LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 91
  • Warra Kaan Biratti Fudhatama Yoon Dhabe Maalan Godha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Kaan Biratti Fudhatama Yoon Dhabe Maalan Godha?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni warra kaan biratti fudhatama argachuuf kan yaalan maaliifi?
  • Wanta beekuu qabdu
  • Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Dubartoonni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Mana Barumsaatti Waaʼee Amantii Kootii Dubbachuun kan Na Sodaachisu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 91
Mucaa michoota isaa biratti fudhatama dhabee fi kophaa taaʼu tokko

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warra Kaan Biratti Fudhatama Yoon Dhabe Maalan Godha?

“Warra kaan biratti fudhatama argachuu qabda, taʼuu baannaan michoota, jireenyas taʼe abdii gara fuulduraa hin qabaattu. Dhuma irratti irraanfatamtee kophaatti hafta.”—Kaarl.

Yaanni kun kan arbeeffame dhaa? Fakkaachuu dandaʼa. Garuu, namoonni tokko tokko wanta Kaarl ibse kana irraa ooluuf wanta dandaʼan hunda godhu. Ati hoo? Mata dureen kun malawwan gaarii michoota horachuuf si gargaaran qabateera.

  • Namoonni warra kaan biratti fudhatama argachuuf kan yaalan maaliifi?

  • Wanta beekuu qabdu

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Namoonni warra kaan biratti fudhatama argachuuf kan yaalan maaliifi?

  • Warri kaan akka of irraa isaan fageessan waan hin barbaanneefi. “Miidiyaa hawaasaa irratti suuraa garee namoota bakkan ani hin jirretti baʼanii wantoota tokko tokko raawwatan argisiisu tokkon arge. Kunis maalan balleesse jedhee akkan yaaduu fi yaada na hin barbaadan jedhuun akkan jeeqamu na godheera.”—Naataalii.

    QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Garee tokko irraa akka qoodamte sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan garee sanatti makamuuf jettee waa gooteettaa?

  • Warra kaan irraa adda taʼuu waan hin barbaanneefi. “Warri koo moobaayilii akkan qabaadhu naaf hin heyyamne. Ijoolleen lakkoofsa bilbilaa koo yommuu na gaafatanii fi anis moobaayilii akkan hin qabne yommuun isaanitti himu ‘Dhugaa jettaa? Umuriin kee meeqa?’ naan jedhu. Anis umuriin koo 13 akka taʼe yommuun isaanitti himu naaf gaddanii na ilaalu.”—Meerii.

    QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Wanta warri kee si dhoowwan akkamiitu warra kaan irraa adda akka taate akka sitti dhagaʼamu godhe? Maarree maal goota?

  • Warri kaan akka isaanitti roorrisan waan hin barbaanneefi. “Mana barumsaatti ijoolleen warra gochaan, dubbiidhaan ykn waaqeffannaadhaan illee isaan irraa adda taʼan hin jaallatan. Atis isaan biratti fudhatama hin qabdu taanaan namoonni hedduun kana hubachuu fi si miidhuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama.”—Oliiviyaa.

    QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Warra kaan biratti fudhatama dhabuu keetiin kan kaʼe miidhaan si irra gaʼee beekaa? Maarree haala kana akkamitti dandamatte?

  • Michoota isaanii dhabuu waan hin barbaanneefi. “Gareen keessa jiru hundumaa wajjin wal fakkaadhee jiraachuuf yaalii godheera. Akkaataa dubbii kootii irraa adda taʼeen nan dubbadhan ture. Wanta nama hin kofalchiisnetti nan kolfan ture. Kun akka nama miidhu akka gaariitti utuman beekuu ijoolleen nama tokkotti yommuu qoosan isaanii wajjinan itti qoosa ture.”—Reechal.

    QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Hiriyoota kee biratti jaallatamuun siif hammam barbaachisaa dha? Warra kaan biratti fudhatama argachuuf jettee amala kee jijjiirtee beektaa?

Wanta beekuu qabdu

  • Warra kaan biratti fudhatama argachuuf wanta warri kaan raawwatan raawwachuun miidhaa geessisuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas yeroo baayʼee namoonni fakkeessaa akka jirtu ni hubatu. Biraayin inni umuriin isaa waggaa 20 taʼe akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Nama kan biraa fakkaadhee mulʼachuuf yommuun yaalii godhetti hiriyoota daree koo keessa jiran biratti fudhatama argachuu hin dandeenye. Namoonni yommuu ati fakkeessitu beekuu waan dandaʼaniif of taʼuun gaarii taʼuu isaa hubadheera.”

    TARKAANFII GAARII TAʼE: Wanti dursa kennituuf maal akka taaʼe yaadi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Kanaafuu, ‘Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe namoota seera amalaa kan koo irraa adda taʼe qaban biratti fudhatama argachuu moo eenyummaa koo isa dhugaa eegee jiraachuu dha?’ jedhii of gaafadhu.

    “Warra kaan fakkaachuuf yaalii gochuun faayidaa hin qabu. Namoonni caalaatti akka si jaallatanis taʼe nama gaarii akka taatu si hin taasisu.”—Jeemsi.

  • Warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaaluun eenyummaan kee akka dhokatu gochuu dandaʼa. Kun wanta warri kaan akka taatu barbaadan taʼuuf yaaluudhaan nama namoota biratti jaallatamuu barbaadu akka taatu si gochuu dandaʼa. Dargaggeessi Jeremii jedhamu tokko akkana jedheera: “Maqaa gaarii hin taane akkan qabaadhu kan godhu taʼu illee garee taʼe tokko biratti fudhatama argachuuf wantan dandaʼu hunda nan godhan ture. Kun immoo warri kaan akka na toʼatan godheera. Ashaangulliitii isaanii taʼeen ture.”

    TARKAANFII GAARII TAʼE: Akkuma gaararraa wanta naannoo ishiitti argamu fakkaachuuf halluu ishii jijjiirtuu taʼuu mannaa, ulaagaawwan amalaa kee beeki, akkasumas isaanii wajjin karaa wal simuun jiraadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin bu’in” jechuun isaa sirrii dha.—Baʼuu 23:2.

    “Wanta isaan jaallatan hunda, jechuunis muuziqaa, geemota, uffata, agarsiisawwanii fi miʼawwan miidhaginaa jaallachuuf yaalii godheera; walumaa galatti isaan taʼuuf yaalii godheera. Isaanis fakkeessaa akkan jiru waan hubatan natti fakkaata. Anas dabalatee namni hundi kana waan hubate natti fakkaata. Dhuma irratti gaddaa fi kophummaan natti dhagaʼame; sana booda eenyummaa koo illee nan wallaale. Sana booda wantan jaalladhuu fi wantan yaadu illee beekuun dadhabe. Nama hunda biratti fudhatama argachuus taʼe namni hundi na jaallachuu akka hin dandeenye hubadheera. Kana jechuun garuu michoota qabaachuuf yaalii gochuu hin qabdu jechuu miti; obsa qabaadhu, michoota horachuunis taʼe gaʼeessa taʼuun yeroo akka gaafatu yaadadhu.”—Meliindaa.

  • Warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaaluun amala kee balleessuu dandaʼa. Dargaggeessi Kiriis jedhamu tokko kun dhugaa taʼuu isaa durbii isaa irratti argeera. Kiriis akkana jedheera, “Durbiin koo warra kaan biratti fudhatama argachuuf qofa jedhee wantoota yeroo kaan hin raawwanne, kan akka qoricha sammuu hadoochufaa fudhachuu jalqabe. Achiis guutummaatti araada kanaan qabame; kun immoo jireenya isaa mancaasuu jala gaʼee ture.”

    TARKAANFII GAARII TAʼE: Namoota dubbiin isaaniis taʼe amalli isaanii gaarii hin taane irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jedha.—Fakkeenya 13:20.

    “Yeroo tokko tokko carraaqqii gochuu fi warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaalii gochuun gaarii dha. Haa taʼu malee, wanta sirrii akka taʼe beektu aarsaa gochuudhaan matumaa wanta akkanaa raawwachuu hin qabdu. Namoonni michoota gaarii siif taʼan eenyummaa kee isa dhugaadhaan si simatu.”—Meelaanii.

    Gorsa gaarii: Namoota haaraa wajjin wal baruu fi michuu isaan godhachuuf yommuu yaaltu warra fedhii akka keetii qaban qofa hin barbaadin. Namoota amalawwan gaggaarii ati qabdu qaban, jechuunis namoota karaa hafuuraa, karaa amalaa fi karaa naamusaa si fakkaatan barbaaddadhu.

    Shamarree uffata ishii irraa hin bareedne uffatte takka

    Uffanni tokko tokko si irraa hin bareedu taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni tokko tokkos amalawwan kee siif hin fooyyessan

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Eemaa

“Garee taʼe tokko biratti fudhatama argachuu yoo dadhabde, duubatti deebitee kun maaliif akka taʼe yaaduun kee gaarii taʼuu dandaʼa. Tarii kun kan taʼe gareen sun ulaagaawwan gaggaarii ati qabdu waan hin qabneefii? Sababni isaa kana yoo taʼe, isaan biratti fudhatama dhabuun kee si gammachiisuu dandaʼa.”—Eemaa.

Noohaa

“Waaʼee warra kaan biratti fudhatama argachuu garmalee dhiphachuu mannaa, yeroo kee fi humna kee amalawwan nama gaarii akka taatu si gargaaran horachuu irratti dabarsuuf carraaquun kee gaarii dha. Warra kaanitti gaarummaa yoo argisiiste, namoonni ati dhugumaan michoota kee akka taʼan barbaaddu sitti ni dhihaatu.”—Noohaa.

Doominiik

“Ani dhuunfaatti michoota horachuuf namootaaf yaaduuf, wanta isaan itti gammadan beekuu fi wantoota tokko tokkoof ilaalcha isaan qaban beekuufan yaalii godha. Eenyummaa koo jijjiiruu mannaa, ilaalcha isaanii nan fudhadha. Kun namoota umurii akkamii iyyuu irratti argamanii wajjin michummaa uumuuf na gargaareera.”—Doominiik.

Irra deebii: Warra kaan biratti fudhatama yoon dhabe maalan godha?

Wanti dursa kennituuf maal akka taaʼe yaadi.

Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe, namoota amalli isaanii rakkina qabu biratti fudhatama argachuu moo, eenyummaa kee eegdee jiraachuu dha?

Eenyummaa mataa keetii qabaadhu, eenyummaa keettis hin qaanaʼin.

Akka gaararraa wanta naannoo ishiitti argamu fakkaachuuf halluu ishii jijjiirtuu hin taʼin.

Namoota dubbiin isaanii fi amalli isaanii gaarii hin taane irraa fagaadhu.

Fudhatama argachuuf yaalii gochuun yeroo hunda dogoggora dha jechuu miti; wanta sirrii akka taʼe beektuu wajjin kan wal faallessu yoo taʼe garuu matumaa akkas hin godhin.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi