Miiljalee
a Yeroo baayʼee namoonni alarjii cimaa taʼe qaban, lilmoo adrenaaliin (epinefriin) qabatee fi yeroo rakkinni uumamutti ofiin waraannachuun dandaʼamu akka qabatan ni gorfamu. Hayyoonni fayyaa tokko tokko ijoolleen alarjii qaban mallattoo rakkina kana akka qaban argisiisuu fi barsiistonni ykn namoonni isaan kunuunsan haala isaanii akka isaaniif hubatan godhu akka baatan ykn akka qabatan gorsu.