LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 49
  • 2 Qorontos 12:9—“Gaarummaan Koo Inni Guddaan Si Gaʼa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 Qorontos 12:9—“Gaarummaan Koo Inni Guddaan Si Gaʼa”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika 2 Qorontos 12:9
  • Yaada naannoo 2 Qorontos 12:9​tti argamu
  • Namoota Gaarummaa Waaqayyoo isa Guddaa Galataan Fudhatan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Misiraachoo Gaarummaa isa Guddaa Babalʼisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • 1 Qorontos 10:13—‘Waaqayyo Amanamaadha’
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Gaarummaa Isa Guddaadhaan Bilisa Baataniittu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 49

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

2 Qorontos 12:9—“Gaarummaan Koo Inni Guddaan Si Gaʼa”

“Gaarummaan koo inni guddaan si gaʼa; sababiin isaas, humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha.”—2 Qorontos 12:9, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata.”—2 Qorontos 12:9, Hiika Bara 1997.

Hiika 2 Qorontos 12:9

Waaqayyo Phaawulos ergamaan qorumsa isa mudatuu fi dadhabina qabu moʼuuf cimina isa barbaachisu akka isaaf kennu waadaa isaaf galeera.

“Gaarummaan koo inni guddaan si gaʼa.” Deebiin Waaqayyoo kadhannaa Phaawulos irra deddeebiʼee dhiheesseef kenne, “wanti si barbaachisu inni guddaan gaarummaa kooti” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Karaa garabiraatiin, Phaawulos qorumsawwan isa mudatan akka dandamatu isa gargaaruuf gaarummaan Waaqayyoo qofti gaʼaa ture.Akkas kan jennu maaliifi? Jechi ‘gaarummaa’ ykn ‘ayyaana’ jedhamee hiikame, kennaa tolaa argachuun nuuf hin mallee fi Waaqayyo arjummaadhaan kennu kan ibsudha. Wanti Phaawulos barreesse gaarummaa Waaqayyoo irraa faayidaa guddaa akka argate kan argisiisudha. Phaawulos sanaan dura Kiristiyaanota ariʼachaa kan ture taʼus, Waaqayyo cimina amala isaa akka jijjiiruu fi namoonni kaan Kiristiyaanota akka taʼan gargaaruuf isa barbaachisu isaaf kenneera. (1 Qorontos 15:9, 10; 1 Ximotewos 1:12-14) Phaawulos rakkina ykn qorumsa akkamiiyyuu moʼuuf gargaarsa Waaqayyoo irratti amanannaa guddaa qabaachuu dandaʼa ture.

“Sababiin isaas, humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha.” Yihowaana keessumaa humni isaa ilmaan namootaa dadhaboo fi mudaa qaban yommuu gargaarutti caalaatti akka mulʼatu Phaawulosiin yaadachiiseera. (2 Qorontos 4:7; 12:8) Kiristiyaanonni dadhabina isaanii yommuu hubatanii fi gargaarsaaf Yihowaa yommuu kadhatanitti, humni Waaqayyoo guutummaatti isaan keessatti akka hojjetu heyyamu. (Efesoon 3:16; Filiphisiyus 4:13) Haala kanaan, humni Waaqayyoo ilmaan namootaa yeroo dadhabanitti isaan keessatti hojjeta.

Yaada naannoo 2 Qorontos 12:9​tti argamu

Phaawulos hafuuraan kakaʼee Kiristiyaanota Qorontosiif ergaa kana kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 55​tti ture. Xalayaa isaa gara xumuraarratti ergamaa jedhamee waamamuuf aboo akka qabu ibseera. Akkana jechuuf kan isa kakaase, namoonni barsiistota ofiin jedhan tokko tokko waan isa qeeqaniif, tariimmoo qaama isaatiin ykn dandeettii dubbachuu isaatiin waan isa tuffataniif taʼuu dandaʼa.—2 Qorontos 10:7-10; 11:5, 6, 13; 12:11.

Phaawulos namoota isa qeeqaniif deebii kennuuf, tajaajila isaa kan raawwatee fi qorumsa hedduu moʼuu kan dandaʼe humna isaatiin akka hin taane ibseera. (2 Qorontos 6:4; 11:23-27; 12:12) Boqonnaa 12 irratti, tarii dhibee qaamaa ykn miiraa yeroo hunda isa rakkisu fakkeenyaan “qoreen foon koo waraanu” jechuudhaan waameera. (2 Qorontos 12:7) Phaawulos dhibeen isaa maal akka taʼe ibsuu baatus, gargaarsa Waaqayyootiin moʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼeera.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaas rakkinaa fi ariʼatamni isaanirra gaʼuu dandaʼa. Humni Waaqayyoo rakkina isaan mudatu akkamiiyyuu moʼuuf isaan gargaaruu akka dandaʼu beekuun isaanii isaan jajjabeessa. Nutis akkuma Phaawulos amanannaa guutuudhaan, “Yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha” jechuu ni dandeenya.—2 Qorontos 12:10.

Qorontos Lammaffaa boqonnaa 12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun salphaatti dubbisuuf gargaaru kun yaadannoo gabaabaa, caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwan, viidiyoowwanii fi kaartaawwan kan qabu dha.

Viidiyoo qabiyyee kitaaba 2 Qorontos gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi