LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 1
  • Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdu
  • Maal gochuu dandeessa?
  • Fayyaa Sammuu
    Dammaqaa!—2019
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 1
Haati manaa miʼa yeroo dhiqxu abbaan manaa garuu televijinii ilaalaa waan jiruuf baayʼee isatti aarte

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Hiriyaan gaaʼelaa kee wanta si aarsu yommuu dubbatu ykn raawwatu aarii kee dhoksuuf yaalii goota taʼa. Yeroo kanatti hiriyaan gaaʼelaa kee rakkinni tokko akka jiru waan itti dhagaʼamuuf dhimmicha beekuuf yaalii godha. Kun immoo caalaatti si aarsa. Haala ulfaataa akkasii keessatti aarii kee toʼachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Wanta beekuu qabdu

  • Maal gochuu dandeessa?

Wanta beekuu qabdu

  • Aariin akka si mooʼu heyyamuun fayyaa kee miidhuu dandaʼa. Qorannoowwan akka argisiisanitti aarii toʼachuu dhabuun dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi dhiphina sammuutiif nama saaxiluu akkasumas nyaanni akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Aariin rakkoowwan akka hirriba dhabuu, yaaddoo dabaluu, rakkoowwan gogaa qaamaa fi dhiigni sammuutti dhangalaʼuu wajjinis wal qabata. Kitaabni Qulqulluunis, “Dheekkamuu irraa of dhowwi . . . , inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” kan jedhu kanaafi.—Faarfannaa 37:8.

  • Aarii ukkaamsuunis miidhaa geessisuu dandaʼa. Aaruu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, aariin akkasii dhukkuba keessa qaamaa miidhu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ilaalchi shakkii fi komiin si keessatti guddachaa adeemuu dandaʼa. Ilaalchi akkasii hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin jiraachuun akka sitti ulfaatu taasisa; kun immoo gaaʼela keessan rakkoo irra buusuu dandaʼa.

Maal gochuu dandeessa?

  • Amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa kee irratti xiyyeeffadhu. Amalawwan hiriyaan gaaʼelaa kee qabu keessaa kan baayʼee dinqisiifattu sadi barreessi. Yeroo itti aanu wanta hiriyaan gaaʼelaa kee godhetti yommuu aartu amalawwan kanaan dura barreessite irratti yaadi. Kunis aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

    Haati manaa hojiidhaan qabmte tun abbaan manaa ishii hojii mana keessaa hojjechaa, ishii dhageeffachaa fi yeroo dhukkubsattee turtetti ishii kunuunsaa kan ture akkamitti akka taʼe yaadaa jirti
  • Amala waliif dhiisuu horadhu. Jalqaba, bakka hiriyaa gaaʼelaa kee of kaaʼuudhaan dhimmicha ilaaluuf yaali. Kun immoo amala namaaf gadduu isa Kitaabni Qulqulluun ‘miira walii hubachuu’ jechuudhaan ibsu guddifachuuf si gargaara. (1 Pheexiros 3:8) Achiis, akkana jedhii of gaafadhu, ‘Dhuguma wanti na aarse dhiifama gochuuf kan ulfaatu dhaa?’

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Balleessaa irra namaaf darbuun ulfina.’—Fakkeenya 19:11.

  • Miira kee gaarummaa fi malaan ibsi. Jecha “Ani” jedhutti fayyadami. Fakkeenyaaf, “Ati namaaf hin yaaddu, eessa akka jirtu illee bilbiltee natti hin himne,” jechuu mannaa, “Waan barfatteef, anis bakka jirtu waanan hin beekneef waa taatee laata jedheen sodaadhe,” jedhi. Yaada kee gaarummaadhaan ibsuun aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.”—Qolosaayis 4:6.

  • Kabajaan dhaggeeffadhu. Erga miira kee ibsitee booda, deebii hiriyaan gaaʼelaa kee kennu utuu gargar hin kutin dhaggeeffadhu. Yommuu hiriyaan gaaʼelaa kee dubbatee xumuru, sirriitti akka dhaggeeffatte akka beekuuf yaadicha irra deebiʼiif. Tarkaanfii salphaan akkasii kun, jechuunis sirriitti dhaggeeffachuun aarii kee akka toʼattu si gargaaruu irratti gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.

Tiimii fi Jeniifar

“Aarii kee yoo ukkaamsite, rakkinichi irra deddeebiʼee akka uumamuu fi aariin kee tasa dhoohee akka baʼu godha. Kanaaf kabajaan rakkinicha irratti mariʼachuun baayʼee gaariidha. Anii fi abbaan manaa koo haala kanaan erga irratti mariʼannee booda, ‘Gara michummaa keenyaatti haa deebinu’ waliin jenna.”—Jeniifarii fi abbaa manaa ishii Tiim

Jeedii fi Koorii

“Abbaan manaa koo yeroo hundumaa waan na dhaggeeffatuu fi miira koo waan naa hubatuuf baayʼeen isa dinqisiifadha. Dhimmicha irratti walii galuu baatus, ilaalcha koo naaf hubata. Inni miira natti dhagaʼameen kan kaʼe matumaa akkan qaanaʼu na hin taasisu.”—Jeedii fi abbaa manaa ishii Koorii

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi