LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hdu mataduree 33
  • Akkaataa Ijaarsaa Obboloota Keenyaa fi Lafa Fayyadu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Ijaarsaa Obboloota Keenyaa fi Lafa Fayyadu
  • Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mala Galmi Walgaʼii Guddaan Akka Diilallaaʼu Godhu
  • Madda Uumamaa Irraa Humna Argachuu
  • Bokkaa Qeensuu
  • Waajjiroota Hiikkaa Fagoo Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼaman Fayyadaa Jiru
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Hojii Ijaarsaa Lallabuuf Nu Gargaaru
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Galmawwan Walgaʼii Keenya Suphuu
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
hdu mataduree 33
Obboleessa soolaarii dhaabaa jiru.

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Akkaataa Ijaarsaa Obboloota Keenyaa fi Lafa Fayyadu

EBLA 1, 2025

Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef Yihowaan badiisa ilmaan namootaa lafarratti geessisaa jiran dhiheenyatti akka dhaabsisu beekna. (Mulʼata 11:18) Tarkaanfii akka fudhatu beeknus, hanga nuuf dandaʼame lafaaf kunuunsa goona. Fakkeenyaaf, bakka waaqeffannaaf itti fayyadamnu haala naannoo miidhuu hin dandeenyeen ijaarra.

Malli kun mala ijaarsaa miidhaa naannoo irratti gaʼu xiqqeessu dha. Malli ijaarsaa itti fayyadamnu maalidha? Kun buusii fedhiidhaan godhamu ogummaadhaan itti fayyadamuuf kan nu gargaare akkamitti?

Mala Galmi Walgaʼii Guddaan Akka Diilallaaʼu Godhu

Galmi Walgaʼii Guddaa Matoolaa Moozaambiik duraanii banaa kan taʼe akkasumas baaxiin isaa qorqorroo kan qabu ture. Baaxiin kun aduun yommuu baʼu waan hoʼuuf galmi keessi baayʼee bulluqa. Obboleessi gumii naannichaa jiru tokko: “Hoʼa jiruun kan kaʼe ni dafqina. Walgaʼiin akkuma xumurameen obboloonni qilleensa argachuuf dafanii gad baʼu.” Maarree bakka mijataa obboloonni keenya taʼanii itti baratan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti?

Rakkina kana furuuf meeshaa hoʼa hin dabarsinee fi afarsaa qilleensaan naannaʼuun ijaaruuf murteessine. Meeshaa hoʼi akka hin dabarre godhuun ijaaruun hoʼa galmichatti galu kan xiqqeessu yommuu taʼu, afarsaan immoo qilleensi akka galu godha. Afarsaan kun hojjechuuf humna elektiriikii hin barbaadu; hoʼa galma keessatti uumamu baasuuf qilleensaan hojjeta. Tokkoon tokkoon afarsaa gara doolaara 50 taʼa.a

Galma Walgaʼii Guddaa Matoolaa keessatti Afarsaa qilleensaan hojjetu

Malli kun Galma Walgaʼii Guddaa keessa qilleensi gaariin akka jiraatu godheera. Qilleensi galma keessatti kuufamuu waan hin dandeenyeef saphaphuun ykn Harriin keenyanirratti ba‵u baayʼeen uumamuu hin dandaʼu. Akkasumas kaarboon daayoksaayidii xiqqaa fi oksijiinii baayʼinaan galmicha keessa akka jiraatu godha. Kanaan kan kaʼes, dhaggeeffattoonni qilleensa gaarii waan argataniif xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu. Obboleessi olitti caqasame akkas jedheera: “Amma walgaʼiin akkuma xumurameen qilleensa argachuuf gad baʼuuf hin ariifannu. Kanaa mannaa yeroo laaqanaatti galma keessa turra; michoota wajjinis haasofna. Galma haaraa keessa yommuu teenyu, muka guddaa qilleensa gaarii fidu jala taaʼaa akka jirru nutti dhagaʼama.”

Obbolootaa fi obboleettota walgaʼii aanaa Galma Walgaʼii Guddaa Matoolaa keessatti hirmaachaa jiran.

Amma obboloonni keenya walgaʼii aanaa fi naannoo gammachuudhaan dhaggeeffatu

Madda Uumamaa Irraa Humna Argachuu

Ijaarsawwan waaqeffannaa Yihowaaf itti fayyadamnu hedduu keessatti soolaarii humna aduu gara humna elektiriikiitti jijjiirutti fayyadamneerra. Kanaan kan kaʼes, humna elektiriikii bobaʼaadhaan hojjetanitti kan fayyadamnu baayʼee muraasa dha. Malli itti fayyadamnu qilleensa naannoo kan hin faallee fi qarshii buusiidhaan argamu qusachuuf nu gargaareera.

Bara 2022​tti, waajjira damee Islooveeniyaa irratti soolaarii dhaabne. Humna gamoon sun itti fayyadamu keessaa parsantii 30 kennaaf. Mala kanaan yeroo tokkotti humna elektiriikii waajjira dameetiif barbaachisuun ol maddisiisuun dandaʼamnaan isa irraa hafe hawaasni naannichaa itti fayyadamuu dandaʼa. Malli soolaarii baasii doolaara 360,000 gaafata. Haataʼu malee, yeroo amma baasiin elektiriikii waajjira damee xinnoo waan taʼeef, waggaa afur qofa keessatti qarshiin haala kanaan qusanne baasii goone caaleera.

Soolaarii baaxii waajjira damee Islooveeniyaa irratti ijaarame.

Waajjira Islooveeniyaa

Bara 2024, baatirii guddaa tokkoo fi soolaarii waajjira damee Sirii Laankaa irratti dhaabne. Ijaarsi kun baasii doolaara miliyoona 3 gaafate; humna elektiriikii waajjira damee sanaaf barbaachisu keessaa parsantii 70 dhiheessa. Soolaarii kanatti fayyadamuudhaan waggaa sadii keessatti baasii bituuf goone caalu qusachuu dandeenyeerra. Akkasumas bara 2024, waajjira damee Neezarlaandi irratti soolaarii dhaabne. Ijaarsi kun baasii doolaara miliyoona 1.1 gaafate; humna elektiriikii waajjira damee sanaaf barbaachisu keessaa parsantii 35 dhiheessa. Qarshiin haala kanaan qusatamu waggaa sagal keessatti baasii godhame caala.

Soolaarii baaxii waajjira damee Neezarlaandi irratti ijaarame.

Waajjira Neezarlaandi

Waajjiroota hiikkaa fagoo hedduu Meeksikoo jiran keessattis soolaarii dhaabneerra. Waajjira hiikkaa fagoo Taaraahumaaraa naannoo Chiwaawaa jiru akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Aduun waqtii gannaa digirii faaranaayitii 32 gad yommuu taʼu, waqtii bonaatti immoo digirii faaranaayitii 104 ol taʼa. Haataʼu malee, baasiin humna elektiriikii miyaa waan taʼeef obboloonni mala yeroo qorraa hoʼa kennu akkasumas yeroo hoʼaa immoo qabbaneessu itti fayyadamuu dhiisaniiru. Obboleessi Jonaataan inni waajjira hiikkaa fagoo keessaa hojjetu; “Yeroo gannaa gaabii fi uffata fufurdaa uffanna; yeroo bonaa immoo foddaa bannee hojjenna” jedheera.

Bara 2024, waajjira hiikkaa fagoo irratti soolaarii dhaabne. Ijaarsi kun baasii doolaara 21,480 kan gaafatu yeroo taʼu, qarshiin haala kanaan qusatamu waggaa shan keessatti deebiʼuu dandaʼa. Amma obboloonni keenya mala hoʼisuu fi qabbaneessuu akka barbaadanitti fayyadamuu dandaʼu. Jonaataan akkas jedheera; “Amma hojii keenyatti caalaatti gamadaa jirra, caalaattis bu‵aa qabeeyyii taaneerra. Akkasumas, jaarmiyaan keenya qarshii buusiidhaan argamu qusannaadhaaniifi karaa naannoo uumamaa irratti miidhaa hin geessisneen akka fayyadamu beekuun keenya gammachuun akka nutti dhagaʼamu godheera.”

Obboloonni Waajjira hiikkaa fagoo Taaraahumaaraa gammachuudhaan hojjechaa jiru

Bokkaa Qeensuu

Afriikaatti, Galmawwan Walgaʼii tokko tokko akka gaariitti bishaan hin argatan. Kanaan kan kaʼe, obboloonni kiilomeetira hedduu deemanii Galma Walgaʼiitiif bishaan waraabu. Galmawwan Walgaʼii kaanitti immoo, obboloonni bishaan botteedhaan dhihaatuu fi gatiinsaa miyaa garuummoo qulqulluu hin taane bitu.

Obboloonni keenya bishaan akka argatan gochuuf Galmawwan Walgaʼii Afriikaa hedduu keessatti ashandaa fi kuusaa bishaanii guddaa ijaarre. Meeshaa kana dhaabuu dura obboloonni mala galmichi bishaan gaʼaa argachuu itti dandaʼu faluuf haala qilleensaa naannichaa qoʼatan. Meeshaa kana Galma Walgaʼii irratti dhaabuuf baasii doolaara 600 hanga 3,000 gaafata. Haataʼu malee, obboloonni kana booda bishaaniif waan hin kaffalleef meeshaan kun baasii Galma Walgaʼii isaaniif xiqqeessa.

Kuusaa bishaanii Galma Walgaʼii magaalaa Putaadijaabaa, Afriikaa Kibbaa

Haala kanaan bishaan qeensuun obboloota keenya fayyadeera. Obboleettiin Noʼeemiyaa jedhamtuufi Moozaambiik jiraattu akkas jetteetti; “Kanaan dura bishaan waraabuuf karaa fagoo deemna. Galma yommuu geenyu baayʼee dadhabna. Bishaan argachuun rakkisaa waan taʼeef qulqullina ofii eeguun ulfaataadha. Amma garuu, obboloonni hundi harka isaanii dhiqachuu dandaʼu. Amma Galma Walgaʼii yommuu geenyu dadhabbiin waan nutti hin dhagaʼamneef gammachuudhaan walgaʼiirratti hirmaanna. Baayʼee isin galateeffanna!”

Afriikaa kibbaatti obboleettii ilma ishii wajjin bishaan qeenfametti fayyadamaa jirtu

Maallaqni hojii kanaaf baasii taʼu eessaa argama? Maallaqni kun buusii fedhiidhaan hojii addunyaa maraatiif godhamurraa kan argamu yeroo taʼu hedduunsaanii karaa donate.jw.org kan godhamanidha. Buusii arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna.

a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi