ELFIREED URBAAN | SEENAA JIREENYAA
Eebba Misiyoonii Taʼanii Tajaajiluun Argamsiisu
Jireenyi koo waggoota jalqabaa rakkina hedduudhaan kan guutame ture. Waraanni Addunyaa Lammaffaa jalqabee jiʼa sadii booda, jechuunis Muddee 11, 1939 Chekoslovaakiyaa keessattan dhaladhe. Haati tiyya yaalii fayyaa daʼumsaa wajjin wal qabateen kan kaʼe torban lama booda duute. Sana dura abbaan kiyya hojiidhaaf gara Jarman deemee ture. Kan nama gammachiisu warri haadha koo of biratti na fudhatan. Yeroo kanatti obboleettota haadha koo (adaadaawwan koo) sadii guddisaa turan.
Akkoo fi akaakaa koo wajjin
Waraanichi bara 1945tti kan dhaabbate taʼus jireenyi sana boodaa baayʼee rakkisaa ture. Lammii Jarman waan turreef Chekoslovaakiyaa keessaa ni ariʼamne, Jarmanitti kan geeffamne yeroo taʼu magaalonni barbadeeffamanii fi namoonni hedduun hiyyeeyyii taʼanii turan. Yeroo tokko tokko adaadaawwan koo nyaata muraasa argachuuf halkan guutuu hiriira dhaabbachaa bulu. Yeroo kan biraatti goraa fi waakkoo funaanuuf gara bosonaa kan deemnu yeroo taʼu achiis daabboo ittiin jijjiirranna turre. Nyaata argachuun baayʼee rakkisaa waan taʼeef namoonni nyaataaf jecha saree hatu turan. Yeroo baayʼee hagabuu keenya rafna turre.
Maatiin Kiyya Yeroo Jalqabaatiif Dhugaa Dhagaʼe
Akkoo fi akaakaan koo amantii Kaatolikii kan hordofan taʼus Kitaaba Qulqulluu hin qaban. Qeesiin tokko miseensonni waldaa haasaa qofa dhagaʼuu qabu jechuudhaan akaakaa kootti Kitaaba Qulqulluu gurguruu dide. Haalli kun akaakaan koo Waaqayyoon ilaalchisee gaaffii hedduu akka gaafatu godhe.
Dhugaa Baatonni Yihowaa mana keenya yeroo dhufanitti umuriin koo waggaa torba ture. Gaaffiiwwan akaakaan koo Sillaasee, ibidda qilillee fi haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee gaafatuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan deebii kennan. Akaakaan koo Kitaabni Qulqulluun deebii ifaa fi quubsaa akka kennu arge. Akaakaan koo dhugaa akka argate mirkanaaʼaa taʼe. Achiis guutummaan maatii keenyaa hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan tokkoo wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabe.
Jireenya Keessatti Galma Godhachuu
Yihowaa xinnummaa kootii eegaleen jaalladha ture. Mata dureewwan waaʼee misiyoonota biyyoota fagoo deemanii Yihowaa tajaajilan ibsan dubbisuu nan jaalladhan ture. ‘Akkaataan jireenyaa isaanii maal fakkaata? Namoota maqaa Yihowaa dhagaʼanii hin beekneef lallabuun maal fakkaata?’ jedheen gaafadhan ture.
Galma misiyoonii taʼuu baafachuu koo yeroo muraasa dura
Umurii waggaa 12tti misiyoonii taʼuuf kanan murteesse yeroo taʼu achiis galma koo irra gaʼuuf hojjechuun jalqabe. Tarkaanfiin koo jalqabaa misiraachicha lallabuuf hinaaffaa qabaachuudha. Muddee 12, 1954 kanan cuuphame yeroo taʼu boodas qajeelchaan taʼe. Galma kiyya irra gaʼuutti akkan dhiʼaadhen hubadhe.
Mana Barumsaa Giiliyaad misiyoonotaa galuuf Ingiliffa dubbachuun waan na barbaachisuuf afaan barachuuf carraaqqii cimaan godhe. Loltuu Ameerikaa yeroo sana Jarman keessa jiruu wajjin waanan leenjiʼaa jiru natti fakkaatee ture. Guyyaa tokko loltuu tokkotti dhiʼaadheen, “Ani Kiristoosi” isaan jedhe. Erga na ilaalee booda, “‘Ani Kiristiyaana’ jechuu waan barbaadde natti fakkaata” jedhee gaarummaadhaan naaf deebise. Ingiliffa akka gaariitti waanan dubbadhu natti fakkaata malee miti.
Jalqaba umurii waggoota 20manii keessa Ingilaandi deemee maatii Dhugaa Baatota taʼan tokkoof ganama ganama ijoollee bira taaʼee eeguun jalqabe. Waaree booda immoo tajaajila manaa gara manaa irratti kanan hirmaadhu yeroo taʼu kun Ingiliffa shaakaluuf carraa gaarii naaf baneera. Waggaa tokkoof Ingilaandi keessa ergan turee booda dandeettii Ingiliffaa dubbachuu baayʼeen fooyyesse.
Jarmanitti kanan deebiʼe yeroo taʼu Onkoloolessa 1966 Mekaarnesh keessatti qajeelchaa addaa taʼee akkan tajaajilun afeerame. Haa taʼu malee jiraattonni naannoo tajaajilichaa matumaa ergaa keenya fudhachuu didan. Qorra akka cabbii diilallaaʼu keessattillee matumaa nu simachuu didan. Yeroo baayʼee akkana jedheen Yihowaa kadhadha ture: “Guyyaa tokko misiyoonii taʼee akkan tajaajilu yoo naaf heyyamte, maaloo biyya qilleensa hoʼaa qabutti na ergi!”
Galma Koorra Gaʼuu
Jiʼoota muraasaaf qajeelchaa addaa taʼee ergan tajaajilee booda, Yihowaan wantan barbaadee ture naaf kenne. Mana Barumsaa Giiliyaad misiyoonotaa kutaa 44ffaa akkan galu kanan afeerame yeroo taʼu, Fulbaana 10, 1967 eebbifamne. Eessattan ramadama laata? Biyya bareedduu Nikaaraaguwaa, Giddu Gala Ameerikaa jirtuu fi hoʼa qabduttan ramadame. Misiyoononni achi turan anaa fi misiyoonota waliin ramadamne sadii miira hoʼaadhaan simatan. Phaawulos ergamaan obboloonni yommuu isa simatan akkuma “Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate” anaanis akkasuma natti dhagaʼame.—Hojii Ergamootaa 28:15.
Mana Barumsaa Giiliyaad (karaa bitaa), barattoota kaanii wajjin Firaaniis fi Maargaaret Shiipleeyi
Magaalaa naga qabeessa Liyoon jedhamtuu fi hanga dandaʼame dafee Afaan Ispaanish barachuuf murteessettan ramadame. Jiʼa lamaaf guyyaatti saʼaatii 11 qayyabachaa kanan ture taʼus afaanicha barachuun baayʼee ulfaataa ture.
Guyyaa tokko dubartiin tokko dhugaatii fireskoo jedhamuu fi namoonni Nikaaraaguwaa cuunfaa fuduraa akka taʼetti fudhatan na afeerte. “Bishaan calalamaa” qofan dhuga jedhee waanan deebiseef natti fakkaatee ture. Haa taʼu malee bitaa waan ishiitti taʼe fakkaata. Guyyaa muraasa booda afaan Ispaanish xinnoo ani beekuun “bishaan qulqulluu” ykn “holy water” qofan dhuga jedhee deebiseefii akkan turen hubadhe. Kan nama gammachiisu yeroo booda afaan Ispaanish fooyyesseera.
Maargaariit ishii misiyoonii taanee waggaa 17 wajjin tajaajille
Yeroo baayʼee guutummaa maatiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisa. Liyoon keessa nagaan akka jiru waan natti dhagaʼameef yeroo tokko tokko halkan keessaa hanga saʼaatii 4tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun jaalladha. Namoota magaalichaa hunda jechuun ni dandaʼama maqaa isaanii nan beeka. Gara manaatti yeroon deebiʼu olloota koo michoota taʼanii fi mana isaanii ala barcuma asiif achi raafamu irra taʼanii qilleensa gaarii gara galgalaatti gammadaa jiran nagaa gaafachaa fi wajjin dubbachaan deema.
Liyoon keessatti namoonni hedduun dhugaa akka baratan gargaareera. Isaan keessaa Nuubiyaa ishiin haadha ijoollee dhiiraa xixinnoo turan saddeetii taate tokkodha. Bara 1976 Maanaaguwaatti hangan ramadametti wajjin qoʼachuu keenya itti fufnee turre. Walgaʼii naannoo irratti hirmaachuuf Liyoonitti waggaa 18 booda hangan deebiʼetti, Nuubiyaa fi ijoollee ishii wajjin wal hin argine. Yeroo boqonnaatti ijoolleen Nuubiyaa na marsanii waliin dabarsina turre. Nuubiyaan ijoollee ishii mana dhugaa keessatti guddisuudhaan milkaaʼuu ishii arguun baayʼee na gammachiise.
Tajaajila Misiyoonii Yeroo Rakkisaa Keessa
Baroota dhuma 1970mnii keessa Nikaaraaguwaatti gama hawaasaa fi siyaasaatiin jeequmsi babalʼachuu jalqabe. Hamma nuu dandaʼame lallabuu keenya itti fufneerra. Maasaayaa ishii magaalaa guddittii irraa gara kibbaatti argamtuu fi naannoo tajaajilaa ani itti ramadametti yeroo baayʼee fincilatu nu mudata ture. Guyyaa tokko galgala walgaʼiirra utuu jirruu loltoonni Saandiinistaa fi eegdonni mootummaa dhukaasa walitti banan. Kanaafuu akka tasaa rasaasaan akka hin rukutamneef Galma Walgaʼiitti lafarra ciciisne.a
Guyyaa garabiraatti tajaajila irra utuun jirruu Saandistoota golgaa fuulaa kaaʼachuudhaan eegduu tokkotti dhukaasaa jiranittan baʼe. Baqachuuf yaalus namoonni hedduun golgaa fuulaa godhatan as baʼan. Qarqara qabadhee kanan fiige taʼus bakki itti baqatan hin jiru ture. Heeliikooptaroota mootummaa irraa rasaasni gad roobuu jalqabe. Akka tasaa namichi tokko balbala banee mana isaa keessatti ol na harkise. Yihowaan akka na oolche natti dhagaʼame.
Biyyaa Baafamuu
Maasaayaatti hanga Bitootessa 20, 1982tti tajaajileera. Guyyaa sana matumaa hin irraanfadhu! Ganama guyyaa sanaa anii fi misiyoononni shan waliin taanee ciree nyaachuuf utuu jennuu gareen loltoota Saandistaa tokko meeshaa waraanaa baatanii karaa boroo mana misiyoonotaa yommuu dhufan argine. Akkuma tasaa goorduuba erga seenanii booda isaan keessaa tokko dheekkamuudhaan akkana jedhee ajaje: “Hundi keessan saʼaatii tokko keessatti shaanxaa tokko tokko qopheeffadhaatii nu duukaa buʼaa!”
Loltoonni kun bakka qonnaa saʼaatii hedduutiif itti hidhamnee turretti nu geessan. Arfan keenya atoobisii xinnoo tokkoon nu fuudhanii gara daangaa Kostaa Rikaa jechuunis bakka itti ariʼamnetti nu geessan. Yeroo booda dimshaashumatti misiyoononni 21 ariʼamaniiru.
Obboloonni Kostaa Rikaa kan nu simatan yeroo taʼu guyyaa ittaanu waajjira damee Saan Hoosee jiru geenye. Yeroo baayʼeedhaaf achi hin turre. Gara guyyaa kudhanii booda, saddeettan keenya bakka ramaddii haaraa jechuunis Honduraas deemne.
Honduraasitti Tajaajiluu
Honduraas keessaa magaalaa Teegusiigaalpaa jedhamtuttan ramadame. Waggaa 33 ani magaalattiitti tajaajiletti gumiin tokko gara gumii saddeetitti guddate. Kan nama gaddisiisu, waggoota hedduudhaaf yakki Teegusiigaalpaa keessatti raawwatamu ni babalʼate. Hattoonni hedduun kan jiran yommuu taʼu, yeroo baayʼee na saamaniiru. Miseensonni garee yakka raawwatanis kan jiran yommuu taʼu qarshii ykn “taaksii waraanaa” jedhanii isa isaan waaman na gaafatu turan. “Wanta qarshii caalaa gatii guddaa baasun qaba,” ergan isaaniin jedhee booda tiraaktii ykn barruu tokkon isaaniif kenna ture. Yeroo hunda na dabarsu turan.
Namoonni Teegusiigaalpaa hedduun naga qabeeyyii fi garraamii yeroo taʼan, namoonni tokko tokko dhugaa akka baratan gargaareera. Fakkeenyaaf Beetii ishii barattuu Kitaaba Qulqulluu turtee fi guddina argisiisaa waan turte fakkaattu nan yaadadha; guyyaa tokko waldaa Ivaanjalikaalii dhaquu akka barbaaddu natti himte. Beetiin waggaa lama booda waldicha dhiistee naa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu jalqabdetti gaddi kiyya ni jijjiirame. Gara dhugaatti kan deebite maaliifi? Beetiin jaalala dhugaa gumii keessaa argachaa turte dhabde. (Yohaannis 13:34, 35) Akkana naan jette: “Sooressas taʼe hiyyeessa walgaʼiiwwan keessan irratti namoota hunda miira hoʼaadhaan simattu. Isin addadha.” Yeroo booda Beetiin cuuphamteetti.
Bara 2014 Paanaamaatti ergan ramadamee booda manni misiyoonotaa Teegusiigaalpaa jiru ni cufame. Yeroo ammaa misiyoonota afurii yeroo dheeraadhaaf tajaajilanii wajjinan mana misiyoonotaa keessa jiraachaa jira.
Tajaajila Yihowaatiin Galma Irra Gaʼuun Gammachuu Dhugaa Argamsiisa
Yeroo ammaa tajaajila misiyoonummaatiin gara waggaa 55 dabarseera. Yeroo dhihoodhaa asitti, rakkina dhibee fayyaatiin kan kaʼe akka kanaan duraa tajaajiluu hin dandeenye. Yihowaan waaʼeesaa namoota kaan barsiisuu akkan itti fufu na gargaareera.
Jireenya koo keessatti wanta garabiraa hordofuu irratti xiyyeeffachuu nan dandaʼan turee laata? Eeyyee, nan dandaʼan ture! Haa taʼu malee eebbawwan hedduutu na darba ture! Karaa hafuuraa ijoollee dhiiraa fi durbaa 50 ol taʼanii fi dhugaa akka baratan ani gargaare akkasumas michoota hedduun qaba. “Maatii balʼaa” kana malees adaadaa koo Isteefee ishii Jarman jiraattu irraa jaalalaa fi deggersa nan argadha.
Matumaa gaaʼela kanan hin godhanne taʼullee kophummaan matumaa natti dhagaʼamee hin beeku. Yihowaan naa wajjin ture. Akkasumas michoota gaarii kan akka Maargaariit Foostar ishii waggaa 17f misiyoonii taanee waliin tajaajille argadheera. Muuxannoo hedduu kan arganne yeroo taʼu hanga harʼaatti baayʼee walitti dhihaanna.—Fakkeenya 18:24.
Hunda caalaa gammachuu kan naaf argamsiise jireenya koo keessatti hanga humna koo Yihowaa akkan tajaajile beekuu dha. Wantan ijoollummaa kootti hawwe guuttadheera, kanaan kan kaʼes muuxannoo hedduu argadheera! Gammachuu dhugaa argadheera, yeroo gara fuulduraa ani Yihowaa bara baraaf itti tajaajilun eeggadha.
a Bara 1970tti Addi Bilisummaa Saandiistaa Nikaaraaguwaa keessatti fudhatama kan argate yeroo taʼu mootummaa waggaa 40 oliif aangoo irra ture fonqolche.