DEERIIL SHAARPI | SEENAA JIREENYAA
Jabina Waaqayyootiin Duubatti Hin Deebinu
“Jiʼa tokkoof illee qajeelchaa boqonaa taʼee itti fufuu hin dandaʼu!” Bara 1956tti qajeelchaa taʼuuf yommuun foormii guutetti obboloonni gumii koo keessa jiran tokko tokko yaada olii dubbatanii turan. Umuriin koo waggaa 16 ture. Waggaa afur dura kanan cuuphame yeroo taʼu kana kanan godhes obboleessi ani baayʼee jaalladhu tokko akkan cuuphamu yaada waan naa kenneef ture. Yeroo sanatti jaarsoliin namni tokko cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuuf dhiisuu isaa mirkaneessuuf gaaffii hin gaafatan turan.
Obboloonni qajeelchaa taʼee itti fufuu koo shakkuuf sababa quubsaa qabu turan. Ani nama hafuuraa hin turre. Tajaajila hin jaalladhu. Kanaaf tajaajila akkan hin deemneef Dilbata hunda bokkaan akka roobun kadhadha ture. Tajaajila yoon deeme barruulee qofan raabsa; Kitaaba Qulqulluu irraa yaada caqasee matumaa ibsee hin beeku. Harmeen koo gumiitti kutaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu akkan dhiheessu na sossobde. Qoʼachuu hin jaalladhu; tajaajila Yihowaatiifis galma hin qabun ture.
Ganna sanatti magaalaa Weels Kaardiifitti walgaʼiin koonyaa (amma walgaʼii naannoo jedhamee waamamu) geggeeffamee ture. Jireenya koo keessatti guutummaatti jijjiirama kanan godhe yeroo kanatti dha. Gaaffiiwwan obboloota haasaa dhiheessan keessaa tokko gaafate akkan irratti yaadu na gargaareera. Obboleessi kun akkana jedhee dhaggeeffattoota gaafate: “Of murteessitanii cuuphamtaniittuu?” ‘Eeyyee,’ natti fakkaata. “Garaa keessan guutuudhaan, lubbuu keessan guutuudhaan, sammuu keessan guutuudhaanii fi humna keessan guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf waadaa galtaniittuu?” ‘Eeyyee.’ “Dhibee fayyaa ykn itti gaafatamummaan maatii qajeelchaa akka hin taane isin dhowwu qabduu?” ‘Lakki.’ “Wanta qajeelchaa akka hin taane sababa taʼu qabduu?” ‘Lakki.’ “Deebiin gaaffii xumuraa kanaa “Lakki” yoo taʼe qajeelchaa maaliif hin taatan?”
Sana booda haala koo caalaatti hubachuun jalqabe. Akkana jedhee yaaduun jalqabe: ‘Yeroo koo qisaasaan jira. Waadaan of murteessuudhaan gale eegaa hin jiru. Lubbuu koo guutuudhaan Yihowaa tajaajilaa hin jiru.’ Yihowaan waadaa naaf gale akka raawwatu yoon isa irraa eege, anis waadaan isaaf gale eeguu akkan qabu irrattin yaade. Kanaafuu, Onkoloolessa 1956tti qajeelchaa boqonnaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Yeroo harʼaatti qajeelchaa gargaaraa jennee waamna.
Bara 1959tti, qajeelchaa addaa taʼeen Abardiinitti ramadame
Waggaa itti aanutti qajeelchaa yeroo hundaa ta‵uudhaan gumii babalʼistoota 19 qabu tokko deemee tajaajiluun jalqabe. Yommuun achi deemee jalqabee yeroo hunda torbee torbeedhan kutaa akkan dhiheessu naaf kennama ture. Gargaarsa obboloonni obsa qabeessa taʼan naaf godhaniin haasaa koo fi akkaataan itti dhiheessu ilaalchisee fooyyaʼiinsa gochuu dandaʼeera. Waggaa lama booda bara 1959tti qajeelchaa addaa taʼeen muudame; magaalaa Abardiin ishii kaaba fagoo Iskootilaandi jirtu deemee akkan tajaajilun ramadame. Jiʼoota muraasa booda Beetela Landan keessatti akkan tajaajilun afeerame. Waggaa torbaaf kutaa maxxansaa keessatti tajaajiluudhaaf mirga argadheera.
Jireenya Beetel baayʼee kanan jaalladhu taʼus, dirree irratti tajaajila addaatiin tajaajiluuf fedhiin na keessatti uumame. Dargaggeessa, fayya buleessaa fi bakka kamitti iyyuu Yihowaan akka natti fayyadamuuf fedhii qaban ture. Kanaafuu, Ebla 1965tti Giiliyaad galee leenjii misiyoonummaa argachuuf foormii guutee.
Waggaa sana anii fi obboleessi kutaa tokko keessa waliin jiraannu walgaʼii naannoo irratti hirmaachuu fi Dallaa Barliin isa waggoota muraasa dura ijaarame ilaaluuf Jarman magaalaa Barliin deemnee.
Guyyaa tokko yommuu walgaʼichi geggeeffamu, tajaajila irratti hirmaachuuf carraa kanan argadhe yeroo taʼu, Suuzaan Baandirak wajjinan ramadame. Bara 1966tti gaaʼela dhaabbanne yommuu taʼu, waggaa lama booda mana barumsaa Giiliyaad kutaa 47ffaa akka barannu affeeramne. Kun eebba dinqisiisaa dha! Jiʼoota shan mana barumsaa kanatti dabarsinetti baayʼee gammanneerra. Biyya Zaayer, yeroo harʼaa Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo jedhamtutti ramadamne. Baayʼee naane! Waaʼee Zaayer baayʼee hin beeknu. Sodaan nutti dhagaʼamee kan ture taʼus, Yihowaatti amanamuudhaan ramaddii nuuf kenname ni fudhanne.
Bara 1969tti, Suuzaanii fi ani Mana Barumsaa Giiliyaad irraa eebbifamne
Buufatawwan xiyyaaraa fi xiyyaarawwan hedduu keessa saʼaatii dheeraadhaaf erga turree booda magaalaa xinnoo Koolwaazee jedhamtuu fi albuudni baafamu geenye. Obboloota nu simatan achitti kan hin argine taʼuun keenya gaaffii nutti taʼe. Yeroo booda telegiraamiin obbolootaaf ergame, nuti achi kan geenye taʼus guyyaa lama booda akka gallu kan ibsu akka ture barre. Poolisiin buufata xiyyaaraa sanaa nutti dhihaatee afaan Faransaayi nuti hin beeknen waa nutti dubbate. Dubartiin nu dura turte tokko nutti garagaltee, “Toʼannaa jala ooltaniittu” jechuudhaan nuuf hiikte.”
Poolisiin sun konkolaataa ispoortii dulloomaa teessoo fuulduraa lama qofa qabu tokko akka nu fuudhu namicha tokko dirqisiise. Poolisicha, abbaa konkolaataa, Suuzaanii fi ana taanee wal dhiibnee teenye.. Yeroo konkolaataan sun daandii mijataa hin taanee fi boollaan guutamerra ol nu utaalchisaa fi nu hurgufaa deemu, waanuma fiilmii nama kolfisiisuuf qophaaʼu irratti mulʼachaa jirru fakkaata ture. Bakki itti miʼi feʼamu immoo banaa waan tureef konkolaataan sun qurxummii afaanitti waa baatte fakkaata ture.
Mana misiyoonotaatti nu geessan. Manni misiyoonotaa eessa akka taʼe nuti kan hin beekne taʼus poolisichi garuu beeka ture. Namni tokko mana kan hin jirre yommuu taʼu karris cufaa ture. Misiyoononni achi turan walgaʼii biyyoolessaa fi boqonnaadhaaf deemanii turan. Aduu saafaa baʼu keessa dhaabannee wanta nu mudatu yaaduutti kaane. Dhuma irratti obboleessi naannoo tokko ni dhufe. Yommuu nu argu fuulli isaa gammachuudhaan kan guutame yommuu taʼu nutis fuulli nu ife. Poolisichi qarshii nu irraa kan barbaadu taʼus obboleessi kun isa beeka ture. Yeroo muraasaaf obboleessichi erga isa haasofsiisee booda poolisichi ni deeme; nutis ni tasgabboofne.
Naataan Noor bara 1971 Zaayeriin yommuu daawwatetti mana misiyoonii tokkoo alatti
Yeroo Itti Duubatti Deebiʼan Miti
Namoota gammadoo fi ija jabinaan dhaabatan gidduutti kan argamnu taʼuu keenya baayʼee utuu hin turin arguu dandeenyeerra. Kan nama gaddisiisu garuu, jeequmsii fi fincilli waggoota kudhan darbanitti ture biyyicha keessatti hammeenyi akka babalʼatu godhe. Achiis bara 1971tti Dhugaa Baatonni Yihowaa bilisummaa waaqeffannaa argatanii turan dhaban. Maal gochuu akka qabnu gaaffii nutti taʼee ture.
Yerichi yommuu itti sodaadhan duubatti deebiʼan miti. Kaardii miseensa paartii akka fudhatanii fi mallattoo paartii akka kaaʼatan, akkasumas siyaasa keessa akka seenan dhiibbaa guddaan kan isaan irratti tgodhame ta‵us obbolonnii fi obboleewwan akkas godhan baay‵ee muraasa turan. Mallattoo paartii kaaʼachuu dhiisuu jechuun tajaajilawwan mootummaan naannootti kennu akka hin arganne; akkasumas loltootaa fi poolisoota irraa doorsisni akka gaʼu taasisa. Obboloonni hojii isaanii dhabaniiru; ijoolleen mana barumsaatii ariʼatamaniiru. Obboloonni dhibba hedduutti lakkaaʼaman hidhamaniiru. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe ture. Dhugaa Baatonni garuu misiraachicha ija jabinaan lallabuu isaanii itti fufaniiru.
Jabaannee Dhaabachuun Nu Barbaachiseera
Waggoota sanatti Suuzaanii fi ani yeroo keenya hedduu baadiyyaa deemnee hojii aanaa fi koonyaa hojjechaa turre. Baadiyyaa yommuu turrutti yeroo tokko tokko rakkoowwan addaa fi rakkisaa taʼantu nu mudata ture. Manneen citaa irraa ijaaraman keessa jiraannu baayʼee dhiphoo dha. Cufaa dhiphoo taʼetti yommuun seenu yeroo hedduu mataa koo rukuta ture. Qaama keenya bishaan cooree fi lagaa waraabameen dhiqanna ture. Halkan dungoo ibsinee dubbisna turre. Nyaata cileedhaan bulcheeffanna. Yaaddofnee kan turre taʼus, kun jireenya misiyoonummaa isa sirrii dha. Hojii tiʼookraasiitiin adda durummaadhaan waraanaa irratti hirmaachaa akka jirru nutti dhagaʼame. Wanti asitti hojjechuuf dhufnes kana dha.
Maatiiwwan Dhugaa Baatota biyyichaa wajjin jiraachuun wantoota akka laayyootti ilaalaman kanneen akka nyaata, bishaan, uffannaa fi bakka jireenyaatiif bakka guddaa akka kenninu nu barsiiseera. (1 Ximotewos 6:8) Wanti kaan hundi dabalatadha. Haqa salphaa taʼe kana harʼa iyyuu ni yaadanna.
Qorumsawwan Phaawulos ergamaa mudatanii turan nu irra gaʼuu baatus, imalawwan goonu amantii fi kakaʼumsa keenya qoreera. Daandii caccabee mancaʼee fi nama sodaachisu irra oofuun dirqama ture. Daandii kattaa taʼan irra yommuu oofnu konkolaataan keenya ni urgufama. Yeroo tokko tokko konkolaataan keenya cirracha gad fagoo taʼe keessa seenuudhaan liqimfama. Waqtii roobaatti dhoqqeen kan nu liqimsu yommuu taʼu, akka haphees kan namatti maxxanu ture. Yeroo tokko guyyaa guutuu kiilomeetira 70 qofa konkolaachisaa kan oolle yommuu taʼu, konkolaataa keenya dhoqqee keessaa baasuuf siʼa 12 qonneerra.
Bakka ramadamnetti yommuu tajaajillu yeroo baayʼee daandiiwwan rakkisaa taʼan nu mudataniiru
Haa taʼu malee, Yihowaatti caalaatti akka dhihaanne kan nutti dhagaʼame haalawwan rakkisaa taʼan keessatti baadiyyaatti yommuu tajaajilletti dha. Haala rakkisaa taʼe jijjiiruu dandaʼuu baannus, gargaarsa Yihowaatiin gammachuu keenya eeggannee jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyu baranneerra. Suuzaan manaa ala turuun kan itti hin tolle taʼus qorumsawwanii fi rakkoowwan yeroo nu mudatan sana hundatti komii dhiheessitee hin beektu. Muuxannoo keenya irraa barumsa hedduu arganneerra.
Zaayer yommuu turretti yeroo baayʼee hidhameera. Yeroo tokko seeraan ala albuuda ‘meetii bitee gurgura’ jedhamee sobaan himatameen ture. Haalli kun baayʼee nu dhiphisee kan ture taʼus, Yihowaan tajaajila itti ramadamne akka raawwannu yoo barbaade akka nu gargaaru of yaadachiisne. Dhugumas nu gargaareera!
Yihowaa Tajaajiluu Keenya Itti Fufuu
Bara 1981tti waajjira damee Kinshaasaa keessa akka tajaajillu affeeramne. Waggaa tokko dura, hojiin keenya deebisee beekkamtii seeraa argate. Obboloonni waajjira damee babalʼisuuf lafa dabalataa fudhatan. Achiis, haala hin eegamneen bara 1986tti pireezidaantiin biyyichaa hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan akka dhorkamu mallatteessan. Hojiin ijaarsaa ni dhaabate; utuu baayʼee hin turinis misiyoononni biyyattii keessaa ni baʼan.
Waggoota muraasaaf waajjira damee Zaayer keessatti tajaajilleerra
Yeroodhaaf achi turuu dandeenyeerra. Poolisoonni akka nu hordofan kan beeknu taʼus lallabuuf wanta nuuf dandaʼamu hunda gooneerra. Of eeggannoo goonus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa utuun jiruu qabameen hidhame. Kutaa dukkana taʼe keessa hidhamtoota kaanii wajjin na hidhan. Kutaa bulluqu, foolii qabu, dukkana taʼee fi qileensa hin qabne yommuu taʼu, ifaa fi qilleensi karaa keenyan manaa ol fagoo banaa xiqqoo qabu tokkoon qofa seena ture. Hidhamtoonni tokko tokko gara nama geggeessaa isaanii godhanii filataniitti na geessan. “Faaruu alaabaa keenya faarfadhu!” naan jedhe. Anis, “Faaruu alaabaa hin beeku” jedheen deebiseef. “Faaruu alaabaa biyya keetii faarfadhu!” naan jedhan. “Faaruu alaabaa biyya kootiis hin beeku” jedheen deebiseef. Achiis daqiiqaa 45iif keenyan manaatti garagalee akkan dhaabadhu na ajaje. Dhuma irratti obboloonni biyyichaa akka na hiikan haasofsiisan.
Bara 1987tti waajjira damee Zaambiyaa geenyee baayʼee utuu hin turin
Biyyicha keessatti haalli fooyyaʼaa akka hin adeemne hubachuu dandeenyee kan turre yommuu taʼu baayʼees utuu hin turin Zaambiyaatti ramadamne. Daangaa biyyichaa yommuu qaxxaamurru miira gaddaa fi boqonnaa wal makaa taʼetu nutti dhagaʼame. Misiyoonota, obbolootaa fi obboleettota amanamoo biyyichaa wajjin waggaa 18 hojii keenya irratti dabarsineerra. Yeroo tokko tokko jireenyi dhiphisaa taʼus achitti Yihowaan akka nu eebbise nutti dhagaʼama. Yeroo kana hundumaatti inni akka nu duukaa jiru beekna turre. Afaan Suwahilii fi Faransaayi kan baranne yommuu taʼu Suuzaan immoo hamma tokko afaan Liingaalaas baratteetti. Milkaaʼina tajaajila keenyaan argannetti baayʼee kan gammannu yommuu taʼu namoota 130 ol akka cuuphaman gargaaruu dandeenyeerra. Gara fuulduraatti namoonni hedduun gara dhugaatti akka dhufaniif buʼuura akka keenye beekuun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Namoonni hedduun yeroo booda gara dhugaatti dhufuu dandaʼaniiru! Bara 1993tti manni murtii ol aanaa dhorkaa bara 1986tti baʼe ni diige. Yeroo harʼaa Koongoo keessaa babalʼistoota Mootummichaa 240,000 ol taʼantu jira.
Zaambiyaa yommuu turretti ijaarsa waajjira damee haaraa fi achiis ijaarsa caalaatti babalʼisuuf godhame arguu dandeenyeerra. Baayʼinni babalʼistootaa biyyichaa ammaa bara 1987 yeroo nuti dhufne isa ture irra harka sadiin caala.
Waajjira damee Zaambiyaa xiyyaara irraa yommuu gad ilaalan
Maarree dargaggeessi jiʼa tokkoof illee tajaajila yeroo guutuu keessa kan turuu hin fakkaatu jedhamee ture amma akkami taʼe laata? Eebba Yihowaa fi gargaarsa haadha manaa tiyya Suuzaan ishii jaallatamtuutiin tajaajila yeroo guutuu dinqisiisaa taʼe keessa waggaa 65 tureera; Yihowaan gaarii taʼuu isaas dhandhamee ilaaleera!—Faarfannaa 34:8.
Namoota addaa akka hin taane beekna; of murteessuudhaan waadaa galleef amanamoo taʼuuf hamma nuuf dandaʼame yaalleerra. Yihowaan matumaa ‘duubatti akka hin deebine’ kan nu gargaaruu qofa utuu hin taʼin, ‘lubbuu keenya jiraataa gochuuf’ amantiidhaan akka guddannu nu gargaaruu isaa akka itti fufu isatti ni amanamna turre.—Ibroota 10:39.
Suuzaanii fi ani waajjira damee Zaambiyaatti tajaajiluu keenya itti fufne
Viidiyoo, Deeriilii fi Suuzaan Shaarpi: Lubbuu Keenya Guutuu Yihowaa Tajaajiluuf Waadaa galle jedhu ilaali.