LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hdu mataduree 24
  • Yeroo KOOVIID-19​tti Qulqullina Galma Walgaʼii Eeguu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo KOOVIID-19​tti Qulqullina Galma Walgaʼii Eeguu
  • Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fedhii Garagaraa, Furmaata Garagaraa
  • “Sodaan Akka Natti Hin Dhagaʼamne Godhaniiru”
  • Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Hojii Ijaarsaa Yihowaaf Ulfina Fidu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Galmi Mootummaa Maaliif Ijaarama? Kan Ijaaramuhoo Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
hdu mataduree 24
Obboleettii walgaʼii gumiirratti deebii kennaa jirtu. Obboleessa maayikirofoonii ishiidhaaf qabaa jiru. Namoonni walitti qabaman hundi maaskii godhataniiru.

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Yeroo KOOVIID-19​tti Qulqullina Galma Walgaʼii Eeguu

ONKOOLOOLESSA 1, 2022

“Qaamni Olaanaan Ebla 1 kaasee dhorkaan Mootummaan kaaʼee hamma hin jiraannetti, gumiiwwan hundi walgaʼii qaamaan gochuu akka jalqaban jajjabeesseera.” Beeksisni jiʼa Bitootessaatti jw.org irratti baʼe kun Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman baayʼee gammachiiseera. Taʼus weerarri dhibee KOOVIID-19 amma iyyuu hin dhaabanne.a Maarree namoonni walgaʼiirratti argaman vaayirasii kanaan akka hin qabamne eeguuf qophii fi miʼi akkamii barbaachiseera? Gara waggaa lamaaf qaamaan walgaʼii irratti argamuun erga dhaabatee booda Galmi Walgaʼii keenya walgaʼiif mijataadhaa?

Obboloonni keenya jiʼoota hedduutiif Galmatti walgaʼiin akka jalqabamuuf qophii gochaa turaniiru.

Fedhii Garagaraa, Furmaata Garagaraa

Bara 2020​tti qaamaan walgaʼii irratti argamuun erga dhaabatee jiʼa tokko booda, Kutaan Diizaayinii fi Ijaarsaa Addunyaa Maraa, Waarwiik, Niiwu Yoorkitti argamu, dhiibbaa KOOVIID-19 itti fayyadama Galma Walgaʼii keenyaa irratti geessisuu fi qulqullina Galmawwan Walgaʼii eeguuf tarkaanfiin akkamii fudhatamuu akka qabnu qorachuu jalqabe.

Addunyaa maratti naannoo garagaraatiif wantoota addaddaatu barbaachisa. Maatiwu Dii Saankitiis inni Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Addunyaa Maraa keessaa hojjetu akkana jedheera: “Biyyoota tokko tokkotti bakka itti harka dhiqatan argachuun baayʼee rakkisaadha. Galmi Walgaʼii bishaan boombaa hin qabu taanaan, bishaan bituu ykn lagaa waraabuu ykn biriidhaa baasuun barbaachisaadha. Biyyoota kaanitti immoo, mootummoonni tokko tokko meeshaalee qilleensi gaariin akka jiraatu godhanii fi mallattoowwan fayyaa fi qulqullina ilaalchisee maxxanfamuu qabanii wajjin haala wal qabateen seera baasan irratti sirreeffama godhaniiru.”

Obboloonni keenya rakkina kana kan furan akkamitti? Maatiwu, obboloonni Galmawwan Walgaʼii hedduutiif, furmaata “salphaa, gatii hedduu hin baasisnee fi buʼa qabeessa taʼan” akka argatan dubbateera. Fakkeenyaaf Paappuwaa Niiwuu Giiniitti baaldii laastikii bishaan liitrii 20 baatu ujummoo itti tolchuudhaan bakki harka itti dhiqatan qophaaʼeera. Obboloonni keenya Galma Walgaʼii baadiyyaa fagoo jiru tokkoof bakka harka itti dhiqatan doolaara Ameerikaa 40n dhiheessaniiru. Galmawwan Walgaʼii Afriikaatti argamaniif meeshaaleen harka itti dhiqatanii fi sadarkaa qulqullinaa isaanii eeggatan 6,000 ol dhaabbata gurgurtaa meeshaa Eeshiyaatti argamu tokko irraa bitamaniiru.

Fakkiiwwan: 1. Baaldii laastikii irraa hojjetamee fi harka itti dhiqatan. 2. Mucaan tokkoo fi obboleessi tokko bakka harka itti dhiqatan tokkotti dhiqachaa jiru.

Qulqullina ofii eeguu ilaalchisee warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu qabu

Sirreeffamni godhame kan biraan immoo Galmi Walgaʼii qilleensa gaarii akka argatu gochuuf meeshaalee qilleensi gaariin akka jiraatu godhan galchuu fi isa jiru fooyyessuu kan dabalatudha. Gumiiwwan hedduun maayikirofoonii wal harkaa fuudhuu hambisuuf sibiila dheeraa maayikirofoonii ittiin naannessuuf fayyadu bitaniiru. Wantoonni akka qabannaa balbalaa, akkasumas cuftuu fi bantuun ujummoo bishaanii vaayirasii daddabarsuu waan dandaʼaniif, yeroo hunda qulqulleessuu fi tuttuqqi hirʼisuuf carraaqqiin godhameera. Gumiiwwan tokko tokko, mana boolii Galmichaa keessatti ujummoo bishaanii harkaan utuu hin qabin banamu galchaniiru. Chiilii keessatti jijjiirama barbaachisu gochuuf, tokkoon tokkoon gumiitiif giddu galeessaan doolaarri Ameerikaa 1,400 barbaachiseera.

Dargaggeessi tokko gumii walgaʼii irratti maayikirofoonii isaaf qabamee jiruun yeroo deebii kennu. Innii fi warri kaan maaskii godhataniiru.

Maayikirofooniin wal harkaa hin fuudhamu

Qulqullina Galma Walgaʼiitiif dursi kan kenname taʼus, obboloonni keenya qarshii buusiidhaan argame qusachuuf carraaqqii godhaniiru. Fakkeenyaaf biyyoota tokko tokkotti gargaarsa mootummaa irraa argataniin bakka harka itti dhiqatanii fi sibiila maayikirofoonii ittiin naannessan bitaniiru. Waajjiroonni damee waliin taʼuudhaan isa duraanii irraa haala adda taʼeen meeshaa baayʼisanii bituudhaan qarshii qusachuu dandaʼaniiru. Waajjiroonni damee fi Kutaan Bittaa Addunyaa Maraa yeroo baayʼee meeshaalee kallattiidhaan warshaa oomishurraa bituuf qophii godhu; kun immoo gatii rakasaan bituu fi meeshicha dafanii argachuuf gargaara.

Obboleettiin tokko Galma Walgaʼii keessatti saanitiiyizariidhaan yeroo harka qulqulleeffattu.

Bakka harka itti dhiqatan

“Sodaan Akka Natti Hin Dhagaʼamne Godhaniiru”

Qophiin qulqullina Galma Walgaʼii eeguuf godhame, namoonni walgaʼii irratti qaamaan argaman eegumsa akka argatan mirkanaaʼoo akka taʼan godheera. Obboleettiin Duulsinee jedhamtuu fi Peeruu jiraattu Galma Walgaʼiitti deebinee walitti qabamuu akka jalqabnu yeroo dhageessetti, “Hamma tokko sodaadheen ture” jechuudhaan dubbatteetti. Duulsineen, “Weerarri dhibee akkuma jalqabeen KOOVIID-19 na qabee ture” jetteetti. “Kanaafuu, Galma Walgaʼii deemuun vaayirasii kanaaf ammas kan na saaxilu waan natti fakkaateef dhiphadheen ture. Haataʼu malee yeroon Galma Walgaʼii gaʼutti jaarsoliin fayyaa keenya eeguuf bakka harka itti dhiqatan, sibiila ittiin maayikirofoonii naannessan akkasumas walgaʼii duraa fi booda galmicha akka gaariitti qulqulleessuuf qophii hedduu akka godhanan hubadhe. Kun hundi sodaan akka natti hin dhagaʼamne godheera.”b

Obboloonni maaskii godhatan lama Galma Walgaʼiitti iddoo harkaan tuttuqamee ture yeroo qulqulleessan.

Galmi Walgaʼii tokko vaayirasii irraa yeroo qulqulleeffamu

Obboleettiin Saaraa jedhamtuu fi Zaambiyaa jiraattu immoo rakkinni kanarraa adda taʼe ishii mudatee ture. Akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Abbaan manaa kiyya jiʼoota hedduu dura KOOVIID-19n qabamee duʼe. Yeroo jalqabaatiif isa malee, qaamaan walgaʼiirratti yommuun argamu miirri akkamii akka natti dhagaʼamu na yaaddessee ture.” Galma Walgaʼii deemuu ilaalchisee amma miira akkamiitu ishiitti dhagaʼama? Akkana jetteetti: “Qaamaan walgaʼiirratti argamuun Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti nuu wajjin akka jiru naaf mirkaneesseera. Amma yeroo kamiyyuu caalaa jaarsolii, obbolootaa fi obboleettota irraa jajjabina, jaalalaa fi deggersa akkan argadhe natti dhagaʼama.”

Obboleettonni maaskii godhatan lama Galma Walgaʼiitti yeroo wal hammatan. Duubaan, obboloonnii fi obboleettonni maaskii godhatan miira hoʼaadhaan nagaa wal gaafachaa jiru.

Deebinee qaamaan walgaʼiirratti argamuun nu gammachiisa

Obboloonni keenya addunyaa maratti argaman Galma Walgaʼiitti deebiʼanii walitti qabamuuf carraa argachuu isaaniitiif baayʼee galateeffatu. Buusii baayʼeen keessan karaa donate.jw.org gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Buusiin gootan iddoon waaqeffannaa qulqulluu itti dhiheessinu mijataa fi qulqulluu akka taʼu gochuuf nu gargaareera.

a Dandeenyaan namoonni barbaadan karaa viidiyookonfiransiidhaan ykn bilbilaan walgaʼiirratti hirmaachuusaanii itti fufuu dandaʼu.

b Dabalataanis, namoonni Galma Walgaʼiitti argaman hundi maaskii akka godhatan cimsanii jajjabeeffamu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi