LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 22
  • Yohaannis 16:33—“Ani Addunyaa Moʼeera”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yohaannis 16:33—“Ani Addunyaa Moʼeera”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Yohaannis 16:33
  • Yaada naannoo Yohaannis 16:33 jiru
  • Yohaannis 14:27—“Ani Nagaa Isin Biratti Nan Dhiisa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Yohaannis 14:6—“Karaan, Dhugaanii fi Jireenyi Ana”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Fakkeenya Yesuus Hordofuudhaan Nagaa Keessan Eeggadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Jabaadhaa! Ani Addunyaa Moʼeera”
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 22

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 16:33—“Ani Addunyaa Moʼeera”

“Isin karaa koo nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera. Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa mo’eera.”—Yohaannis 16:33, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa moʼeera.”—Yohaannis 16:33, hiika bara 1997.

Hiika Yohaannis 16:33

Qorumsawwanii fi mormiiwwan jiraatanis isaanis Waaqayyoon gammachiisuudhaan milkaaʼina argachuu akka dandaʼan jechoota kana dubbachuudhaan isaaniif mirkaneesseera.

“Isin karaa kooa nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera.” Yaanni caqasa kanaa inni kaan, namni tokko jireenya isaa keessatti lola irraa walaba akka taʼe kan ibsu miti. Kanaa mannaa nagaa keessaa fi sammuu qabaachuu jechuu dha. Nagaan keessaa kun “karaa” Yesuus isa hafuura qulqulluu nuu erguuf abdachiiseen kan argamu dha. “Gargaaraan” kun barattoonni Yesuus rakkoowwan isaan mudatan akkamii iyyuu keessatti milkaaʼina argachuuf isaan dandeessisa.—Yohaannis 14:16, 26, 27.

“Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa!” Yesuus barattoonni isaa qorumsawwan kanneen akka murtoo haqaa dhabuu fi ariʼatamni kan isaan irra gaʼu taʼuu isaa dubbateera. (Maatewos 24:9; 2 Ximotewos 3:12) Taʼus, sababa itti ‘jabaatanʼ qabu.—Yohaannis 16:33.

“Ani addunyaa moʼeera.” Jechi as irratti “addunyaa” jedhu hawaasa ilmaan namaa hariiroo Waaqayyo biratti fudhatama hin qabne argisiisu dha.b Tokkoffaa Yohaannis 5:19 akkana jedha: “Nuti kan Waaqayyoo akka taane beekna, guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sanaa jala jira.” Hamaa inni jedhame Seexana dha. Kanaafuu namoonni “addunyaa” wanta fedhii Waaqayyoo irraa adda taʼe yaadu akkasumas hojjetu.—1 Yohaannis 2:15-17.

Seexannii fi addunyaan isaan geggeeffamu Yesuus fedhii Waaqayyoo akka hin raawwanne gochuuf yaalanii turan. Kun immoo akka inni waaʼee Waaqayyoo warra kaan hin barsiisee fi lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee akka hin dhiheessine gochuu kan dabalatu ture. (Maatewos 20:28; Luqaas 4:13; Yohaannis 18:37) Haa taʼu malee Yesuus addunyaan kun ilaalcha isaa irratti dhiibbaa akka godhuu fi Waaqayyo irraa akka gara galu akka isa godhu hin heyyamne. Kanaa mannaa hamma duʼaatti amanamaa taʼeera. Kanaafuu, Yesuus addunyaa moʼeera akkasumas Seexanni inni ‘bulchaa addunyaaʼ ‘dhiibbaa isa irratti gochuu akka hin dandeenyeʼ dubbateera.—Yohaannis 14:30.

Yesuus fakkeenya ofii isaatti fayyadamuudhaan duuka buutonni isaas ejjennoon isaanii yeroo qoramutti illee Waaqayyoof amanamoo taʼuu akka dandaʼan argisiiseera. Kanas Yesuus akkana akka jedhetti fudhachuu dandeenya: “Ani addunyaa moʼeera, isinis moʼuu ni dandeessu.”

Yaada naannoo Yohaannis 16:33 jiru

Yesuus yaada kana kan dubbate galgala duʼuu isaa dura turetti dha. Yesuus akka ajjeefamu waan beekuuf carraa kanatti fayyadamuudhaan ergamoota isaa amanamoo taʼanitti gorsa barbaachisaa taʼe tokko himeera. Wanta bakka guddaa qabuu fi irratti yaaduu qaban isaanitti himeera. Kunis kana booda deebiʼanii akka isa hin argine, akka ariʼataman fi akka ajjeefaman illee isaanitti hime. (Yohaannis 15:20; 16:2, 10) Kun ergamoota isaa waan sodaachiseef Yesuus yaada Yohaannis 16:33 irra jiru dubbachuudhaan isaan jajjabeesseera.

Jechoonnii fi fakkeenyi Yesuus duuka buutota isaa yeroo harʼaa jiranis kan jajjabeessu dha. Rakkinni akkamii isaan mudatu illee Kiristiyaanonni hundi amanamoo ni taʼu.

a Jechi afaan Giriikii “karaa koo” jedhu “anaa wajjin” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Kunis nagaa barattoonni Yesuus isaa wajjin tokkummaa qabaachuudhaan argatan kan argisiisu dha.

b Jechi Yohaannis 15:19 fi 2 Pheexiros 2:5 irratti “addunyaa” jedhus hiika wal fakkaatu kan qabu dha.

Yohaannis boqonnaa 16 ibsa miiljalee fi caqasoota dabalataa isaa wajjin walqabatan waliin dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi