LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 137
  • Qulqulluu Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qulqulluu Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Namni mudaa qabu qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
  • Namni tokko qulqullummaa Waaqayyo duratti qabu dhabuu dandaʼaa?
  • Qulqulluu taʼuu ilaalchisee ilaalchawwan dogoggoraa
  • “Qulqulloota Taʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Wantoota Qulqulluu Ta’aniif Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Hafuurri Qulqulluun Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 137
Musee fi arangamaa bobaʼaa jiru

Qulqulluu Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Qulqulluu taʼuu jechuun akka hin xuroofne of eeguu jechuu dha. Jechi afaan Ibrootaa “qulqulluu” jechuudhaan hiikame jecha “adda kan baʼe” jedhu qaburraa kan argame dha. Kanaafuu jechi qulqulluu jedhu xurii kan hin qabne yaada jedhus ni dabarsa.

Qulqullinaa wajjin haala wal qabateen Waaqayyoon kan gitu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun, “Kan akka Yihowaa qulqulluu taʼe tokko illee hin jiru” jedha.a (1 Saamuʼel 2:2) Kanaafuu qulqullina ilaalchisee ulaagaa kan kaaʼe Waaqayyo dha.

Jechi “qulqulluu” jedhu wanta kallattiidhaan Waaqayyoo wajjin wal qabate keessumaa immoo wantoota waaqeffannaadhaaf adda baafaman argisiisa. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun yaada armaan gadii dubbata.

  • Iddoowwan qulqulluu: Museen arangamaa bobaʼutti dhihoo yeroo turetti Waaqayyo, ‘bakki inni dhaabbate lafa qulqulluu” akka taʼe isatti dubbatee ture.​—Baʼuu 3:2-5.

  • Taʼeewwan qulqulluu taʼan: Waaqeffannaan Israaʼeloonni bara durii Yihowaadhaaf waggaa waggaadhaan godhan “walgaʼiiwwan qulqulluu” jedhamanii waamamu turan.”​—Leewwota 23:37.

  • Miʼawwan qulqulluu: Qodaan mana qulqullummaa Yerusaalem bara durii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif tajaajilaa turan “miʼawwan qulqulluu” jedhamanii waamamaniiru. (1 Mootota 8:4) Miʼawwan kun wantoota waaqeffataman taʼuu baatanis, haala kabaja guddaa qabuun qabamu turan.b

Namni mudaa qabu qulqulluu taʼuu dandaʼaa?

Eeyyee. Waaqayyo, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa” jechuudhaan Kiristiyaanota abboomeera. (1 Pheexiros 1:​16) Dhugaadhaa, Namoonni mudaa qaban ulaagaa qulqullinaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabne guutuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haa taʼu malee, namoonni seera qulqullinaa Waaqayyootiif abboomaman “qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama” akka qabanitti ilaalamu. (Roomaa 12:1) Namoonni qulqulluu taʼuuf carraaqqii godhan dubbii fi gocha isaaniitiin argisiisu. Fakkeenyaaf, gorsa Kitaaba Qulqulluu “qulqulloota taʼaa, halalummaa irraa fagaadhaa” akkasumas “wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa” jedhuuf ni abboomamu. ​—1 Tasalonqee 4:3; 1 Pheexiros 1:​15.

Namni tokko qulqullummaa Waaqayyo duratti qabu dhabuu dandaʼaa?

Eeyyee. Namni tokko ulaagaa naamusaa Waaqayyo baase yoo cabse, sana booda Waaqayyo namicha qulqulluu akka taʼetti hin ilaalu. Fakkeenyaaf, xalayaan Ibrootaa “obboloota qulqullaaʼoo” taʼaniif kan barreeffame taʼus, obboloonni kun “Waaqa isa jiraataa irraa fagaachuudhaan garaa hamaa amantii hin qabne” horachuu akka dandaʼan akeekkachiisa.”​—Ibroota 3:​1, 12.

Qulqulluu taʼuu ilaalchisee ilaalchawwan dogoggoraa

Ilaalchawwan dogoggoraa: Of ganuudhaan qulqulluu taʼuun ni dandaʼama.

Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun ‘of hacuucuun’ ykn garmalee of gatuun Waaqayyoof “faayidaa tokko illee hin qaban” jechuudhaan dubbata. (Qolosaayis 2:​23) Kanaa mannaa Waaqayyo wantoota gaariitti akka gammannu barbaada. “Namni hundi nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru. Kun kennaa Waaqayyoo ti.”​—Lallaba 3:​13.

Ilaalchawwan dogoggoraa: Namni tokko gaaʼela utuu hin godhatin hafuun qulqulluu isa godha.

Dhugaa jiru: Kiristiyaanni tokko gaaʼela utuu hin godhatin jiraachuuf filachuu dandaʼus, gaaʼela godhachuu dhiisuun Waaqayyo duratti qulqulluu isa hin taasisu. Namoonni gaaʼela utuu hin godhatin jiraatan yaannisaanii utuu hin hihiramin waaqeffannaadhaaf xiyyeeffannaa akka kennan beekamaadha. (1 Qorontos 7:​32-​34) Haataʼu malee, Kitaabni Qulqulluun namoonni gaaʼela godhatanis qulqulloota taʼuu akka dandaʼan dubbata. Ergamoota Yesuus keessaa tokko kan taʼe Pheexiros iyyuu gaaʼela kan qabu ture.​—Maatewos 8:​14; 1 Qorontos 9:5.

Jechi “Kitaaba Qulqulluu” jedhu eessaa dhufe?

Kitaabonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman “Kitaaba Qulqulluu” ykn “Barreeffamoota Qulqulluu” jedhamanii baroottan hedduutiif kan waamaman sababa armaan gadiitiin kan kaʼedha.

  • Maddasaa. “Namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.”​—2 Pheexiros 1:​21.

  • Ergaasaa. “Ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa. Yihowaa sodaachuun taliila, bara baraaf jiraata.”​—Faarfannaa 19:​8, 9.

Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun, “qulqulluu” jedhamuun isaa sirrii dha. Yaada qulqulluu akkasumas waaqeffannaa keenya keessatti bakka qulqulluu qabuun kitaabota hunda irraa adda dha.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti. Caqasawwan dhibbaan lakkaaʼaman jechoota “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhan maqaa Yihowaa wajjin wal qabsiisanii ibsu.

b Kitaabni Qulqulluun wantoota qulqulluu akka taʼanitti ilaalaman waaqeffachuu akka hin qabne ni dubbata.​—1 Qorontos 10:14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi