LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 41
  • Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumamani Wal Xaxaa hin Taane Jiraa?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
  • Hayyuun Imbiriyooloojii Amantii Isaa Ibse
    Dammaqaa!—2016
  • Baayookeemistiin Tokko Amantiishee Ibsite
    Dammaqaa!—2013
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 41
Seelii bakka lamatti qoodamaa jiru.

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii

Daaʼimni tokko yommuu garaatti hafu guddinni isaa kan eegalu seelii baayʼee xinnoo ijaan hin argamnee fi Zaayigootii jedhamu irraati. Haataʼu malee, jiʼoota hedduu booda daaʼima qaama guutuu qabu taʼa. Seelii tokkittiin kun baayʼachuudhaan seelota boca, hammaa fi hojii garaagaraa qaban gara 200 oliitti jijjiiramti.

Mee yaadi: Zaayigootiin tokko DNA isa keessatti argamu koppii godhee bakka lamatti hirama. Seelonni koppii taʼan kunis akkasuma godhu. Jalqaba irratti, seelonni haaraan kun wal fakkaatu. Seelonni kun DNA isaanii keessaa qajeelfama seelota gosa hundaaf barbaachisu qabu.

Daaʼimni garaatti hafee torban tokko booda seelonni kun bakka lamatti hiramu. Seelonni tokko tokko gara micireetti jijjiiramu, seelonni kaan immoo obbaatii fi tishuuwwan micireen akka guddatu gargaaran kan biroo taʼu.

Torbee sadaffaatti seelonni miciree caasaa sadiin walirra namʼu. Caasaan inni alaan jiru yeroo booda gara seelii narvii, sammuu, afaan, gogaa fi seelota kaaniitti jijjiirama. Caasaan inni gidduu immoo seelii dhiigaa, lafee, kalee, maashaalee fi tishuuwwan kan birootti jijjiirama. Caasaan inni keessaa immoo kutaalee qaama keessaa kanneen akka somba, afuuffee fincaanii fi sirna bullaaʼinsa nyaataatti jijjiirama.

Diyaagiraamii seeliin tokko garee seelii garaa garaa sadiitti yommuu jijjiiramu argisiisu. Achiis, gareen seelii sun gara seelii sombaa, seelii sammuu, seelii lafee fi kutaawwan qaama daaʼima tokkootti jijjiiramu.

Daaʼimni garaa keessa jiru guddachaa yeroo deemu seelonni garaa garaa 200 ol taʼan gara seelota garaa garaatti jijjiiramu

Tibba haati ulfa taatee turtutti seelonni tokko tokko dhuunfaadhaan ykn gareedhaan kutaa miciree isa tokko irraa gara isa kan biraa deemu. Seelonni kaan immoo wal faana taʼanii akka funyootti mammaramuudhaan walirra namʼu. Adeemsi kun qindoomina guddaa gaafata. Fakkeenyaaf yeroo taʼe tokkotti seelonni akka funyootti mammaramanii walirra namʼan sun ujummoo xixinnoo taʼu. Kunis guutummaa miciree keessatti takkaatti taʼa. Achiis, ujummoowwan kun dheerachuu fi damee baasuu kan jalqaban siʼa taʼu, boodammoo wal qabachuudhaan marsaa guutuu uumu.

Yeroo booda seelonni biliyoona dhibbaan lakkaaʼaman yeroo sirrii taʼetti gosa gosa isaaniitiin iddoo iddoo isaanii yommuu qabatan daaʼima fayya buleessa taʼetu dhalata.

Maal sitti Fakkaata? Dandeettii Seeliin qoqqoodamuuf qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi