LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 160
  • Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yesuus gara lafaa dhufee dhalachuu isaa dura samii irra jiraachaa turee?
  • Yesuus gara lafaa dhufu isaa dura maal hojjeta ture?
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesuus Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 160
Yesuus Abbaa isaa isa samiitti yommuu kadhannaa dhiheessu

Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee Yesuusiin “Ilma Waaqayyoo” jedhee isa waama. (Yohaannis 1:49) Ibsi “Ilma Waaqayyoo” jedhu Waaqayyo Uumaa akka taʼe, jechuunis Yesuusiin dabalatee Madda uumamawwan hundaa akka taʼe argisiisa. (Faarfannaa 36:9; Mulʼata 4:11) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo akkuma namootaa kallattiidhaan ilma akka godhate hin barsiisu.

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun maleekotaan “Ilmaan Waaqayyoo” jedhee isaan waama. (Iyoob 1:6) Akkasumas nama jalqabaa kan taʼe Addaam “ilma Waaqayyoo” jedhameera. (Luqaas 3:38) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Yesuus uumama Waaqayyoo isa jalqabaa waan turee fi kallattiidhaan Waaqayyoon waan uumameef Ilma Waaqayyoo isa hangafaa akka taʼe ibsa.

  • Yesuus gara lafaa dhufee dhalachuu isaa dura samii irra jiraachaa ture?

  • Yesuus gara lafaa dhufu isaa dura maal hojjeta ture?

Yesuus gara lafaa dhufee dhalachuu isaa dura samii irra jiraachaa turee?

Eeyyee. Yesuus nama taʼee lafa irratti dhalachuu isaa dura uumama hafuuraa samii irra jiraatu ture. Yesuus mataan isaa, ‘Ani samii irraan dhufe’ jedheera.—Yohaannis 6:38; 8:23.

Waaqayyo Yesuusiin kan uume wantoota kan biraa kam iyyuu uumuu isaa dura dha. Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee akkana jedha:

  • “Inni . . . hangafa uumama hundaa ti.”—Qolosaayis 1:15.

  • Inni “uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa [ti].”—Mulʼata 3:14.

Raajiin Masiihicha ilaalchisee, “hundeen isa si keessaa ba’uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti” jedhamee dubbatame Yesuus irratti raawwatameera.—Miikiyaas 5:2; Maatewos 2:4-6.

Yesuus gara lafaa dhufu isaa dura maal hojjeta ture?

Samii irratti aangoo guddaa qaba ture. Kadhannaan Yesuus, “Yaa Abbaa, ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura . . . qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni” jechuudhaan dhiheesse aangoo samii irratti qabu ture kan ibsu dha.—Yohaannis 17:5.

Abbaan isaa wantoota kan biroo yeroo uumu hojicha irratti hirmaateera. Yesuus “hojjetaa dandeettii qabu” taʼuudhaan Waaqayyoo wajjin hojjeteera. (Fakkeenya 8:30, NW) Yesuusiin ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi . . . karaa isaa uumaman” jedha.—Qolosaayis 1:16.

Waaqayyo karaa Yesuus wantoota kan biroo uumeera. Uumamawwan kunis uumama hafuuraa kaanii fi uumama cufaa kan dabalatanii dha. (Mulʼata 5:11) Waaqayyoo fi Yesuus karaa isaan waliin hojjetan hariiroo nama diizaayinii baasuu fi nama ijaartuu taʼe gidduu jiru wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Namnii diizaayinii baasu pilaanii isaa baasa; namnii ijaaru sun immoo hojii ijaarsaa isaa hojjeta.

Dubbicha taʼee tajaajileera. Kitaabni Qulqulluun, jireenya Yesuus nama taʼuu isaa dura qabu yeroo dubbatu “Dubbicha” jedhee isa waama. (Yohaannis 1:1) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyo uumamawwan isaa hafuuraatiif odeeffannoo fi qajeelfama dabarsuuf isatti fayyadamaa ture.

Yesuus namoota lafa irra jiraataniifis Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo taʼee utuu hin tajaajilin hin oolu. Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniif dhaaba Eeden keessatti qajeelfama kan kenne, Yesuusiin akka sagalee dabarsituutti fayyadamuudhaan taʼuu hin oolu. (Uumama 2:16, 17) Kana malees, maleekaan saba Israaʼel durii lafa onaa keessa geggeessee fi dubbii isaatiif akka ajajaman dubbate Yesuus taʼuu dandaʼa.—Baʼuu 23:20-23.a

a Waaqayyo kan dubbatu karaa maleekaa Dubbicha jedhameen qofa miti. Fakkeenyaaf, Waaqayyo saba Israaʼel duriitiif Seera isaa dabarsuuf kan itti fayyadame Ilma isaa Hangafaa utuu hin taʼin maleekaa kan biraa dha.—Hojii Ergamootaa 7:53; Galaatiyaa 3:19; Ibroota 2:2, 3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi