LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 54
  • Mana Keessatti Seerri Ni Barbaachisaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mana Keessatti Seerri Ni Barbaachisaa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ilaalcha sirrii
  • Akkaataa dhiheenyaa sirrii
  • Warri Koo Seera Kan Natti Baayʼisan Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Seerawwan Warri Koo Baasan Ilaalchisee Isaan Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Mucaa Keessan Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiruuf Seera Baasuu
    Dammaqaa!—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 54
Ilma abbaa isaa dhageeffachaa jiru

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Mana Keessatti Seerri Ni Barbaachisaa?

Seerri warri kee baasan kan si hacuucu sitti taʼeeraa? Mata dureen kunii fi gilgaalli mata duree kana wajjin walqabatee jiru warra kee haasofsiisuuf si gargaara.

  • Ilaalcha sirrii

  • Akkaataa dhiheenyaa sirrii

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Ilaalcha sirrii

Yaadaa dogoggoraa: Yommuu of dandeessee jiraattu seera kam irra iyyuu yeroo hundumaaf bilisa taata.

Dhugaa jiru: Of dandeessee jiraachuun seera jalaa bilisa si hin godhu. Qaamni aangoo qabu tokko jiraachuun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf hogganaa kee, nama mana siif kireesse ykn mootummaa illee taʼuu dandaʼa. Daaniyelaa ishii umuriin ishii 19 taʼe, “Dargaggoonni seera warra isaanii hin kabajne of dandaʼanii jiraachuu yommuu jalqabanitti wanti isaan itti hin yaadne akka isaan mudatu natti dhagaʼama” jetteetti.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? ‘Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif ajajamaa.’ (Tiitoo 3:1) Seera warri kee baasan kan kabajju taanaan gaʼeessa yommuu taatutti leenjii gaarii qorumsa si mudachuu dandaʼu moʼuuf si gargaaru argatta.

Wanta gochuu dandeessu: Faayidaawwan seerri warri kee baasan qaban yaaduuf yaali. Dargaggeessi Jeremii jedhamu akkas jedheera: “Seerri warri koo baasan hiriyoota gaarii akkan baafadhuu fi yeroo koo akka gaariitti akkan itti fayyadamu na gargaareera. Seerri kun televijiinii ilaaluu fi geemii viidiyoo taphachuudhaan yeroo akkan hin balleessine, akkasumas barsiifata gaarii ani amma illee jaalladhu tokko tokko akkan horadhu na gargaareera.”

Akkaataa dhiheenyaa sirrii

Seerri warri kee baasan sababa qabeessa akka hin taane yoo sitti dhagaʼame hoo? Fakkeenyaaf shamarreen Tamaraa jedhamtu akkas jetteetti: “Warri koo biyya gara biraa akkan dhaqu naaf heyyamanii turan. Ergan deebiʼee booda garuu konkolaataa oofaa magaalaa daqiiqaa 20 qofa fagaatu illee akkan deemuu naaf hin heyyaman.”

Haalli kee kanaa wajjin kan wal fakkaatu taanaan, seericha ilaalchisee warra kee haasofsiisuun dogoggora dhaa? Matumaa! Wanti guddaan warra kee yoomii fi akkamitti haasofsiisuu akka qabdu beekuu dha.

Yoom. Shamarreen Amandaa jedhamtuu fi umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkas jetteetti: “Seerri tokko akka fooyyaʼuuf warra kee haasofsiisuu kee dura nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuu kee argisiisuu qabda.”

Shamarreen Daariyaa jedhamtu yaada kana irratti walii galti. “Haati koo jijjiirama gochuuf kan murteessite seerawwan ishiin baasteef akkan ajajamu erga argitee booda” jetteetti. Namni amanannaa kan si irratti godhatu waan ati barbaaddeef utuu hin taʼin, nama amanannaan irratti gatamu taʼuu kee waan mirkaneessiteef akka taʼe hubadhu.

Xiyyaarota kallattii garagaraatiin buufata xiyyaaraatti dhihaatan

Mana seerri warri baasan hin kabajamne keessa jiraachuun bakka seera tiraafiikii qilleensaa hin eegamnetti xiyyaara qabachiisuuf yaaluu wajjin tokko dha

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Ajaja abbaa keetii eegi, barumsa haadha teetiis hin dhiisin.” (Fakkeenya 6:20) Gorsa kana hojii irra oolchuun kee warri kee amanannaa akka si irratti gatan waan taasisuuf isaanii wajjin mariʼachuuf salphaa siif taʼa.

Akkamitti. Dargaggeessi Istiivan jedhamu akkas jedheera: “Warra keenyaa wajjin yeroo haasofnutti dallanuu fi iyyuu mannaa kabaja argisiisuu fi of tasgabbeessuun faayidaa guddaa qaba.”

Daariyaa ishiin olitti caqasamte yaada kana irratti walii galti. Akkas jetteetti: “Haadha koo wajjin wal falmuudhaan furmaata argadhee hin beeku. Kana irra iyyuu darbee yeroo tokko tokko caalaatti seericha cimsiti.”

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namni gowwaan miira isaa hundumaa gad baasa, namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora.” (Fakkeenya 29:11) Miira kee toʼachuu barachuun mana kee keessatti qofa utuu hin taʼin mana barumsaatti, bakka hojiitti akkasumas bakka kaanitti faayidaa guddaa siif argamsiisa.

Wanta gochuu dandeessu: Dubbachuu kee dura yaadi. Nama amanannaan irratti gatamu taʼuudhaan maqaa gaarii horatte, dubbii al tokko aariidhaan dubbattuun dhabuu dandeessa. Dhugaadha Kitaabni Qulqulluun, “Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba” jedha.—Fakkeenya 14:29.

Gorsa gaarii: Seera warri kee baasan hubachuuf, barbaachisaa taanaan immoo isaan mariisisuuf gilgaala mata duree kanaaf qophaaʼe fayyadami.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Kiimberlii

“Seerri, ijoolleen warra kaan kabajuu fi of toʼachuu akka baratan gargaara; kun immoo gaʼeessa yeroo taʼanitti isaan fayyada. Seerawwan utuu hin jiran taʼee jireenyi koo kaayyoo hin qabu ture; ulaagaan jireenya koo ittin geggeessus hin qabaadhun ture.”—Kimberlii

Kaalee

“Warri koo seera sababa qabeessa hin taane akka baasan yommuu natti dhagaʼamu yeroo baayʼee, gocha amanannaa ana irratti qaban akka badu godhu raawwadheera ykn wanta na miidhuu dandaʼu raawwachuu barbaadeera jechuu dha. Amma garuu warri koo seera kan baasan faayidaa mataa kootiif akka taʼe hubadheera.”—Keelii.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi