LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 96
  • Hojii Manaa Koo Xumuruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Manaa Koo Xumuruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barsiisonni hojii manaa kan kennan maaliifi?
  • Malawwan qoʼannaadhaaf gargaaran
  • Barataa Cimaa Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Yeroo Hunda Qormaata Kanan Kufu yoo Taʼe Maal Gochuun Dandaʼa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Mucaan Keessan Qabxii Barumsaa Isaa Akka Fooyyeffatu Gargaaruu kan Dandeessan Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 96
Mucaan umurii waggoota kurnanii keessa jiru tokko, halkan televijiiniin banamee utuma jiruu hojii manaa isaa hojjechaa jira.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Hojii Manaa Koo Xumuruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Halkan saʼaatii 7:00⁠tti kaʼanii hojii manaa hojjechuun baayʼee nama dadhabsiisa. Yeroo sanatti rafuu qofatu sitti mulʼata.”—Deevid.

“Yeroo tokko tokko halkan keessaa hanga saʼaatii 10:30⁠tti tureen qoʼadha; achiis gara mana barumsaa deemuuf ganama saʼaatii 12:00ttan kaʼa ture. Rafuuf yeroo hin argadhu jechuun ni dandaʼama!”—Teriisaa.

Hojiin manaa sirra tuulameeraa? Taanaan, mata dureen kun furmaata akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

  • Barsiisonni hojii manaa kan kennan maaliifi?

  • Malawwan qoʼannaadhaaf gargaaran

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Barsiisonni hojii manaa kan kennan maaliifi?

Fakkeenyaaf hojiin manaa . . .

  • beekumsa kee siif dabala

  • itti gaafatamummaan akka sitti dhagaʼamu si barsiisa

  • yeroo keetti ogummaadhaan akka fayyadamtu dandeettii kee sii guddisa

  • wanta kutaatti baratte akka hubattuu fi hojii irra akka oolchitu si gargaaraa

“Barsiisonni barattoota isaaniitiif hojii manaa kennuun isaanii, barattoonni isaanii wanta baratan gurra tokkoon dhagaʼanii gurra isa kan biraatiin dhangalaasuu mannaa kan shaakalan taʼuu isaanii karaa ittiin mirkaneessani dha.”—Maarii.

Keessattuu herregnii fi saayinsiin dandeettii rakkina furuuf qabdan isiniif fooyyessu. Akkasumas akka hayyoonni jedhanitti, sammuu keessatti qunnamtii haaraa uumuu fi cimsuu dandaʼa. Kanaafuu, hojii manaa hojjechuun sammuu keetiif akka ispoortii ti.

Faayidaan isaa sitti mulʼatus mulʼachuu baatus, hojiin manaa wanta jireenya kee keessatti raawwachuu qabdu dha. Kan nama gammachiisu garuu, hojii manaa sii kennamu baayʼina isaa murteessuu kan hin dandeenye taatus, saʼaatii hamma hojjettee xumurtutti si jalaa fudhatu hirʼisuu ni dandeessa. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Malawwan qoʼannaadhaaf gargaaran

Hojii manaa kee hojjettee xumuruu irratti rakkina yoo qabaatte, furmaanni isaa humnaan hojjechuu mannaa malaan hojjechuu taʼuu dandaʼa. Malawwan kanaa gadii yaali.

  • Mala Qoʼannaa 1: Dursii karoorfadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha. (Fakkeenya 21:5) Kaʼuun odoo si hin barbaachisin hojjechuu akka dandeessu, wantoota qoʼannaadhaaf si barbaachisan hunda of bira kaaʼi.

    Kana malees, bakka xiyyeeffannaan kee itti hin hihhiramne filadhu. Barattoonni tokko tokko mana isaaniititti kutaa sagaleen itti hin dhagaʼamnee fi ifa gaarii qabu filatu. Kaan immoo mana isaaniitii ala, tarii laayibrariitti isaaniif wayya.

    “Wantoota akka kitaabaa ykn kaalaandarii hojii manaa mana barumsaa hojjechuu qabduu fi yoom hojjechuuf akka yaadde irratti barreeffattu qabaachuun kee yeroo keetitti ogummaadhaan fayyadamuuf si gargaara. Hojiin manaa kee maal maal akka taʼee fi yoom akka hojjetamuu qabu galmeeffattee kan hordoftu yoo taʼe, dhiphina guddaa of irraa hirʼista.”—Riichaard.

  • Mala Qoʼannaa 2: Hojii kee qindeessi. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundi . . . karaa seera qabuun haa raawwatamu” jedha. (1 Qorontos 14:40) Kana yaadatti qabachuudhaan, hojii manaa kee duraa duuba akkamiitiin hojjechuu akka qabdu murteessi.

    Barattoonni tokko tokko hojii manaa isa ulfaatu irraa jalqabuu barbaadu. Tokko tokko immoo isa salphaa dursanii hojjechuun isaanii isa ulfaataatti ceʼuuf waan isaan kakaasuuf isa salphaa dursuu filatu. Mala caalaatti si fayyadu filadhu.

    “Wanta gochuu qabduu fi duraa duuba kamiin gochuu akka qabdu beekuuf, barreeffatanii qabachuun baayʼee nama gargaara. Akkas yoo taʼe, hojii manaa sii kenname toʼannaa kee jala akka galfatte sitti dhagaʼama malee humna keetii ol akka taʼe sitti hin dhagaʼamu.”—Haayidii.

  • Mala Qoʼannaa 3: Hojicha jalqabi. Kitaabni Qulqulluun, “Jabaadhaa hojjedhaa malee, dhibaaʼoo hin taʼinaa” jedha. (Roomaa 12:11) Sochiiwwan nama qoruu dandaʼan kaan, yeroo hojii manaa kee hojjechuuf si barbaachisu akka si jalaa fudhatan hin heyyamin.

    Namni harʼa boru jedhu guyyaa hojii manaa isaa itti xumuruu qabu ni irraanfata ykn hojii isaa xumuruuf ni ariifata; kun immoo yeroo baayʼee qoʼannaan isaas taʼe hojiin isaa hamma eegamu gaarii akka hin taane godha. Hojii manaa kee hamma dandaʼametti dursitee jalqabuudhaan qofa, dhiphina hin barbaachisnee fi gadda irraa of eeguu dandeessa.

    “Hojii manaa koo akkuman mana barumsaatii galeen yoon hojjedhe ykn piroojeektii tokko akkuma nuu kennameen yoon jalqabe, booda waaʼee isaa yaaddaʼuun na hin barbaachisu; sochiiwwan koo kaanittis gufuu na jalaa hin taʼu.”—Sariinaa.

    YAADA: Hojii manaa kee guyyaa guyyaadhaan saʼaatii wal fakkaatutti hojjedhu. Kana gochuun kee, caalaatti kan of toʼattu akka taatuu fi hojii manaa hojjechuu barsiifata akka godhattu si gargaaruu dandaʼa.

  • Mala Qoʼannaa 4: Yaadni kee hin hihhiramin. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!” jedha. (Fakkeenya 4:25) Yeroo qoʼattu gorsa kana hojii irra oolchuuf, wantoota xiyyeeffannaa kee hihhiran keessumaa immoo meeshaawwan elektirooniksii of irraa fageessi.

    Mucaan umurii waggoota kurnanii keessa jiru tokko gara galgalaa wanti xiyyeeffannaa isaa hihhiru bakka hin jirretti hojii manaa isaa hojjechaa jira.

    Intarneetii sakattaʼuu fi ergaa waliif erguun, saʼaatii hojii manaa kee hojjechuun fudhatu dachaa lamaan dabaluu dandaʼa. Xiyyeeffannaan kee yoo hihhiramuu baate garuu, dhiphina kee hirʼisuu malees saʼaatiin sirraa hafu baayʼee taʼa.

    “Bilbila, kompiitara, meeshaa geemii fi televijiinii fayyadamaa wanta tokko irratti xiyyeeffachuun rakkisaa dha. Bilbila koo cufuun, akkasumas wantoota xiyyeeffannaa harkisanii fi natti dhihoo jiran kaan sookkeettii irraa buqqisuun koo na gargaareera.”—Jooʼel.

  • Mala Qoʼannaa 5: Madaallii kee eegi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Tole kan jettan taʼuun keessan kan beekame haa taʼu’ jedha. (Filiphisiyus 4:5) Yeroo si barbaachisutti boqonnaa yoo fudhatte, hojii manaa hojjechuun kan si dhiphisu hin taʼu. Miilaan deemuu, biskileetii oofuu ykn fiiguu dandeessa.

    Ammas hojiin manaa akka sirra tuulame yoo sitti dhagaʼame, barsiisota keetti himi. Garaa guutuudhaan wanta sii dandaʼame gochaa akka jirtu yoo beekan, sirreeffama gochuuf kakaʼuu dandaʼu.

    “Yaaddoon hojii manaa wajjin wal qabate gammachuu akka si dhabsiisuu fi akka si dhiphisu hin heyyamin. Hamma dandeesse carraaqqii godhi. Wantoonni akka hojii manaa tokko tokko mataa akka nu naannessan heyyamuun sirrii miti.”—Juuliyaa.

Gaaffiiwwan of gaafachuu qabdu:

  • Hojii manaa koo hojjechuuf meeshaawwan akkamiitu na barbaachisa?

  • Hojii manaa koo hojjechuuf yeroon gaarii taʼu yoomi?

  • Iddoo gaariin xiyyeeffannaa kennuuf na gargaaru eessa?

  • Harʼa boru jechuu irraa of qusachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Wantoota xiyyeeffannaa hihhiran akkamiitu duubatti na harkisuu dandaʼa?

  • Meeshaawwan elektirooniksii ykn wantoota xiyyeeffannaa koo hihhiran kaan akkamittan of irraa fageessa?

  • Baayʼee odoon hin dhiphatin hojii manaa koo hojjedhee fixuu kanan dandaʼu akkamitti?

YAADACHIISA BARBAACHISAA: Hojiin manaa kee maalfaa akka dabalatu beeki. Gaaffii yoo qabaatte daree keessaa baʼuu kee dura barsiisicha gaafadhu.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Anjaliik.

“Dura hojii manaa isa salphaa taʼe hojjechuudhaanan qaama koo hoʼisa. Akkana gochuun koo sodaa koo naa hirʼisa, akkasumas hojjechuu koo itti fufuuf fedhii koo naa guddisa.”—Anjaliik.

Oostan.

“Hojii manaa hojjechuun kan na hin gammachiisne taʼus, yeroo kiyyatti akkamitti fayyadamuu akkan dandaʼuu fi nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akkan taʼu na barsiiseera. Gama kanaan, hojii manaa hojjechuun jireenyaaf leenjii gaarii dha.”—Oostan.

Irra deebii: Hojii manaa koo xumuruu kanan dandaʼu akkamitti?

Dursii karoorfadhu. Meeshaawwan qoʼannaadhaaf si gargaaran of bira kaaʼi. Iddoo xiyyeeffannaa kennuuf si dandeessisu filadhu.

Hojii kee qindeessi. Duraa duuba hojii manaa kee itti hojjettu murteessi.

Hojicha jalqabi. Jabaadhuu hojjedhu; harʼa boru hin jedhin.

Yaadni kee hin hihhiramin. Keessattuu meeshaalee elektirooniksii dabalatee wantoota xiyyeeffannaa kee hihhiran of irraa fageessi.

Madaallii kee eegi. Yeroo si barbaachisutti boqonnaa fudhadhu. Yaaddoon hojii manaa wajjin wal qabate gammachuu akka si dhabsiisuu fi akka si dhiphisu hin heyyamin.

a Qabxiiwwan kun kitaaba School Power jedhamuu fi Jiin Shuumiin qophaaʼe irraa kan fudhatamani dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi