LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 140
  • Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun Namni Takkaa Fayye Yeroo Hundumaaf Fayyeera Jedhee Barsiisaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Fayyinni Maali dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • “Yesuusitti Amani”—Fayyuuf Yesuusitti Amanuun Gaʼaa Dhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusitti Ni Amanuu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 140
Yesuus namoota qomoo garaa garaa qabaniin marfamee

Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Yesuus lubbuu isaa furii godhee kennuudhaan ilmaan namootaa amanamoo taʼan fayyiseera. (Maatewos 20:28) Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin “Fayyisaa addunyaa” jedhee isa waama. (1 Yohaannis 4:14) Akkasumas akkana jedha: “Fayyinni karaa nama kan biraa eenyuun iyyuu hin jiru; sababiin isaas maqaan samiidhaa gaditti akka ittiin fayyinu namootaaf kenname kan biraan hin jiru.”—Hojii Ergamootaa 4:12.

Yesuus namoota isatti amanan hundaaf ‘duʼa dhandhamateera.’ (Ibroota 2:9; Yohaannis 3:16) Achiis, “Waaqayyo duʼaa isa kaase,” Yesuusis qaama hafuuraa taʼee gara samiitti deebiʼeera. (Hojii Ergamootaa 3:15) Kanaaf Yesuus, “yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.”—Ibroota 7:25.

Yesuus akka nuuf kadhatu kan nu barbaachisu maaliifi?

Hundi keenya cubbamoota dha. (Roomaa 3:23) Cubbuun Waaqayyoo irraa kan nu fageesse taʼuu isaa irra iyyuu, gara duʼaatti nu geessa. (Roomaa 6:23) Haa taʼu malee, Yesuus namoota aarsaa furii isaatti amananiif “abukaattoo” taʼee tajaajila. (1 Yohaannis 2:1, miiljalee) Waaqayyo kadhannaa isaanii akka dhagaʼuu fi aarsaa furii isaatti fayyadamee cubbuu hojjetaniif dhiifama akka isaaniif godhu ilmaan namootaatiif ni kadhata. (Maatewos 1:21; Roomaa 8:34) Kadhannaan Yesuus fedha Waaqayyoo wajjin kan wal simu waan taʼeef Waaqayyo kadhannaa isaa ni dhagaʼa. Waaqayyo, “addunyaan karaa isaa akka [fayyuuf]” Yesuusiin gara lafaatti erge.—Yohaannis 3:17.

Fayyuuf Yesuusitti amanuu qofa nu barbaachisaa?

Lakki. Fayyuuf Yesuusitti amanuun kan nu barbaachisu taʼus, wanti gochuu qabnu kan biraanis jira. (Hojii Ergamootaa 16:30, 31) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe, amantiin hojii hin qabnes akkuma kana duʼaa dha.” (Yaaqoob 2:26) Fayyuuf wantoota armaan gadiis gochuu qabna:

  • Waaʼee Yesuusii fi waaʼee Yihowaa isa Abbaa isaa taʼee barachuu.—Yohaannis 17:3.

  • Amantii Yihowaa fi Yesuus irratti qabnu guddifachuu.—Yohaannis 12:44; 14:1.

  • Ajaja Yihowaa fi Yesuus nuuf kennan hojii irra oolchuudhaan amantii akka qabnu argisiisuu. (Luqaas 6:46; 1 Yohaannis 2:17) Yesuus kan fayyan namoota “yaa Gooftaa” jedhanii isa waaman utuu hin taʼin, namoota ‘fedhii Abbaa isaa isa samii irraa raawwatan’ qofa akka taʼan dubbateera.—Maatewos 7:21.

  • Haalawwan rakkisaa taʼan nu mudatanis, amantii akka qabnu argisiisuu keenya itti fufuu qabna. Yesuus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya” yommuu jedhu dhimma kana ifa godheera.—Maatewos 24:13.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi