BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Akkaataan Maxxansaa Salphaa Taʼe ‘Akaakuu Namootaa Hunda’ Gargaareera
ONKOLOOLESSA 1, 2025
Yihowaan, “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” barbaada. (1 Ximotewos 2:3, 4) Obboloonnii fi obboleettonni keenya, akkasumas namoonni misiraachicha lallabnuuf afaanota dhibba hedduudhaan lakkaaʼaman dubbatu. Waggaa waggaadhaan afaanota kanaan barreeffamoota biliyoona lamatti dhihaatan maxxansina. Buusii godhametti fayyadamuudhaan nyaata hafuuraa afaanota hedduudhaan qopheessuuf maalfaatu hojjetame?
Meeshaa Maxxansaa Muraasa Akkasumas Fooyyaʼaa Taʼe
Baroota 1980n keessa biyyoota 40 ol keessatti barruulee maxxansaa turre. Sana booda, irraa jalaan akkaataa maxxansaa keenya itti geggeessinu hubachuudhaan fooyyaʼiinsa kan goone yommuu taʼu yeroo harʼaa biyyoota sagal qofa keessatti maxxansina. Kana malees, yeruma kana keessatti baayʼinni afaanota barreeffama ittiin qopheessinuu gara parsantii 500n dabaleera. Meeshaalee maxxansaa muraasaan barreeffamoota afaanota hedduudhaan maxxansuu kan dandeenyu akkamitti? Sababni inni tokko meeshaa fooyyaʼa taʼetti fayyadamuudha.
Meeshaan maxxansaa haaraan barreeffama hedduu saʼaatii muraasa keessatti maxxansuuf nu dandeessiseera. Meeshaan maxxansaa inni duraanii sadarkaa hojii tokkoo gara isa kaanitti jijjiiruuf yeroo dheeraa gaafata ture. Amma garuu, meeshaa fooyyaʼaa taʼeen sadarkaa hojii tokkoo irraa gara isa kaaniitti ceesisuuf saffisa harka afur caalu keessatti raawwanna. Afaan namoonni muraasni dubbataniin barreeffama qopheessuu dabalatee hojii baayʼee saffisaan raawwachuu dandeenyeerra. Maxxansa kana raawwachuuf tokkoon tokkoon hojii kanaa pileetii haaraa barbaachisa. Jiʼoota 12 darbanitti pileetii maxxansaa qofa bituuf gara doolaara miliyoona lamaa baasneerra.a Kanaafuu, hojii maxxansaa baayʼee xinnoo taʼanii fi pileetiin isa hin barbaachisneef mala dijitaalaatti fayyadamnee qopheessina. Maxxansa leezar teekinooloojiitti fayyadaman dabalatee malli kun baasii muraasaan barreeffamoota qopheessuuf nu gargaareera.
Hojii maxxansaa gidduutti pileetiin yeroo jijjiiramu
Waggoottan darban sadii oliif meeshaa maxxansaa fi jildiidhaan qopheessuuf gargaaran bituuf doolaara miliyoona kudhanii ol baasneerra. Kitaabota Qulqulluu qopheessuuf meeshaalee kana keessaa tokko tokkotti fayyadamna. Kanaan dura Kitaaba Qulqulluu tokko qopheessuuf hodhuu, muruu, boca itti baasuu, laaffisuu fi qalama dibuu dabalatee, sadarkaa 40 ol keessa darbuu gaafata ture. Kana malees, yeroo baayʼee tokkoon tokkoon sadarkaa hojii gidduutti Kitaabota Qulqulluu harkaan baachuu qabna turre. Yeroo harʼaa obboloonni wantoota kudhan qofa raawwachuu kan isaan gaafatu yommuu taʼu, meeshaa haaraan warra kaan walitti qabee hojjetu Kitaabota Qulqulluu sadarkaa ittaanutti kan geessus maashinii dha. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu qopheessuuf hojii humnaa parsantii 55 oliin xiqqeessineerra. Waajjirri damee Jaappaan saʼaatii saddeet keessatti Kitaabota Qulqulluu 2,000 jildiidhaan qopheessa. Amma takkaatti Kitaabota Qulqulluu 35,000 qopheessina.
Tokkoon tokkoon kutaa Kitaaba Qulqulluu adda baasuuf, walitti qabuuf baarkooditti fayyadamna
Maxxansa Xiqqeessuu fi Qarshii Qusachuu
Fooyyaʼiinsi olitti caqasame qarshii buusiidhaan argamu nuuf qusateera. Fakkeenyaaf, meeshaa maxxansaa muraasaan hojjenna, muraasa muraasaan yeroo yeroodhaan maxxansina, akkasumas bakka maxxansaatti barreeffamoota kuusuu xiqqeessineerra. Geerii inni waajjira damee Yuunaayitid Isteetis keessatti tajaajilu akkas jedheera: “Jalqabarratti barreeffamoota muraasa muraasa yeroo yeroodhaan maxxansuun yaada gaarii akka taʼe hubachuun ulfaataa ture. Takkaatti baayʼinaan maxxansuun gaarii fakkaachuu dandaʼa.” Itti fufuudhaan akkas jedheera: “Waggaa jalqabaa muraasa muraasaan irra deddeebinee qopheessuu yeroo eegalletti gatiin pileetii fi waraqaa maxxansaa doolaara 60,000 dabale. Haa taʼu malee, waraqaa fi kitaabota maxxanfaman kuusuudhaan doolaara 1.5 ol qusanneerra.” Qarshiin haala kanaan qusatame wantoota caalaatti barbaachisan jechuunis ijaarsa Galma Walgaʼii fi gargaarsa yeroo balaatiif ooleera.
Barreeffama muraasa maxxansuun waajjiroota damee tokko tokko keessatti iddoo kuusaa hambisuuf gargaareera. Waajjiroonni kun iddoo haala kanaan argame tajaajila Beetel keessatti barbaachisu kaaniif itti fayyadamuuf gargaareera. Dabalataanis iddoon maxxansaa muraasni akka jiraatu gochuun yeroo baayʼee gamoo ijaarsaa babalʼisuuf geggeeffamu hambiseera. Fakkeenyaaf, bara 2018 hojiin maxxansaa waajjira damee Biritaaniyaa waajjira damee Giddu Gala Awurooppaa fi warra kaaniin akka bakka buufameera. Haala kanaan doolaarri miliyoona hedduutti lakkaaʼamu qusatame waajjira damee Kelmisfoord, Ingilaandi jiru ijaaruuf ooleera.
“Ati Na Yaadattee!”
Hunda caalaammoo, akkaataan hojii maxxansaa keenya inni haaraan namoota karaa hafuuraa gargaaraa jira. Yeroo ammaatti afaanota muraasa barreeffooni dhibbaan lakkaaʼaman qofti isaan barbaachisu dabalatee afaanota hedduudhaan maxxansuu dandeenyeerra. Fakkeenyaaf, Niwu Kaalidooniyaa akkasumas Waaliisii fi Fuutuunaa keessa namoota afaan Waaliis dubbatan 35,000 qofatu jiraata. Haa taʼu malee, Hagayya 2024, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutuu isaa afaan Waaliisiin baasneerra. Babalʼisaan afaan Waaliis dubbatuu fi Selaafeenaa jedhamu akkas jedheera: “Afaan Faransaayiin Kitaaba Qulqulluu kanan dubbisu taʼus, naaf hin galu ture. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu afaan Waaliis yeroo argannetti gammachuu guddaatu natti dhagaʼame. ‘Yaa Yihowaa na yaadattee! Ati Waaqa nama wal hin caalchisnedha’” jedheen galateeffadhe.
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutuu isaa afaan Waaliisiin
Dimookiraatiik Riippabliikii Koongoo keessatti namoonni afaan Saan dubbatanii 500,000 qofa taʼanis guutummaan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu afaanichaan baʼeera. Zoozuu inni gumii afaan Saan taʼe akkas jedheera: “Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼataniif jecha tokko ibsuu ykn hiikuuf carraaqqii hedduu gaafata. Carraaqqii godhus yeroo tokko tokko qoʼattoonni koo wanti kitaabichi jedhu isaaniif hin galu. Kitaaba haaraa kana afaan Saaniin argachuun boqonnaa guddaadha! Yeroo ammaa barattoonni koo barumsa dhihaate sirriitti waan hubataniif ibsa balʼaa kennuun na hin barbaachisu.”
Honduraas keessatti afaan Gaariifunaa namoonni 120,000 taʼan dubbataniin qoʼannaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamutti fayyadamuun geggeeffamaa jiru
Yeroo kamiyyuu caalaa nyaata hafuuraa maxxansuu fi raabsuudhaan namoota baayʼeedhaaf afaanota hedduutiin raabsaa jirra. Buusiin keessan jechuunis buusii isin karaa donate.jw.org. gootan hojii kana raawwachuuf nu gargaareera. Arjummaa argisiistaniif galatoomaa.
a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.