LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 159
  • Bineeldonni Gara Samii ni Dhaquu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bineeldonni Gara Samii ni Dhaquu?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Bineeldonni lubbuu qabuu?
  • Lubbuun ni duutii?
  • Bineeldonni cubbuu ni raawwatuu?
  • Bineeldotatti garaa jabaachuun fudhatama qabaa?
  • Akkaataa Jireenyaa Veegaaniizimii Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • “Lubbuu” fi “Hafuura”—Hiikni Jechoota Kanaa Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 159
Saree

Bineeldonni Gara Samii ni Dhaquu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun gara samii kan deeman uumamawwan lafarra jiran keessaa ilmaan namootaa qofa akka taʼe barsiisa. (Mulʼata 14:1, 3) Gara samii kan deeman Yesuusii wajjin lubootaa fi mootota taʼuufi. (Luqaas 22:28-30; Mulʼata 5:9, 10) Ilmaan namootaa hedduunimmoo duʼaa kaʼanii lafa jannata taaturra jiraatu.—Faarfannaa 37:11, 29.

Kitaabni Qulqulluun beelladni ykn sareen samiirra jiraatu akka jiru hin dubbatu; kanaafis sababii quubsaan jira. Bineeldonni ulaagaalee “waamicha isa samii irraa” argachuuf barbaachisan guutuu hin dandaʼan. (Ibroota 3:1) Ulaagaaleen kunis beekumsa argachuu, amantii akka qaban argisiisuu fi ulaagaalee Waaqayyootiif ajajamuudha. (Maatewos 19:17; Yohaannis 3:16; 17:3) Abdii bara baraaf jiraachuu kan qaban ilmaan namootaa qofadha.—Uumama 2:16, 17; 3:22, 23.

Uumamawwan lafarra jiran gara samii deemuuf duʼaa kaʼuu qabu. (1 Qorontos 15:42) Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa kaʼuu kanaan dura raawwatame garaa garaa ni dubbata. (1 Mootota 17:17-24; 2 Mootota 4:32-37; 13:20, 21; Luqaas 7:11-15; 8:41, 42, 49-56; Yohaannis 11:38-44; Hojii Ergamootaa 9:36-42; 20:7-12) Haa taʼu malee, duʼaa kan kaafaman hundisaanii ilmaan namootaati malee bineeldota miti.

  • Bineeldonni lubbuu qabuu?

  • Lubbuun ni duutii?

  • Bineeldonni cubbuu ni raawwatuu?

  • Bineeldotatti garaa jabaachuun fudhatama qabaa?

Bineeldonni lubbuu qabuu?

Lakki. Kitaabni Qulqulluun bineeldonnii fi namoonni matuma isaaniitiin iyyuu lubbuu akka taʼan dubbata. (Lakkoofsa 31:28) Addaam inni nama jalqabaa taʼe yeroo uumame lubbuun isaaf hin kennamne; kanaa mannaa“lubbuu jiraataa taʼe.” (Uumama 2:7, miiljalee) Lubbuun wantoota lamarraa jechuunis, “biyyoo lafaa” fi “hafuura jireenyaa” irraa uumame.

Lubbuun ni duutii?

Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun lubbuun akka duutu barsiisa. (Leewwota 21:11, miiljalee; Hisqi’el 18:20) Bineeldonnii fi ilmaan namootaa yeroo duʼan biyyoo lafaatti deebiʼu. (Lallaba 3:19, 20) Akkas jechuun jireenyaa ala taʼu jechuudha.a

Bineeldonni cubbuu ni raawwatuu?

Lakki. Cubbuu jechuun yaada, miira ykn gocha ulaagaalee Waaqaa wajjin wal faallessu jechuudha. Uumamni tokko cubbuu raawwachuuf naamusaa wajjin haala wal qabateen murtoo gochuu qaba; bineeldonni garuu dandeettii akkasii hin qaban. Jireenyasaanii isa gabaabaa taʼe keessatti dandeettii uumamumaan qabaniin wantoota tokko tokko raawwatu. (2 Pheexiros 2:12) Cubbuu kan hin raawwanne taʼus, dhumarratti ni duʼu.

Bineeldotatti garaa jabaachuun fudhatama qabaa?

Lakki. Waaqayyo ilmaan namootaatiif bineeldotarratti aangoo kenneera; garuu, garaa akka isaanitti jabaatan isaaniif hin heyyamne. (Uumama 1:28; Faarfannaa 8:6-8) Waaqayyo simbirroota xixinnoo dabalatee tokkoon tokkoon bineeldotaatiif ni yaada. (Yoonaas 4:11; Maatewos 10:29) Waaqeffattoonnisaa bineeldotaaf akka yaadan ajajeera.—Baʼuu 23:12; Keessa Deebii 25:4; Fakkeenya 12:10.

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee bineeldotaa dubbatan

Uumama 1:28: “Waaqayyo isaan [namoota jalqabaa] ni eebbise; akkasumas, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa; qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisanii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo qabaadhaa” isaaniin jedhe.’”

Hiika isaa: Waaqayyo ilmaan namootaatiif bineeldotarratti aangoo kenneera.

Lakkoofsa 31:28: “Gibira akka taʼuuf, loltoota gara waraanaa dhaqan irraa namoota, loon, harrootaa fi hoolota keessaa 500 keessaa lubbuu tokko fudhadhu.”

Hiika isaa: Bineeldonnii fi ilmaan namootaa lubbuudha.

Fakkeenya 12:10: “Namni qajeelaan beeladoota isaa ni kunuunsa.”

Hiika isaa: Namni gaariin beelladoota manaa dabalatee bineeldota ni kunuunsa

Maatewos 10:29: “Dimbiixiiwwan lama saantima gatii xinnoo qabdu tokkoon gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu.”

Hiika isaa: Waaqni simbirroota xixinnoo dabalatee bineeldota hundumaatiif xiyyeeffannaa ni kenna, akkasumas ni kunuunsa.

a Odeeffannoo dabalataatiif, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 6​ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi