LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 31
  • Arraba Simbira Haamiingibard

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Arraba Simbira Haamiingibard
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Arraba Keessan To’achuudhaan Jaalalaafi Ulfina Waliif Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Yeroo Hunda Wanta Dogoggoraa Kanan Dubbadhu Maaliifi?
    Gaaffii Dargaggootaa
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 31
Simbirri Haamiingibard nadhii dhuguuf arrabasaa yommuu diriirsu.

Moment/Robert D. Barnes via Getty Images

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Arraba Simbira Haamiingibard

Saayintistoonni kanaan dura simbirri Haamiingibard jedhamu nadhii abaaboo kan xuuxu ujummoo qalloo arrabasaarra jiruu fi humna harkisaatti fayyadamuun akka taʼe yaadu turan. Qorannoowwan dhiheenya godhaman garuu, simbirri kun mala kanarra caaluu fi “kiyyoo dhangalaʼaa qabatu” jedhamutti akka fayyadamu argisiisu.

Mee yaadi: Arrabni simbira Haamiingibard nadhii abaaboo keessa yeroo seenu bakka lamatti hiramuudhaan fiixee lama uuma. Fiixeewwan kun lamaan immoo boʼoo mataa isaanii qabu. Boʼoowwan kun ujummoo cufame fakkaatu. Fiixeewwan kun dhangalaʼaa keessa yommuu seenan boʼoowwan sun ni banamu, achiis fiixeen arrabichaa hurgufamuudhaan simbirri sun dhangalaʼaa sana xuuxuu mannaa, akka arraabu godha. Haala kanaan boʼoon fiixeewwan lamaan kanarra jiru nadhii sana erga qabatee booda ni cufama.

Suuraawwan: Simbirri Haamiingibard nadhii abaaboo yommuu dhugu. Suuraawwan keessa jiran: 1. Arrabni isaa nadhii abaaboo keessa yommuu seenu. 2. Fiixeewwan lamaan arraba isaa nadhii qabatanii yommuu ol deebiʼan.

Qorattoonni Aleejaandiroo Riikoo Guuveeraa, Tiishii Faanii fi Maargaareet Ruubeegaa jedhaman, gochi kun hundi “sekoondii tokko keessatti siʼa kudhanii ol” akka raawwatamu ibsaniiru. Dabalataanis, ‘Fiixeen arraba simbira kanaa kiyyoo ajaaʼibaa dhangalaʼaa qabatuu fi yeroo dhangalaʼaa keessa seenuu fi baʼutti boca isaa jijijjiiru’ akka taʼe ibsaniiru.

Simbirri kun kana hunda yeroo raawwatutti humna hin fayyadamu. Fiixeewwan arrabasaa yeroo dhangalaʼaa keessa seenanii baʼanitti kan banamanii fi kan cufaman humna wal xaxaa arrabuma sanarratti argamutti fayyadamaniiti.

Arrabni simbira haamingbird jedhamu kanaa kiyyoo addaa dhangalaʼaa qabachuudhaan beekamu waan taʼeef, qorattoonni teknoolojii qoricha, roobootii fi wantoota kaan oomishu yeroo kalaqanitti mala kanatti fayyadamuu akka dandaʼan amanu. Malli kun diizaayinii meeshaalee zayitii fi dhangalaʼaa kaan qulqulleessuuf gargaaran kalaquufillee hojiirra ooluu dandaʼa.

Simbirri Haamiingibard arrabasaa yeroo diriirsu ilaali

Maal sitti fakkaata? Arrabni simbira haamingibard inni wal xaxaa taʼe, jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi