LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hdu mataduree 22
  • Namoonni Gurri Isaanii hin Dhageenye Matumaa hin Dagatamne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Gurri Isaanii hin Dhageenye Matumaa hin Dagatamne
  • Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Viidiyoowwan Afaan Mallattoo kan Qophaaʼan Akkamitti?
  • Viidiyoowwan Afaan Mallattootiin Qophaaʼan kan Raabsaman Akkamitti?
  • ‘Yihowaan Fuulasaa Isaaniif Ibseera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Yihowaan Carraaqqii Ani Isa Tajaajiluuf Godheef Naa Kiiseera
    Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef ni Yaadaa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Namoota Gurri Duudee Gargaaruuf Fedhiin Qabu Guuttachuu
    Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
Dabalataan Ilaaluuf
Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
hdu mataduree 22
Obboleettiin tokko taableetii ishii irraa viidiyoo afaan mallattootiin caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko argisiisu ilaalaa jirti.

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Namoonni Gurri Isaanii hin Dhageenye Matumaa hin Dagatamne

ADOOLESSA 1, 2022

Yihowaan haalli isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoonni hundi waaʼee isaa fi waaʼee Mootummaa isaa isa samii akka baratan barbaada. (1 Ximotewos 2:3, 4) Kanaan kan kaʼes, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota gurri isaanii hin dhageenye dabalatee namoota hedduuf hamma isaaniif dandaʼame Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran qopheessuuf carraaqu. Jaarmiyaan keenya viidiyoodhaan barreeffamoota afaan mallattooa kan qopheessu yommuu taʼu, barreeffamoota afaan mallattoo 100 ol taʼaniin argachuun ni dandaʼama! Barreeffamoota akkasii kan qopheessinuu fi kan raabsinu akkamitti? Hanga ammaatti fooyyaʼiinsi akkamii godhameera?

Viidiyoowwan Afaan Mallattoo kan Qophaaʼan Akkamitti?

Gareen hiikkaa afaan mallattoo barreeffama tokko waliin hiikaa jira.

Barreeffamoonni afaan mallattoo gareewwan hiikkaa addunyaa maratti argamaniin qopheeffamu. Miseensooni garichaa hundi barreeffama hiikuu qaban of eeggannoodhaan qoratu. Achiis, odeeffannoo sana afaan mallattootiin akkamitti akka gaariitti ibsuun akka dandahamu murteessu. Akkas erga godhanii booda barreeffama sana viidiyoodhaan waraabu. Yeroo ammaatti, gareewwan hiikkaa 60​ni karaa dhaabbataa taʼeen, gareewwan hiikkaa 40 taʼan kan biroon immoo darbee darbee barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran gara afaan mallattootti hiiku.

Kanaan dura, afaan mallattootiin viidiyoo qopheessuun baasii baayʼee gaafata ture. Kaameeraan viidiyoo ittiin waraabanii fi meeshaaleen barbaachisan kan biroon isa yeroo ammaa caalaa maallaqa hedduu kan gaafatu ture. Kana malees, viidiyoowwan istudiyoo ofuma keenyaan qopheessine, yeroo tokko tokko immoo gamoo jiru haaressuudhaan qopheeffame keessatti waraabamu turan. Dimshaashumatti maallaqni wanta garee hiikkaa afaan mallattoo hundeessuuf barbaachisu doolaara Ameerikaa 30,000 ture.

Maallaqa buusii godhame karaa hunda irra caaluun itti fayyadamuuf, jaarmiyaan keenya karaa fooyyaʼaa fi salphaa hiikaan itti qophaaʼuu dandaʼu barbaaduuf baayʼee dhamaʼaa tureera. Kanaaf yeroo ammaatti meeshaa ammayyaa gaarii taʼee fi maallaqa hedduu qusatu fayyadamaa jirra. Gareewwan hiikkaa istudiyoo fayyadamuu mannaa, biiroo isaanii keessatti girgiddaa halluu magariisa dibame fayyadamuudhaan viidiyoo waraabu. Namoonni afaan mallattootiin waraabaman hedduun yeroo barbaachisanitti, obboloonnii fi obboleettonni barreeffama tokko irraa kutaa akka waraabamaniif isaaniif kenname waraabamuuf, istudiyoo dhaquun utuu isaan hin barbaachisin biiroo ykn mana isaaniitti waraabamuu dandaʼu.

Gareen hiikkaa afaan mallattootiin barreeffama waraabaa jira. Namni afaan mallattoo argisiisu iskiriinii magariisa dura dhaabbatee jira.

Kana malees, sagantaa kompiitaraa namoota afaan mallattoo irra hojjetan hojii isaanii isaaniif salphisu qopheessineerra. Fooyyaʼiinsi akkasii yeroo gareewwan hiikkaa barreeffama afaan mallattoo tokko qopheessuun isaanitti fudhatu walakkaadhaan hirʼiseera. Obboloonni keenya fooyyaʼiinsa godhame kana guddaa dinqisiifatu. Obboleessi Aleksaandar jedhamu akkana jedheera: “Viidiyoowwan afaan mallattoo isa kanaan duraa caalaa dafanii dafanii baʼu. Kun baayʼee na gammachiiseera. Amma guyyaa guyyaadhaan viidiyoowwan ilaalaan jira.”

Yeroo ammaatti, wanta garee hiikkaa tokkoof barbaachisu dhiheessuuf doolaara Ameerikaa 5,000 gad taʼetu barbaachisa. Kanaaf, afaanota dabalataa hedduutiin barreeffamoota afaan mallattoo viidiyoodhaan qopheessuu ni dandeenya.

Viidiyoowwan Afaan Mallattootiin Qophaaʼan kan Raabsaman Akkamitti?

Gareen hiikkaa tokko barreeffamoota afaan mallattoo akkuma waraabee xumureen, namoonni viidiyoo kana argachuu barbaadan argachuu qabu. Kanaan dura, kaasseettii fi Diiviidiidhaan viidiyoo qopheessaa turreerra; garuu kana qopheessuun baasii hedduu kan gaafatu, yeroo hedduu kan fudhatuu fi carraaqqii guddaa kan gaafatu ture. Wanta waraabame baayʼisuuf immoo kaampaanii biraatti ergama ture. Dhuma irratti, kaasseettii fi Diiviidiin gara gumiiwwanitti ergama. Bara 2013​tti qofa, afaan mallattootiin Diiviidii qopheessuuf doolaara Ameerikaa 2,000,000 ol baasneerra.

Meeshaa Diiviidii ittiin taphachiisanii fi barreeffamoota afaan mallattoo Diiviidiidhaan argaman garagaraa.

Namoonni gurri isaanii hin dhageenye qophiiwwan kana baayʼee dinqisiifatu. Haa taʼu malee, keessumaa lakkoofsi kaassettii ykn Diiviidii dabalaa waan deemuuf, viidiyoowwanitti fayyadamuun yeroo hunda salphaa hin turre. Yeroo tokko tokko, kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko waraabuuf Diiviidiin adda addaa barbaachisuu dandaʼa. Obboleessi Biraaziil jiruu fi Ziyilnee jedhamu akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Caqasa tokko yommuu dubbisuu barbaannu hundatti, kaassettii viidiyoo kitaabichi irratti argamu irraa caqasicha barbaaduu qabna turre. Kun immoo baayʼee ulfaataa ture.” Obboleettiin Hoofooyanii jedhamtuu fi Diiviidii afaan mallattoo fayyadamtu akkana jetteetti: “Qoʼannaa dhuunfaa gochuun kan nama dadhabsiisu ture. Caqasaa fi riifransiiwwan baafachuun qofti illee yeroo hedduu nutti fudhata ture.” Obboloonnii fi obboleettonni keenya hojii lallabaa irratti yommuu hirmaatan, yeroo baayʼee Diividii fi kaassettii viidiyoo televizyinii nama fedhii argisiisetti argisiisuu dandaʼan fudhatanii baʼu turan. Obboloonni tokko tokko immoo meeshaa dhuunfaa isaanii Diiviidii ittiin taphachiisan fudhatanii baʼu turan. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin meeshaan iskiriiniidhaan Diiviidii taphachiisu ni baʼe, obboloonni hedduun kanatti fayyadamaa turaniiru. Boobii inni Yuunaayitid Isteetis jiraatu akkana jedheera: “Caqasa tokko erga dubbistanii booda caqasa kan biraa isaaf dubbisuu yoo barbaaddan, yeroo baayʼee Diiviidii kan biraa jijjiiruu qabdu. Kun immoo yeroo kan fudhatu taʼuu isaa irra iyyuu, dandeettii maree goonu irratti Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuuf qabnu nu jalaa daangessa.”

Bara 2013​tti, jaarmiyaan Yihowaa appilikeeshinii JW Laayibirarii Afaan Mallattoo obboloonnii fi obboleettoonni hundi buufachuu fi viidiyoowwan afaan mallattootiin qophaaʼan bilbila ykn taableetii isaanii irratti taphachiisuu dandaʼan qopheesse. Appilikeeshiniin kun jalqaba Afaan Mallattoo Ameerikaatiin baʼe. Achiis bara 2017​tti, afaan mallattoo hundumaatiif akka taʼu godhamee fooyyeffame. Obboloonnii fi obboleettonni addunyaa maratti argamanis baayʼee gammadan. Obboleessi Juuseliinoo jedhamuu fi Biraazil jiraatu akkana jedheera: “Ani kana amanuu hin dandeenye! Qaamni Ol Aanaan akkuma namoota dubbachuu dandaʼanii, nu warra duudaa taane hangam akka jaallatu kan argisiisuu fi dhugaa keessatti guddina akka goonu kan barbaadu taʼuu isaa irratti yaaduun jalqabe. Baayʼeen gammade, akkasumas appilikeeshiniin kun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf caalaatti akkan kakaʼu na taasise.”

Obboleettiin tokko appilikeeshinii “JW Library Afaan Mallattoo” fayyadamtee viidiyoo “Daaniʼel Jireenya Isaa Guutuu Nama Amantii Ture—Kutaa 2” jedhamu ilaalaa jirti.

Appilikeeshinii JW Laayibirarii Afaan Mallattoo fayyadamuu

Yeroo ammaatti viidiyoowwan afaan mallattoo hundumaa bifa dijitaalaatiin ni qopheessina, weebsaayitii keenyaa fi appilikeeshinii JW Laayibrarii Afaan Mallattoo irrattis ni baasna. Kanaan kan kaʼes, barreeffamoonni afaan mallattoo jiʼatti ykn waggaatti utuu hin taʼin, guyyoota muraasa gidduutti hiikamuu, waraabamuu fi raabsamuu ni dandaʼu. Afaan mallattoo hedduutiin, barreeffamoonni afaanota dubbataman kaanii wajjin qixxee baʼu.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya gurri isaanii hin dhageenye tokko tokko maal akka jedhan hubadhaa. Obboleettiin Kiliizeyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Jaarmiyaa namoota gurri isaanii hin dhageenyeef yaaduu fi nyaata hafuuraa karaa salphaatti argamuu dandaʼu akkasiitiin qopheessuuf fedhii qabu kan biraan eessa jira? Wanti addunyaa keessa jiru kam iyyuu, wanta jaarmiyaan Yihowaa nuuf godhee wajjin matumaa wal gituu hin dandaʼu.” Vilaadimir akkana jedheera: “Viidiyoowwan kun qophaaʼuun isaanii, Yihowaan akkuma namoota gurri isaanii dhagaʼuuf yaadu namoota duudaa taʼaniifis akka yaadu naaf mirkaneessaniiru.”

Viidiyoowwan afaan mallattootiin qophaaʼan yeroo baayʼee yaada armaan gadii kan qabatani dha: “Barreeffamoota addunyaa maratti Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf qophaaʼan keessaa tokko dha. Hojiin kunis buusii namoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama.” Buusii baayʼeen keessan karaa donate.jw.org gootaniif guddaa isin galateeffanna. Maallaqni buusii godhame kun namoota afaan mallattoo fayyadaman dabalatee, namoota hundaaf Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran qopheessuuf nu gargaara.

a Namoonni afaan mallattoo fayyadaman yaada isaanii ibsuuf harkaa fi ibsa fuulaatti waan fayyadamaniif, barreeffamoonni afaan mallattoo bifa maxxansaatiin utuu hin taʼin bifa viidiyootiin qophaaʼu.

Hiikkaa Afaan Mallattoo Irratti Guyyoota Jijjiiramni Guddaan Taʼe

1992: Kaasseettiin viidiyoo afaan mallattoo inni jalqabaa ni baʼe

2002: Diiviidiin afaan mallattoo inni jalqabaa ni baʼe

2013: Appilikeeshiniin JW Laayibirarii Afaan Mallattoo ni baʼe

2017: Appilikeeshiniin JW Laayibirarii Afaan Mallattoo, afaan mallattoo hunda qabate fooyyaʼee baʼe

2020: Addunyaa irratti yeroo jalqabaatiif guutummaan Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoo, Afaan Mallattoo Ameerikaatiin ni baʼe

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi