Miiljalee
a Balaan gama fayyaatiin dubartii ulfa ykn mucaa dhalachuuf jedhu irra gaʼuu dandaʼa jedhamee yaadamu, ulfa baasuudhaaf sababa quubsaa taʼuu hin dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa yommuu mucaan dhalachuuf jedhutti lubbuu haadhaa fi kan mucaa oolchuuf murteessuun dirqama yommuu isaanitti taʼutti filannoo dhuunfaa isaanii gochuu qabu. Kun kan jedhame, biyyoota guddatan hedduu keessatti, guddinni gama yaalii fayyaatiin jiru haalli akkasii baayʼee akka xiqqaatu waan godheefi dha.