LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 83
  • Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdu
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Qorumsa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Qorumsa
    Dammaqaa!—2017
  • “Qoramatti Akka Hin Galleef”
    Dammaqinaan Eegaa!
  • Qorumsatti Akka hin Galle Dammaqaa Of Eegaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 83
Dargaggeessi tokko hiriyoonni gaaʼelaa tokko yommuu jaalala walitti argisiisan ilaalee qoramaa jira, ijoolleen dhiiraa lama meeshaa eleektiroonikii ilaalaa jira; intalli tokko isaanirraa garagaltee deemaa jirti

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Phaawulos ergamaan, “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jedhee barreesseera. (Roomaa 7:​21) Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan matadureen kun fedhii dogoggoraa raawwachuu akka hin qoramne si gargaaruu dandaʼa.

  • Wanta beekuu qabdu

  • Wanta Gochuu Dandeessu

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Wanta beekuu qabdu

Yeroo baayʼee fedhiin dogoggoraa fi dhiibbaan hiriyaa walitti dhufeenya qaba. Kitaabni Qulqulluun, “hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Dhiibbaan miidiyaa ykn dhiibbaan warra kaanii, garaakee keessatti fedhii uumuudhaan dogoggora akka raawwattu, darbees, ‘waan hamaa raawwachuuf namoota hedduu duukaa akka buutu’ si taasisuu dandaʼa.​—Baʼuu 23:2.

“Warri kaan akka si jaallatanii fi akka ofitti si dhiheessaniif fedhiin qabdu, fudhatama argachuuf jettee wanta warri kaan godhan kamiyyuu akka gootu si taasisuu dandaʼa.”​—Jeremii.

Kanarratti yaadi: Wanti warri kaan waaʼee kee yaadan kan hedduu kan si dhiphisu yoo taʼe, fedhii dogoggoraa cimaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?​—Fakkeenya 29:25.

Yaada ijoo: Dhiibbaan hiriyaa ulaagaa kee laaffisuuf akka si qoru hin heyyamin.

Wanta Gochuu Dandeessu

Wanta itti amantu beeki. Wanta itti amantu hin beektu taanaan, akka ashaangulliitii namoonni kaan toʼatanii taʼuu dandeessa. Kanaaf gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa” jedhu hordofuun baayʼee gaariidha. (1 Tasalonqee 5:​21) Wanta itti amantu caalaatti hubachaa yommuu deemtu, amantii kee cimsitee hordofuu fi qorumsa gama kanaan sirra gaʼu dandamachuu dandeessa.

Kanarratti yaadi: Ulaagaaleen naamusaa Waaqayyoo akka si fayyadan kan amantu maaliifi?

“Wantan itti amanu cimsee yeroon hordofuu fi qorumsaaf harka kennuu yommuun dhiisu warri kaan caalaatti akka na kabajan hubadheera.​—Kiimbarlii.

Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Daaniʼel. Daaniʼel yeroo dargaggeessa turetti, seera Waaqayyoo akka hin cabsine “garaa isaatti murteessee” ture.​—Daaniʼel 1:8.

Dargaggeessi tokko akkuma ashaangulliitii namni toʼataa jiruu, funyoodhaan hidhamee jira

Wanta itti amantu hin beektu taanaan, akka ashaangulliitii namoonni kaan toʼatanii taata

Hirʼina kee beeki. Kitaabni Qulqulluun waaʼee “hawwii dargaggummaa” ni dubbata. Hawwiin akkasii keessumaa umurii dargaggummaatti baayʼee cima. (2 Ximotewos 2:​22) Kun fedhii saalqunnamtii qofa utuu hin taʼin, fedhii warra kaan biratti fudhatama argachuu fi utuu yeroonsaa hin gaʼin murtoo mataa ofii gochuu barbaaduu dabalata.

Kanarratti yaadi: Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama” jedha. (Yaaqoob 1:​14) Siin caalaatti hawwii isa kamtu si qora?

“Fedhiiwwan caalaatti si moʼuu dandaʼan warra kam akka taʼan, haqaan amanii fudhadhu. Fedhiiwwan kana akkamitti akka mootu qorannaa godhi, akkasumas qabxiiwwan itti fayyadamuu dandeessu barreeffadhu. Akka kanaan kana booda qorumsi kun yeroo si mudatu akkamitti akka dandamattu beekuu dandeessa.”​—Silviyaa.

Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Daawit. Yeroo tokko tokko dhiibbaa warra kaaniitiif moʼameera; fedhii ofiisaatiif yeroo itti moʼames qaba. Haataʼu malee, Daawit dogoggora isaarraa baratee wanta gaarii hojjechuuf yaaleera. “Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi, hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi” jedhee Yihowaa kadhateera.​—Faarfannaa 51:10.

Fedhii kee toʼadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Hamaadhaan hin moʼamin” jedha. (Roomaa 12:21) Kana jechuun qorumsi akka si moʼu gochuu hin qabdu jechuudha. Wanta sirrii gochuuf filachuu ni dandeessa.

Kanarratti yaadi: Wanta dogoggora raawwachuuf yeroo kakaatu fedhii kee toʼachuu fi wanta sirrii raawwachuu kan dandeessu akkamitti?

“Wanta na hawwatuu fi sirrii hin taane gochuuf yeroon kakaʼu sana booda maaltu akka natti dhagaʼamuu dandaʼun yaada. Miirri gaariin natti dhagaʼamuu dandaʼaa? Tarii yeroo muraasaaf natti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo muraasa boodahoo miirri gaariin natti dhagaʼamuu dandaʼaa? Lakki, kanaa mannaa natti hammaachaa deema. Maarree, waan akkasii raawwachuun faayidaa qabaa? Lakki!”​—Soofiyaa.

Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Phaawulos. Fedhii dogoggoraa akka qabu kan amane taʼus, fedhiisaa toʼateera. “Qaama koo haleeleen akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha” jedhee barreesseera.​—1 Qorontos 9:​27.

Yaada ijoo: Qorumsi yommuu si mudatu wanta gochuu qabdu kan murteessu sidha.

Wantoonni nama hawwatan yeroo muraasa qofa akka turan yaadadhu. Shamarreen waggaa 20 Meeliisaa jedhamtu, “Wantoonni yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti na hawwatan amma homaa natti hin fakkaatan” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Wantoota na qoraa turan kanarratti yaaduunkoo, wantoonni amma na hawwatanis akka darbanii fi guyyaa tokko duubatti deebiʼee yommuun yaadu miirri gaariin akka natti dhagaʼamu hubachuuf na gargaareera” jetteetti.

Hiriyoonni Kee Maal Jedhu

Ooliiviyaa

“Kutannoo qabaachuu fi murtoon godhetti cimuuf ija jabina na barbaachisu horachuun koo qorumsa moʼuuf na gargaareera. Fakkeenyaaf, wanta tokko gochuuf dhiisuuf yeroon murteessu, wanti akkamiiyyuu yoo uumame murtoo koo hin jijjiiru; waaʼee dhimma sanaa irra deebiʼee hin yaadu ykn warri kaan murtoo koo akkan jijjiiru dhiibbaa akka narratti godhan hin heyyamu.”​—Ooliiviyaa.

Jaareed

“Dargaggoonni umurii waggoota kurnaniirratti argaman paartii akka deemanii fi wantoota achitti taʼan hunda akka raawwatan, jechuunis, dhugaatii alkoolii akka dhugan, qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatanii fi saalqunnamtii akka raawwatan dhiibbaa guddaan isaanirra gaʼa. Dhiibbaa narra gaʼu warra kootti bilisummaadhaan himuun koo akka na gargaare hubadheera. Kana malees, hojiidhaan qabamuun koo wanta dogoggoraa raawwachuuf akkan hin qoramne na eegeera.”​—Jaareed.

Maayaan

“Qorumsawwan na mudatan keessaa inni baayʼee natti ulfaate tokko, wanta dogoggora hin taane, garuummoo ani dogoggora akka taʼetti ilaaluudha; fakkeenyaaf, kan akka bashannana filachuu. Dhiibbaa akkasii dandamachuuf wanta itti amantu sirriitti beekuu qabda; kunimmoo yeroo fudhata, akkasumas muuxannoo qabaachuu gaafata.”​—Maayaan.

Juuliyaan

“Qorumsa dandamachuun haqaan of qoruu gaafata. Fakkeenyaaf, intarneetii yeroo fayyadamtu kutaan caalaatti si qoruu fi wanta naamusaan ala taʼe qabu isa kam akka taʼe adda baafachuu fi yoo si mudatu maal akka gootu beekuu qabda. Qorumsa akkasiitiif akka hin jilbeenfanne dursinee irratti yaaduun keenya barbaachisaadha.”​—Juuliyaan.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi