LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 155
  • Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu yoomi?
  • Kennaa kennuun sirrii kan hin taane yoomi?
  • Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Namoonni Arjummaadhaan Kennan Gammadoo Dha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Carraaqqii Kennaa Hunda Caalu Kennuuf Godhamu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 155
Namni tokko kennaa saanduqa itti marame keessa jiru qabatee

Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun fedhii fi kakaʼumsa sirrii qabaatanii kennuu ni jajjabeessa. Kennaan akkasii nama fudhate qofa utuu hin taʼin, nama kennaa sana kennes ni fayyada. (Fakkeenya 11:25; Luqaas 6:38) Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera.—Hojii Ergamootaa 20:35

  • Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu yoomi?

  • Kennaa kennuun sirrii kan hin taane yoomi?

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee kennaa kennuu ibsan

Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu yoomi?

Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu fedhiidhaan kakaanee yeroo kenninu dha. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”—2 Qorontos 9:7.

Garaadhaa kakaʼanii kennaa kennuun, kutaa ‘waaqeffannaa qulqulluu’ Waaqayyo duratti fudhatama qabu dha. (Yaaqoob 1:27) Namni arjummaadhaan namoota rakkatan gargaaru Waaqayyo isa arjummaa akkasii akka isaaf liqeeffametti ilaaluu wajjin hojjeta. (Fakkeenya 19:17) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota arjummaadhaan kennan akka eebbisu ni dubbata.—Luqaas 14:12-14.

Kennaa kennuun sirrii kan hin taane yoomi?

Ofittummaadhaan kakaanee kan kenninu yoo taʼe. Fakkeenyaaf, wantoota armaan gadii kan dabalatu yoo taʼe:

  • Namoota ajaaʼibsiisuuf.—Maatewos 6:2.

  • Dugda naaf deebiʼa jedhanii eeguudhaan.—Luqaas 14:12-14.

  • Fayyina ittiin bitachuuf yaalii kan goonu yoo taʼe.—Faarfannaa 49:6, 7.

Sochiiwwan ykn wantoota Waaqayyo balaaleffatu deggeruuf kan oolan yoo taʼe. Fakkeenyaaf, namni tokko qumaara akka taphatu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu bituuf akka itti fayyadamuuf ykn dhugaatii alkoolii akka ittiin dhuguuf qarshii kennuun sirrii miti. (1 Qorontos 6:9, 10; 2 Qorontos 7:1) Haaluma wal fakkaatuun, nama hojii hojjechuu utuu dandaʼuu hojii hojjechuuf fedhii hin qabneef qarshii kennuun sirrii miti.—2 Tasalonqee 3:10.

Fedhii maatii keenyaa dagannee namoota kaaniif kan kenninu yoo taʼe. Kitaabni Qulqulluun mataawwan maatii wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuu akka qaban barsiisa. (1 Ximotewos 5:8) Namni mataa maatii taʼe tokko maatiin isaa utuu rakkatanii namoota kaaniif qarshii hedduu kennuun isaa sirrii miti. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus namoota qabeenya isaanii hunda “kennaa Waaqayyoof murtaaʼe dha” jedhanii warra isaanii dullooman gargaaruu didan balaaleffateera.—Maarqos 7:9-13.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee kennaa kennuu ibsan

Fakkeenya 11:25: “Namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama.”

Hiikni isaa: Kennaa kennuun isa fudhatu qofa utuu hin taʼin isa kennus ni fayyada.

Fakkeenya 19:17: “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa.”

Hiikni isaa: Waaqayyo namoota gargaarsi isaan barbaachisu yeroo gargaarru akkuma isaaf liqeessinetti ilaala; arjummaa argisiisneefis akka nu eebbisu waadaa galeera.

Maatewos 6:2: “Ati yommuu hiyyeeyyiidhaaf kennitu akka fakkeessitoonni namoota duratti ulfina argachuuf . . . godhan, malakanni akka siif afuufamu hin godhin.”

Hiikni isaa: Xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuuf jennee kennuu hin qabnu.

Hojii Ergamootaa 20:35: “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”

Hiikni isaa: Arjummaan garaadhaa madde gammachuu argamsiisa.

2 Qorontos 9:7: “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”

Hiika isaa: Fedhiidhaan kakaanee kennuun keenya Waaqayyoon ni gammachiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi