LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 33
  • Mulʼata 21:1—“Samii Haaraa fi Lafa Haaraa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mulʼata 21:1—“Samii Haaraa fi Lafa Haaraa”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Mulʼata 21:1
  • Yaada naannoo Mulʼata 21:1​tti argamu
  • Mulʼata 21:4—“Inni Imimmaan Hundumaa Ija Isaanii Irraa ni Haqa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 33

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Mulʼata 21:1—“Samii Haaraa fi Lafa Haaraa”

“Samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru; galaannis kana booda hin jiraatu.”—Mul’ata 21:1, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi’ee hin argamu.”—Mul’ata 21:1, Hiika Bara 1997.

Hiika Mulʼata 21:1

Caqasni kun Mootummaa Waaqayyoo isa samii irratti argamuu fi bulchiinsa ilmaan namootaa hunda bakka buʼu fakkeenyaan ibsa. Mootummichi hamoota balleessee hawaasa ilmaan namootaa haaraa aangoo isaatiif fedhiidhaan bitamu irratti bulcha.

Kitaabni Mulʼata “mallattoowwaniin” kan ibsame dha. (Mulʼata 1:1) Kanaaf samii fi lafti caqasa kana irratti ibsame kallattiidhaan kan fudhtamu utuu hin taʼin, fakkeenyaan kan fudhatamu dha jedhanii murteessuun sirrii dha. Kana malees, “samiiwwan haaraa” fi “lafa haaraa” fakkeenyaan ibsaman caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irrattis ibsamaniiru. (Isaayyaas 65:17; 66:22; 2 Pheexiros 3:13) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kanneenii fi kan biroo qoruun keenya yaada hiika isaanii hubachuuf nu gargaaru nuuf kenna.

“Samii haaraa.” Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko jecha “samii” jedhu, bulchiinsa ykn mootummaa argisiisuuf itti fayyadama. (Isaayyaas 14:12-14; Daaniʼel 4:25, 26) Kitaabni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko mulʼatawwan raajiidhaan ibsaman irratti, “samiiwwan aangoo bulchiinsaa ykn mootummaa fakkeenyaan argisiisu” jechuudhaan dubbateera.a Mulʼata 21:1 irratti, “samii haaraa” kan jedhame Mootummaa Waaqayyoo kan argisiisu akka taʼe ifa dha. Bulchiinsi samii kun, kitaaba Mulʼataa fi kitaaboota kan biroo keessatti, yeroo tokko tokko “Mootummaan samii” jedhamees ni waamama. (Maatewos 4:17; Hojii Ergamootaa 19:8; 2 Ximotewos 4:18; Mulʼata 1:9; 5:10; 11:15; 12:10) Mootummaan Waaqayyoo Yesuus isa Mootii isaa taʼetti fayyadamee, ‘samii isa duraa,’ jechuunis bulchiinsa ilmaan namootaa mudaa qabaniin hundeeffame hunda bakka buʼa.—Daaniʼel 2:44; Luqaas 1:31-33; Mulʼata 19:11-18.

“Lafa haaraa.” Kitaabni Qulqulluun lafti kun kallattiidhaan matumaa akka hin balleeffamne ykn akka bakka hin buufamne dubbata. (Faarfaannaa 104:5; Lallaba 1:4) Maarree lafti fakkeenyaan ibsame maal argisiisaa? Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa argisiisuuf yeroo baayʼee jecha lafa jedhutti fayyadama. (Uumama 11:1; 1 Seenaa Baraa 16:31; Faarfaannaa 66:4; 96:1) Kanaaf, “lafa haaraa” kan jedhame hawaasa ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoo isa samiitiif fedhiidhaan bitamu kan argisiisuu taʼuu qaba. “Lafti inni duraa” ykn hawaasni ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo mormaa ture ni darba.

“Galaannis kana booda hin jiraatu.” Yaada Mulʼata 21:1 isa hafee wajjin haala wal ismuun, “galaanni” fakkeenyaan kan fudhatamu dha. Galaanni dafee aaruu fi yeroo baayʼee oboomboleettii kaasu, jeequmsa ilmaan namootaa Waaqayyo irraa fagaatan kaasan kan argisiisu dha. (Isaayyaas 17:12, 13; 57:20; Mulʼata 17:1, 15) Namoonni kunis ni badu. Faarfannaan 37:10, “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan; bakka isaan turan ni ilaalta, isaan garuu achitti hin argaman” jedha.

Yaada naannoo Mulʼata 21:1​tti argamu

Kitaabni Mulʼata wantoota yeroo “guyyaa Gooftaatti” raawwataman ilaalchisee raajii dubbateera. (Mulʼata 1:10) Akka raajii Kitaaba Qulqulluutti, bara 1914 eegalee Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa jira.b Haa taʼu malee, yeruma sana lafa guutummaatti toʼachuu hin jalqabne. Raajiiwwan kan biroonis, yeroo ‘guyyaan Gooftaa’ jalqabutti haali addunyaa caalaatti mancaʼaa akka deemu ibsu. Yeroo haali kun itti raawwachuu jalqabe, “guyyoota dhumaa” jedhama. (2 Ximotewos 3:1-5, 13; Maatewos 24:3, 7; Mulʼata 6:1-8; 12:12) Guyyoonni baayʼee rakkisoo fi jeequmsaan guutaman kun yommuu xumuraman, Mootummaan Waaqayyoo samii fi lafa durii fakkeenyaan ibsaman balleessee, barri haaraan nagaa fi tokkummaadhaan guutame akka dhufu godha. Namoonni Mootummicha jalatti bitamanii fi “lafa haaraa” jedhaman, jireenyaa mijataa taʼee kan jiraatan taʼuu isaa irra iyyuu, fayyaa guutuu qabaatu.—Mulʼata 21:3, 4.

Mulʼata boqonnaa 21 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun salphaatti dubbisuuf gargaaru kun miljaleewwan, caqasoota dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwanii fi kaartaawwan qaba.

Viidiyoo qabiyyee kitaaba Mulʼata gabaabsee ibsu kana ilaali.

a McClintock and Strong’s Cyclopedia (1891), Jildii IV, fuula 122.

b Mata duree “Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi