LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 14
  • Gorora Qurxummiin Haagfiish Jedhamu Maddisiisu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorora Qurxummiin Haagfiish Jedhamu Maddisiisu
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gorora Cilalluun Wantootatti Ittiin Maxxanu
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Jireenyi kan Argame Akkamitti?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 14
Qurxummiin haagfiish jedhamu tokko yommuu bishaan daaku.

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Gorora Qurxummiin Haagfiish Jedhamu Maddisiisu

Saayintistoonni gorora ykn dhangalaʼaa qurxummiin haagfiish jedhamu maddisiisu baayʼee dinqisiifatu. Xiyyeeffannaa isaanii kan harkisu maaliifi? Gororri haagfiish ‘wantoota lallaafaa harkifamuu dandaʼan’ keessaa tokko akka taʼe ibsameera.

Mee yaadi: Haagfiish qurxummii bofa fakkaatuu fi lafa bishaan jalaa irra jiraatu dha. Bineensi isa adamsu tokko isa nyaachuuf yommuu yaalu, haagfiish xannacha isaa keessaa gorora maddisiisa. Gororri kun pirootinii waan akka furrii taʼee fi pirootinoota foʼaa dheeraa taʼanii fi kumaan lakkaaʼaman kan biroo kan of keessatti qabate dha. Pirootinoonni kun bishaan haagfiishitti marsee jiru gara gorora dhoqonaaʼaa taʼetti jijjiiru. Gororri kun giilii (somba) bineensa isa adamsu sanaa duuchuudhaan dafee akka isa irraa baqatu godha.

Gororri haagfiish baayʼee adda dha. Furdinni tokkoon tokkoon foʼaa pirootinoota isaa tokko dhibbaffaa rifeensa namaati, ciminni isaa immoo kirrii harka kudhan caala. Makaan furrii fi foʼaa kun gara bishaaniitti yommuu gadhiifamu wanta gingilchaa haphii daayimeenshinii sadi qabu wajjin wal fakkaatu uuma. Wanti kun bishaan ulfaatina isaa caalaa dachaa 26,000 taʼu of keessatti qabachuu dandaʼa. Gororri kun iyyuu harki 100 bishaani jechuun ni dandaʼama!

Saayintistoonni dhangalaʼaa haagfiish maddisiisu wajjin wal fakkaatu hojjechuu hin dandeenye. Qorataan tokko “Sirni uumamaa kun baayʼee wal xaxaa dha” jedheera. Taʼus, saayintistoonni baakteeriyaatti fayyadamanii foʼaa pirootinii kana hojjechuuf yaadaa jiru. Kaayyoon isaanii meeshaa salphaa, dafee hin tarsaane, harkifamuu dandaʼuu fi bosbosuu dandaʼu hojjechuu dha. Foʼaawwan pirootinii nam-tolchee taʼan wantoota yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼanii fi warshaa huccuu keessatti itti fayyadaman, akkasumas wantoota yaalii fayyaatiif oolan hojjechuuf faayidaa irra ooluu dandaʼu. Dhangalaʼaa nam-tolchee kanatti fayyadamuudhaan wantoota hedduu hojjechuun ni dandaʼama.

Maal sitti fakkaata? Gororri qurxummii haagfiish inni baayʼee wal xaxaa taʼe kun jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi