggeessitoota amantii Yesuusiin morman tokko tokko

Mootummaan Waaqayyoo garaa mormitootaa fi Yesuusiin ajjeesuu barbaadanii keessa jiraachuu hin dandaʼu

Yesuus yaada kana dubbachaa kan ture Fariisotatti dha; Fariisonni immoo garee geggeessitoota amantii Yesuusiin mormanii fi isa ajjeesuuf mariʼachaa turani dha. (Maatewos 12:14; Luqaas 17:20) Maarree Mootummichi haala garaa namoota hamoo taʼan keessa jiru akka taʼe yaaduun sirrii dhaa? Yesuus Fariisotaan, “Keessi keessan . . . fakkeessaa fi hamminaan kan guutame dha” isaaniin jedheera.—Maatewos 23:27, 28.

Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu yaada Luqaas 17:21 irratti argamu sirriitti kaaʼan kan biroon jiru: “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira.” (Dalga kan ciibse nuyi; Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997) “Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jira.” (Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa) Mootummaan Waaqayyoo Fariisota “gidduu” akka taʼe kan ibsame, Mootiin Mootummaa kanaa akka taʼu Waaqayyoon kan muudame isaan gidduu waan tureefi dha.—Luqaas 1:32, 33.

a Dhaabbileen amantaa Kiristiyaanaa hedduun Mootummaan Waaqayyoo wanta nama tokko keessa ykn garaa isaa keessa jiru akka taʼe barsiisu. Fakkeenyaaf, amantaan Kiristiyaanaa Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko Mootummaan Waaqayyoo gama tokkon “Waaqayyo haala garaa fi jireenya nama tokkoo irratti mootii taʼuu isaa kan argisiisu dha” jedhee barsiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Phaaphaasii Roomaa guddicha kan taʼan Benediikti 16ffaan kitaaba isaanii Jesus of Nazareth jedhamu irratti, “Mootummaan Waaqayyoo karaa garaa namoota ajajamoo taʼanii dhufa” jechuudhaan ibsaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi