Miiljalee
a Hiikkaawwan tokko tokko “hin faradinaa!” akkasumas “yakka hin murinaa” jedhu. Hiikkawwan akkasii “faraduu hin jalqabinaa” akkasumas “yakkuu hin jalqabinaa” yaada jedhu dabarsu. Haa taʼu malee, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu ajaja dhiisuu jajjabeessu kan fayyadaman karaa gocha itti fufiinsa qabu argisiisuuni dha. Kanaaf, namoonni sun gocha as irratti ibsame raawwachaa waan jiraniif dhiisuu qabu turan.