Miiljalee
b Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan garuu bubbee sana keessa hin turre, . . kirkira lafaa sana keessa hin turre, . . ibidda sana keessa hin turre” jedha. Namoota humnoota uumamaa waaqeffatan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa, Waaqayyo humnoota uumamaa keessa akka jiru godhanii hin yaadan. Inni baayʼee guddaa waan taʼeef, wanti inni uume kam iyyuu isa baachuu hin dandaʼu.—1 Mootota 8:27.