LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 54
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Hiikuudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Hiikuudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni hiriyoota gaaʼelaa gaaʼelli isaanii rakkina qabu ni gargaaruu?
  • Dhugaa Baatuun tokko yeroo hiriyaa gaaʼelaa isaa wajjin wal hiikutti jaarsoliin gumii isaaf ni raggaasisuu?
  • Dhugaa Baatonni gargar baʼuudhaaf ilaalcha akkamii qabu?
  • Gaa’elli Yeroo Diigamuuf Jedhu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Wal Hiikuufi Gargar Ba’uu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gaaʼela Keessan Oolchuuf Carraaqqii Godhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 54
Suuraa cidha gaaʼelaa bakka lamaatti tarsaʼe

Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Hiikuudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?

Gaaʼelaa fi wal hiikuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hordofna. Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti walitti dhufeenya dhaabbataa akka taʼu godhee ti. Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti wal hiikuudhaaf sababa kan taʼu ejja qofa dha.—Maatewos 19:5, 6, 9.

Dhugaa Baatonni hiriyoota gaaʼelaa gaaʼelli isaanii rakkina qabu ni gargaaruu?

Eeyyee, karaawwan adda addaatiin gargaaru:

  • Barreeffamoota. Barreeffamoonni kun yeroo baayʼee mata dureewwan gaaʼela fooyyaʼuu kan hin dandeenye fakkaatu illee cimsuuf gargaaran qabatanii baʼu. Fakkeenyaaf, mata dureewwan kana ilaali: “Waadaa Gaaʼelaakee Eegii Jiraadhu,” “Dhiifama Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” akkasumas “Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji.”

  • Walgaʼiiwwan. Walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo keenya irratti gorsa Kitaabni Qulqulluun gaaʼela ilaalchisee kennu baranna.

  • Jaarsolii. Jaarsoliin gumii hiriyoonni gaaʼelaa caqasoota kan akka Efesoon 5:22-25 jiran irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan dhuunfaatti isaan gargaaru.

Dhugaa Baatuun tokko yeroo hiriyaa gaaʼelaa isaa wajjin wal hiikutti jaarsoliin gumii isaaf ni raggaasisuu?

Lakki. Jaarsoliin hiriyoota gaaʼelaa gaaʼelli isaanii rakkina qabu akka gargaaran yoo gaafataman illee, maal gochuu akka qaban isaanitti himuuf mirga hin qaban. (Galaatiyaa 6:5) Haa taʼu malee, namni tokko deggersa Kitaaba Qulqulluu utuu hin qabaatin hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikuuf yoo filate gumii keessatti mirga addaa hin argatu; gaaʼela dhaabbachuufis Kitaabni Qulqulluun isaaf hin heyyamu.—1 Ximotewos 3:1, 5, 12.

Dhugaa Baatonni gargar baʼuudhaaf ilaalcha akkamii qabu?

Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa haala rakkisaa taʼe keessatti illee waliin akka jiraatan jajjabeessa. (1 Qorontos 7:10-16) Garaadhaa kadhachuudhaan, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan, akkasumas jaalala argisiisuudhaan rakkina hedduu furuun ni dandaʼama.—1 Qorontos 13:4-8; Galaatiyaa 5:22.

Taʼus, Kiristiyaanonni tokko tokko haalawwan rakkisoo kan akka armaan gadii keessatti hiriyaa gaaʼelaa isaanii irraa gargar baʼuuf murteessaniiru:

  • Taʼe jedhanii wanta maatichaaf barbaachisu guutuu diduu.—1 Ximotewos 5:8.

  • Miidhaa qaamaa cimaa taʼe geessisuu.—Faarfannaa 11:5.

  • Jireenya hafuuraa balaadhaaf saaxiluu. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaa tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa inni Dhugaa Baatuu taʼe ajaja Waaqayyoo akka cabsu gochuuf yaala taʼa; hiriyaan gaaʼelaa doorsifame sunis “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu” yoo barbaade gargar baʼuudhaan alatti filannoo kan biraa akka hin qabne murteessa taʼa.—Hojii Ergamootaa 5:29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi