LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 42
  • Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin Maali Dha?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhaabbileen kaan waliin akka hojjetan gochuu
  • Saanduqa Gaaffii
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • ‘Garaa Tokkoofi Yaada Tokkoon’ Waaqayyoon Tajaajiluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • ‘Nuyi Fuula Waaqayyoo Duratti Wanta Arganne Haa Fidnu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • ‘Mirga Kennuuf’ Qabdanitti Ni Gammadduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 42
Mallattoo Waachtaawar waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamu gubbaa jiru

Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin Maali Dha?

Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin dhaabbata akka seera Koomanweelzi oof Pensilvaaniyaatti bara 1884​tti kan hundaaʼe siʼa taʼu, dhaabbata buʼaadhaaf hundaaʼe miti. Dhaabbata Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii addunyaa maratti hojjetan deggeruudhaaf itti fayyadamani dha. Hojiin isaanii kun Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu ni dabalata.

Chaartariin dhaabbatichaa akka ibsutti, kaayyoon dhaabbatichaa ‘amantii, barumsaa fi gargaarsa gochuu’ wajjin kan wal qabatu siʼa taʼu, keessumaa “Wangeela waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Yesus Kiristos bulchuu lallabuu fi barsiisuu” irratti kan xiyyeeffatu dha. Namoonni miseensa dhaabbata kanaa kan taʼan afeeramanii ti malee, buusii qarshii godhan irratti hundaaʼee miti. Miseensonnii fi geggeessitoonni dhaabbata kanaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa deggeru.

Dhaabbileen kaan waliin akka hojjetan gochuu

Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii oof Pensilvaaniyaadhaan alattis, biyyoota garaa garaa keessatti dhaabbilee garaa garaatti ni fayyadamu. Dhaabbilee kana keessaa tokko tokko maqaa isaanii keessatti, jecha kan akka “Watch Tower,” “Watchtower” jedhu ykn jechoota kana hiikanii itti fayyadamu.

Dhaabilleen kun yeroo hundeeffamanii kaasee wantoota hedduu akka hojjennu nu dandeessisaniiru. Fakkeenyaaf:

  • Barreessuu fi Maxxansuu. Kitaaba Qulqulluu gara miliyoona 253 taʼu maxxansineerra. Barreeffamoonni keenya afaan 1,050 oliin ni argamu. Weebsaayitiin jw.org jedhamu namoonni kaffaltii malee afaan 300 oliin Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan intarneetii irraa akka dubbisan dandeessiseera; gaaffii “Mootummaan Waaqayyoo maali dha?” jedhu dabalatee gaaffilee hedduudhaafis deebii argachuuf isaan gargaareera.

  • Barumsa. Manneen barumsaa garaa garaa Kitaaba Qulqulluu itti barsiisnu qabna. Fakkeenyaaf, bara 1943 kaasee Dhugaa Baatonni gara 10,000 taʼan, barumsa balʼaa Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaaditti kennamu irraa fayyadamaniiru; barumsi kun gaʼumsa misiyoonota taʼanii tajaajiluuf ykn hojii addunyaa maratti hojjennu cimsuuf isaan dandeessisu akka argatan isaan gargaareera. Torban torbaniin immoo namoota Dhugaa Baatota hin taane dabalatee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman walgaʼii gumiiwwan keenya keessatti geggeeffaman irraa barumsa ni argatu. Dubbisuu fi barreessuus kan barsiisnu siʼa taʼu, kitaaba gama kanaan gargaaru afaan 136n qopheessineerra.

  • Gargaarsa. Warra balaan gaddisiisaan miidhaa isaan irraan gaʼeef wanta barbaachisu ni dhiheessina. Balaa nam-tolchee, kan akka ajjeechaa sanyii bara 1994​tti Ruwaandaatti taasifamee irrattis taʼe, balaa uumamaa kan akka kirkira lafaa bara 2010​tti Haayitii mudatee irratti gargaarsa gooneerra.

Dhaabbileen nuti itti fayyadamnu hojii keenya galmaan gaʼuu irratti baayʼee kan nu gargaaran taʼus, hojiin keenya isaan irratti kan hundaaʼe miti. Dhugaa Baatonni hundi hojii misiraachicha akka lallabanii fi akka barsiisaniif Waaqayyo isaanii kenne hojjechuuf itti gaafatamummaa qabu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Waaqayyo hojii keenya akka deggeruu fi ‘guddisuu’ isaa akka itti fufu ni amanna.—1 Qorontos 3:6, 7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi