LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 55
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Walitti Makuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Walitti Makuu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota amantii kan biraa hordofanii wajjin marii ni godhuu?
  • Amantii Walitti Makuu—Waaqayyo Ni Deggeraa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Maal Jedhanii Amanu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 55
Namoota uffata amantii adda addaa uffatan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Miseensota Amantii Kaanii Wajjin Walitti Makamuudhaan Waaqeffannaa ni Geggeessuu?

Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, amantii wajjin haala walqabateen namoota amantii hunda hordofanii wajjin mariʼachuun nu gammachiisa; kana jechuun garuu isaanii wajjin waaqeffachuudhaan amantii waliin makna jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni dhugaan ‘wal taʼuudhaan akka walitti hidhaman’ dubbata; wanti akka walitti hidhaman godhe inni guddaan immoo tokkummaa amantii qabani dha. (Efesoon 4:16; 1 Qorontos 1:10; Filiphisiyus 2:2) Kun immoo amalawwan akka jaalala, gara laafinaa fi dhiifama gochuu jiran gaarii taʼuu isaanii amanuu qofa caalaa waan dabalatu qaba. Amantiin keenya beekumsa sirrii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, beekumsa kana malee amantiin keenya gatii kan hin qabne taʼa.—Roomaa 10:2, 3.

Kitaabni Qulqulluun, namoota amantii kan biraa hordofanii wajjin waaqeffachuu gita malee walitti camadamuu wajjin wal bira qabee ibsa; kun immoo amantii Kiristiyaana tokkoo irratti miidhaa geessisuun isaa hin oolu. (2 Qorontos 6:14-17) Kanaaf, Yesuus barattoonni isaa amantii akka waliin makan isaaniif hin heyyamne. (Maatewos 12:30; Yohaannis 14:6) Haaluma walfakkaatuun, Seerri Waaqayyo karaa Musee kenname Israaʼeloonni bara duriitti turan waaqeffannaa saboota naannoo isaanii turan irratti akka hin hirmaanne ni dhowwa ture. (Baʼuu 34:11-14) Yeroo boodas Israaʼeloonni amanamoo taʼan afeerraa gargaarsaa saboonni kaan walitti dhufeenya amantii akka uuman isaan taasisu dandaʼu fudhachuu didaniiru.—Izraa 4:1-3.

Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota amantii kan biraa hordofanii wajjin marii ni godhuu?

Eeyyee. Akkuma Phaawulos ergamaa, nutis tajaajila keenya irratti ‘hamma nuuf dandaʼame’ ilaalchaa fi amantii “namoota hedduu” hubachuuf carraaqqii goona. (1 Qorontos 9:19-22) Yommuu isaanii wajjin mariʼannutti, gorsa Kitaaba Qulqulluu namootaaf “ulfina guddaa” akka kenninu nuuf kenname hordofuuf carraaqqii guddaa goona.—1 Pheexiros 3:15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi