LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 51
  • Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Hojii Ergamootaa 1:8
  • Yaada naannoo Hojii Ergamootaa 1:8 tti argamu
  • “Hanga Andaara Lafaatti”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • “Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Phenxeqosxee Dura Namoonni Hedduun Isa Argan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 51

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”

“Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—Hojii Ergamootaa 1:8, Hiika Addunyaa Haa.

“Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.”—Hojii Ergamootaa 1:8, Hiika Bara 1997.

Hiika Hojii Ergamootaa 1:8

Yesuus duuka buutonni isaa hanga andaara lafaatti tajaajiluuf humna akka argataniif Waaqayyo hafuura qulqulluu akka isaaniif kennu waadaa galeera.

“Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu.” Yesuus waadaa duuka buutonni isaa gargaarsa hafuura Waaqayyooa akka argatan kanaan dura dubbatee ture samiitti erga deebiʼee boodas dubbateera. (Yohaannis 14:16, 26) Yesuus gara samiitti deebiʼee guyyaa kudhan booda, Dh.K.B. bara 33​tti duuka buutonni isaa hafuura qulqulluu argataniiru. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Hafuurri Waaqayyoo afaan gara garaa dubbachuu fi dinqiiwwan raawwachuu qofa utuu hin taʼin, dandeettii amantii Yesuus irratti qaban ija jabinaan dubbachuuf isaan dandeessisu akka argatan gargaareera.—Hojii Ergamootaa 3:1-8; 4:33; 6:8-10; 14:3, 8-10.

“Dhugaa baatota koo ni taatu.” Jechi “dhugaa baatuu” jedhu “dhugaa dubbachuu” jechuunis waaʼee wanta tokkoo waan argan dhugaasaa dubbachuu jedhamee hiikamuu dandaʼa. Wantoota yeroo tajaajila Yesuus raawwataman akkasumas duʼuu fi duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee ergamoonni isaa isa ijaan argan dhugaa ba‵uu dandaʼu. (Hojii Ergamootaa 2:32; 3:15; 5:32; 10:39) Dhugaan hin haalamne isaan dubbatan namoonni hedduun Kiristoos Masiihicha abdachiifame akka taʼe akka amanaman isaan amansiiseera. (Hojii Ergamootaa 2:32-36, 41) Warri wanta ergamoonni dubbatan fudhatan dhugaa baatuu Yesuus taʼaniiru; achiis waaʼee jireenya, duʼa akkasumas duʼaa kaʼuu Yesuus lallabaniiru.—Hojii Ergamootaa 17:2, 3; 18:5.

“Hanga andaara lafaatti.” Jechi kun “hamma dhuma lafaatti” ykn “hanga biyyoota kaaniitti” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Jechoonni Yesuus kun balʼina duuka buutonni isaa waaʼeesaa dhugaa baʼan argisiisa. Samaariyaa fi Yihudaadhaa ala deemanii waaʼee amantii isaanii lallabuu qabu turan. Naannoo tajaajilaa hedduu waliin gaʼuu fi baayʼina namootaa Yesuus lallabeef caalanitti himuu qabu turan. (Maatewos 28:19; Yohaannis 14:12) Yesuus jechoota kana dubbatee waggaa 30 utuu hin guutin, Phaawulos ergamaan misiraachoon waaʼee Yesuus dubbatu bakkawwan fagoo kanneen akka Roomaa, Phaarxeenaa (kibba lixaa Galaana Kaaspiyaan) fi Afriikaa Kaabbaatti “uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame” jechuudhaan barreesseera.—Qolosaayis 1:23; Hojii Ergamootaa 2:5, 9-11.

Yaada naannoo Hojii Ergamootaa 1:8 tti argamu

Kitaabni Hojii Ergamootaa Wangeela Luqaasitti aansee kan jiru dha. (Luqaas 24:44-49; Hojii Ergamootaa 1:4, 5) Luqaas inni kitaaba kana barreesse seenaa kana Yesuus duuka buutota isaatti akkamitti akka mulʼate ibsuudhaan jalqaba. (Hojii Ergamootaa 1:1-3) Achiis gumiin Kiristiyaanaa akkamitti akka hundeeffamee fi Dh.K.B baroota 33 hanga 61 gidduu jiranitti akkamitti akka guddate ibsa.—Hojii Ergamootaa 11:26.

Yaanni naannoo Hojii Ergamootaa 1:8​tti argamu akka argisiisutti duuka buutonni Yesuus Mootiin Mootummaa Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu yeroo isaan jiranitti taʼuuf dhiisuun isaa gaaffii isaanitti taʼee ture. (Hojii Ergamootaa 1:6) Yesuus garuu waaʼee hundeeffamuu Mootummichaa garmalee yaaddaʼuu akka hin qabne isaanitti dubbate. (Hojii Ergamootaa 1:7) Kanaa mannaa, barattoonni Yesuus “hanga andaara lafaatti” waaʼee isaa lallabuu irratti xiyyeeffachuu qabu turan. (Hojii Ergamootaa 1:8) Kiristiyaanonni yeroo harʼaas fakkeenya kana hordofuudhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu qabu.—Maatewos 24:14.

Hojii Ergamootaa boqonnaa 1 maxxansa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun salphaatti dubbisuuf gargaaru kun yaadannoo gabaabaa, caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwan, viidiyoowwanii fi kaartaawwan kan qabu dha.

Viidiyoo kitaaba Hojii Ergamootaa gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Hafuurri Waaqayyoo humna isaa isa hojii irra jirudha. (Uumama 1:2) Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Hafuurri Qulqulluun Maalidha?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi