LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 2
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 2
Zilaatkaa yeroo abbaan manaa ishii gara balbalaa dhufu kadhannaa yommuu dhiheessitu

Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi

Ongliin Dhugaa Baatuu Bulgaariyaa keessa jiraattu dha. Dubartii dargaggeettii Zilaatkaa jedhamtuu fi abbaan manaa ishii garuu Kitaaba Qulqulluu hin qoʼanne qoʼachiisti turte. Ongliin akkana jetteetti: “Waaʼee jireenya maatii irratti yommuu mariʼannu, hiriyaa gaaʼelaa keenyaa fi ijoollee keenya akka jaallannu isaanitti himuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaan ishiidhaaf ibse. Zilaatkaan gaddaan na ilaalte; achiis abbaa manaa ishiitiin ykn intala ishii waggaa sagal taate akka isaan jaallattu matumaa isaanitti dubbattee akka hin beekne natti himte!”

Zilaatkaan, “Wanta kam iyyuu isaaniif gochuuf fedhii kanan qabu taʼus, akkan isaan jaalladhu garuu dubbachuu hin dandaʼu” jechuudhaan ibsiteetti. Itti fufuudhaanis, “Haati tiyya akka na jaallattu matumaa natti himtee hin beektu, akkoon tiyyas haadha tiyya akka jaallattu ishiitti himtee hin beektu” jetteetti. Ongliin Yihowaan afaanii baasee Yesuusiin akka jaallatu dubbachuu isaa Zilaatkaatti himte. (Maatewos 3:17) Dhimma kana ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessitu, akkasumas abbaa manaa ishii fi intala ishii akka jaallattu isaanitti himuuf galma akka baafattu ishii jajjabeessite.

Ongliin akkana jetteetti: “Guyyaa lama booda, Zilaatkaan gargaarsa argachuuf Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessite gammachuudhaan natti himte. Yeroo abbaan manaa ishii dhufu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishii irraa haati manaa takka abbaa manaa ishiitiif ulfina kennuu fi isa jaallachuun ishii hangam baayʼee barbaachisaa akka taʼe barachuu ishii isatti himte. Achiis, takka erga cal jettee booda baayʼee akka isa jaallattu isatti himte! Intalli ishiis yommuu dhuftu, Zilaatkaan ishii hammattee akka ishii jaallattu ishiitti himte! Zilaatkaan akkana naan jette: ‘Amma baʼaa guddaan akka na irraa buʼetti natti dhagaʼama. Waggoota kana hunda guutuu miira koo ibsuu hin dandaʼun ture; taʼus gargaarsa Yihowaatiin dhuma irratti jaalala koo maatii kootiif ibsuu dandaʼeera.’

Ongliin dubartiin takka Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu yommuu affeertu

Ongliin ollaawwan ishii Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeruu ishii itti fufteetti

Ongliin itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Torban tokko booda, abbaa manaa Zilaatkaa wajjin yeroo wal arginu akkana naan jedhe: ‘Namoonni hedduun Zilaatkaan sii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka hin qabne natti himaa turaniiru; Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun ishii garuu maatii keenyaaf faayidaa guddaa akka argamsiise homaa hin shakkisiisu. Amma isa yeroo kam iyyuu caalaa hariiroo gaarii fi gammachiisaa qabna.’”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi