LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 9
  • Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdan
  • Maal gochuu dandeessu?
  • Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa
    Dammaqaa!—2019
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 9
Abbaa ilma isaa haasofsiisaa jiru

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?

  • Wanta beekuu qabdan

  • Maal gochuu dandeessu?

  • Warri maal jedhu?

Wanta beekuu qabdan

Aadaawwan tokko tokko keessatti, ijoolleen warra isaanii wajjin baayʼee walitti dhihaatu, akkasumas qajeelfama akka isaaniif kennan barbaadu. Aadaawwan kaan keessatti immoo, ijoolleen qajeelfama argachuuf yeroo baayʼee gara hiriyoota isaanii deemu.

Hiriyoota isaanii irraa qajeelfama barbaaduun isaanii, qajeelfama warri isaanii isaaniif kennaniif bakka guddaa akka hin kennine isaan godha. Warri ijoollee akkanaa qaban, yeroo ijoolleen isaanii kun umurii dargaggummaa irra gaʼanitti dhiibbaa isaan irratti gochuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun immoo nama hin dinqisiisu! Ijoolleen hiriyoota isaanii wajjin yeroo dheeraa yoo dabarsan, kan isaan guddisu warra isaanii odoo hin taʼin ijoollee sana jechuun ni dandaʼama.

Ijoolleen warra isaanii caalaa hiriyoota isaaniitti kan dhihaatan maaliifi? Sababiiwwan kanaa gadii ilaalaa.

  • Mana barumsaa. Ijoolleen yeroo isaanii keessaa isa caalu ijoollee kan biraa wajjin kan dabarsan yoo taʼe, isaan wajjin walitti dhihaachuu fi warra isaanii caalaa ijoollee sana biratti fudhatama argachuu barbaaduu dandaʼu. Yeroo umurii dargaggummaa irra gaʼan immoo ilaalchi akkanaa kun dabaluu dandaʼa.

    Mucaa xinnoo harka isaa raasaa ijoollee wajjin baratuun nagaatti jechaa jiru

    Ijoolleen, ijoollee isaan faana baratan caalaa warra isaanii biratti fudhatama argachuu barbaaduu qabu

  • Yeroo gaʼaa wajjin dabarsuu dhiisuu. Maatiiwwan hedduu keessatti tarii warri gara hojii dhaqanii waan taʼuuf ijoolleen yeroo manatti galan eenyu iyyuu hin argatan.

  • Haala dargaggummaa. Dargaggoonni umurii dardarummaa irra yeroo gaʼan, uffannaan, haasaanii fi haalli isaanii akka hiriyoota isaanii akka taʼu dhiibbaa isaan irratti godhamuun fudhatamaniiru. Ilaalcha warri isaanii isaaniif qaban caalaa ilaalcha hiriyoonni isaanii isaaniif qabantu bakka guddaa qaba.

  • Daldala. Daldaltoonni oomisha isaanii fi bohaartiiwwan isaanii dargaggoota akeekkatanii qopheessu; kun immoo, warrii fi ijoolleen isaanii dargaggoota taʼan wal hubachuun akka isaanitti ulfaatu godha. Doktar Roobarti Eppistaayin akkana jedhanii barreessaniiru: “Haalli dargaggummaa utuu hin jiru taʼee, industiriiwwan guguddaan doolaara biliyoona hedduudhaan sochoʼan ni kufu turan.”a

Maal gochuu dandeessu?

  • Walitti dhufeenya ijoollee keessan wajjin qabdan cimsaa

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Dubbiin ani harʼa si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu! Isas keessa deddeebiʼii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waaʼee isaa dubbadhu!”—Keessa Deebii 6:6, 7.

    Ijoolleen kan biraan ijoollee keessaniif hiriyoota taʼuu dandaʼu, haa taʼu malee, qajeelfama isin kennuufii dandeessan kennuufii hin dandaʼan. Garuu abdii hin kutatinaa: hayyoonni akka jedhanitti, ijoollee fi dargaggoota keessaa harki caalaan isaanii warra isaanii ni kabaju, isaan gammachiisuus ni barbaadu. Walitti dhufeenyi ijoollee keessan wajjin qabdan akka hin laafne yoo gootan, hiriyoota isaanii caalaa dhiibbaa isaan irratti gochuu dandeessu.

    Abbaan tokko bakka bashannanaatti, kompiitara irratti, akkasumas konkolaataa sisirreessuu irratti mucaa isaa wajjin yeroo dabarsaa jira

    “Wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwattan kan akka nyaata qopheessuu, qulqulleessuu fi hojii manaa hojjechuu illee dabalatee isaan wajjin hojjechuudhaan ijoollee keessan wajjin yeroo dabarsuu qabdu. Wantoota nama taphachiisan waliin raawwadhaa; geemii taphadhaa, fiilmii ykn televijiinii wajjin ilaalaa. Kan isin barbaachisu yeroo gabaabaa buʼa qabeessa taʼe qofa akka taʼetti hin yaadinaa. Yeroo gaʼaa waliin hin dabarsitan taanaan walitti dhufeenya cimaa uumuu hin dandeessan!”—Looreen.

  • Ijoolleen keessan hiriyoota isaanii wajjin qofa utuu hin taʼin warra kaan wajjinis michuu akka taʼan godhaa.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira.”—Fakkeenya 22:15.

    Warri tokko tokko ijoolleen isaanii michoota baayʼee akka qaban yeroo argan gammadanii taaʼu. Ijoolleen michoota baayʼee kan qaban fakkaatanis, michoonni umurii garaa garaa irra jiranii fi bilchina argachuuf isaan gargaaran isaan barbaachisu. Hiriyoonni isaanii immoo qajeelfama isaaniif kennuus taʼe isaan geggeessuu hin dandaʼan; wantoonni kun ijoolleedhaaf kan barbaachisanii fi wantoota warri isaanii isaan jaallatan qofti isaaniif dhiheessuu dandaʼani dha.

    “Hiriyoonni mucaa tokkoo wantoota tokko tokko ni beeku taʼa; taʼus dandeettii umuriidhaan argame, muuxannoo, akkasumas ogummaa ijoolleen kaan murtoo gaarii akka godhan gargaaru hin qaban. Ijoolleen qajeelfama warra isaanii kan hordofan yoo taʼe, haala umurii isaanii wajjin wal madaaluun guddachuu fi bilchaachuu dandaʼu.”—Naadiyaa.

  • Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe kennaafii.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

    Ijoolleen keessan isin wajjin yeroo dabarsuun isaanii yeroo guddatanitti illee baayʼee isaan fayyaduu dandaʼa. Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaa.

    “Ijoolleedhaaf fakkeenya guddaa taʼuu kan dandaʼu warra isaanii ti. Ijoolleen warra isaaniitiif bakka guddaa kennuu fi isaan kabajuu yoo baratan, yeroo guddatan akkuma isaanii taʼuu barbaadu.”—Kaatriin.

Warri maal jedhu?

Wiindal, haadha manaa isaa Suuzaan wajjin

“Yeroo baayʼee dargaggoonni muuxannuma xinnoo qaban irratti hundaaʼanii murtoo godhu; kun immoo badiisatti isaan geessuu dandaʼa. Haa taʼu malee, muuxannoo warra isaanii irraa barachuudhaan caalaatti hubannaa qabaachuu dandaʼu; kun immoo murtoo gaarii gochuuf isaan gargaara.”—Wiindal, haadha manaa isaa Suuzaan wajjin.

Kortinii, abbaa manaa ishii Eeriik wajjin

“Wanti isaan barbaadan wanta isin gochuu barbaaddan irraa adda taʼu illee, wanta ijoollee keessan gammachiisu godhaa. Isaan wajjin taʼuun isin haa gammachiisu. Isinitti amanamuu akka dandaʼan godhaa, fakkeenya gaariis taʼaafii. Ijoolleen keessan jireenya gammachiisaa akka jiraatan kan barbaaddan taʼuu isaa beekuu qabu.”—Kortinii, abbaa manaa ishii Eeriik wajjin.

Irra deebii: Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?

  • Walitti dhufeenya ijoollee keessan wajjin qabdan cimsaa. Ijoolleen kan biraan ijoollee keessaniif hiriyoota taʼuu dandaʼu, haa taʼu malee, qajeelfama isin kennuufii dandeessan kennuufii hin dandaʼan.

  • Hiriyoota qabaachuu isaaniitti qofa gammaddanii hin taaʼinaa.

    Ijoolleen keessan hiriyaa baayʼee kan qaban fakkaatanis, hiriyoonni umurii garaa garaa irra jiranii fi bilchina argachuuf isaan gargaaran isaan barbaachisu. Hiriyoonni isaanii qajeelfama isaaniif kennuus taʼe isaan geggeessuu hin dandaʼan; kana gochuu kan dandaʼu warra isaanii qofa dha.

  • ● Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe kennaafii. Ijoolleen keessan isin wajjin yeroo dabarsuun isaanii yeroo guddatanitti illee baayʼee isaan fayyaduu dandaʼa.

a Kitaaba Teen 2.0—Saving Our Children and Families From the Torment of Adolescence jedhamu irraa kan fudhatame.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi