LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 4
  • Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdan
  • Maal gochuu dandeessu?
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Alkoolii Garmalee Dhuguu fi Gaaʼela
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Dabalataan Ilaaluuf
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 4
Intala xinnoo warri ishii yommuu dhugaatii alkoolii dhugan ilaalaa jirtu

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu

“Yeroo jalqabaatiif intala teenya wajjin waaʼee dhugaatii alkoolii yommuu dubbannu umuriin ishii waggaa jaʼa ture. Hamma nuti eegne caalaa waaʼee kanaa wanta baayʼee beekuun ishii nu dinqisiiseera.”—Aleksaandar.

  • Wanta beekuu qabdan

  • Maal gochuu dandeessu?

  • Dhugaatii alkoolii ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Wanta beekuu qabdan

Waaʼee dhugaatii alkoolii ijoollee wajjin dubbachuun baayʼee barbaachisaa dha. Ijoolleen keessan hamma umuriin isaanii waggoota kurnanii keessa galutti hin eeginaa. Haamiit inni Raashiyaa jiraatu akkana jedheera, “Mucaa keenya itti fayyadama dhugaatii alkoolii ilaalchisee xinnummaa isaatii kaasnee utuu barsiisnerra taʼee gaarii ture. Akkas gochuun barbaachisaa taʼuu isaa kanan hubadhe erga rakkinni uumamee booda ture. Ilmi kiyya umurii isaa waggaa 13tti yeroo hunda akka inni dhugun hubadhe.”

Dhimmi kun isin yaaddessuu kan qabu maaliifi?

  • Ijoolleen isaan wajjin baratan, beeksisnii fi televijiniin, ilaalcha ijoolleen keessan dhugaatii alkooliitiif qaban irratti dhiibbaa geessisa.

  • Giddu Galli Eegumsa Fayyaa fi Ittisa Dhukkubaa Yunaayitid Isteetis, dhugaatii biyyattiitti dhugamu keessaa parsantii 11 kan taʼu kan fayyadaman ijoollee akka taʼan ibseera.

Ogeeyyiin fayyaa, warri ijoollee isaanii xinnummaa isaaniitii kaasanii balaa dhugaatiin alkoolii qabu akka barsiisan gorsuun isaanii nama hin dinqisiisu. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti?

Maal gochuu dandeessu?

Gaaffii ijoolleen keessan kaasuu dandaʼan yaadaa. Ijoollee xixinnoon waaʼee wanta tokkoo beekuuf hawwii qabu. Warri isaan irra xinnoo caalan immoo hawwii guddaa qabu. Kanaafuu, akkamitti deebii kennuu akka dandeessan sirriitti qophaaʼaa. Fakkeenyaaf:

  • Mucaan keessan dhugaatiin alkoolii maal maal akka jedhu beekuu yoo barbaade, wayiniin akka cuunfaa muduraa xinnoo akka dhangaggaaʼu, biiraan immoo xinnoo akka hadhaaʼu itti himuu dandeessu.

  • Mucaan keessan dhugaatii alkoolii dhandhamuu yoo barbaade, dhugaatiin alkoolii ijoolleedhaaf baayʼee cimaa akka taʼe itti himuu dandeessu. Miidhaa inni qabu akkana jechuudhaan ibsuufii dandeessu: Dhugaatiin alkoolii namni tokko miirri gammachuu akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, baayʼisuun nama raatessuu, gocha gowwummaa akka raawwatuu fi wanta yeroo booda itti gaabbu akka dubbatu isa gochuu dandaʼa.—Fakkeenya 23:29-35.

Barachuuf of qopheessaa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni afchaalli hundinuu beekumsaan hojjeta” jedha. (Fakkeenya 13:16) Dhugaatii alkoolii fayyadamuun miidhaa akkamii akka qabu hubadhaa, akkasumas seera biyyichaa beekaa. Akkana gochuudhaan ijoollee keessan gargaaruudhaaf sirriitti qophaaʼuu dandeessu.

Dhimmicha irratti mariʼachuuf dursa fudhadhaa. Abbaan Maark jedhamuu fi Biritaaniyaa jiraatu akkana jedheera: “Itti fayyadamni dhugaatii alkoolii ijoollee burjaajessuu dandaʼa. Ilma koo isa umuriin isaa waggaa saddeet taʼe dhugaatii alkoolii dhuguun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee yaada inni qabu gaafadheen ture. Haala isa hin dhiphisneen mariʼachuun keenya ilaalcha isaa ifatti akka ibsu isa gargaareera.”

Yeroo adda addaatti waaʼee dhugaatii alkoolii mariʼachuun ijoolleen keessan caalaatti dhimmicha akka hubatan isaan gargaara. Umurii ijoollee keessanii tilmaama keessa galchuudhaan yeroo waaʼee jireenya isaanii kan akka balaa konkolaataa irraa of eeguu fi barumsa saalaa mariʼattan waaʼee dhugaatii alkoolii barsiisuu dandeessu.

Fakkeenya taʼaa. Ijoolleen akkuma ispoonjii ti; wanta naannoo isaanii jiru salphaatti qabatu. Akkasumas warri ijoollee isaanii irratti caalaatti dhiibbaa geessisuu akka dandaʼan qorannoon ni argisiisa. Kana jechuun tasgabbaaʼuuf ykn dhiphina irraa furmaata argachuuf dhugaatii alkoolii kan dhugdan yoo taʼe, ijoolleen keessan dhugaatiin alkoolii dhiphina jireenya keessatti mudatuuf furmaata akka taʼe godhanii yaadu. Kanaafuu, fakkeenya gaarii taʼaa. Dhugaatii alkooliitti yommuu fayyadamtan itti gaafatamummaan kan isinitti dhagaʼamu taʼaa.

Intala xinnoo haati ishii affeerraa keessummeessaan wayinii ishiidhaaf dabaluuf dhiheesse yommuu diddu ilaalaa jirtu

Itti fayyadama dhugaatii alkoolii ilaalchisee ijoolleen keessan fakkeenya keessan irraa ni baratu

Dhugaatii alkoolii ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

‘[Yihowaan] wayniin garaa namaa akka gammachiisu godha.’ (Faarfannaa 104:14, 15) Dhugaatii alkoolii dhuguun dogoggora miti; kennaa Waaqayyo biraa argame dha.

“Daadhiin waynii gaʼiftuu nama godha, dhugaatii jabaanis nama in wacisiisa; namni isaaniin machaaʼee gatantarus ogeessa miti.” (Fakkeenya 20:1) Dhugaatii alkooliitti itti gaafatamummaadhaan fayyadamuu qabna.

“Warri machaaʼan, . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.” (1 Qorontos 6:10) Waaqayyo kan balaaleffatu alkoolii dhuguu utuu hin taʼin, dhugaatii alkoolii gar malee dhuguu dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi