Miiljalee
d Badiisni Baabiloonirra ga’e, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatan keessaa fakkeenya tokko qofadha. Fakkeenyi kaanimmoo badiisa Xiirosiifi Nanawweerra ga’e kan dabalatudha. (Hisqi’el 26:1-5; Sefaniyaa 2:13-15) Kana malee, raajiin Daani’el mootummoota gurguddaa Baabiloonitti ansanii duraa duubaan aboo qabatan ilaalchisee raajii dubbatee ture. Raajiiwwan kunis, Meedoo-Faaresiifi Giriikiin kan dabalatanidha. (Daani’el 8:5-7, 20-22) Raajiiwwan baay’ee waa’ee Masiihichaa dubbatamaniifi Yesus Kiristosirratti raawwiisaanii argatan ilaalchisee, ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, Kutaa Dabalataa fuula 199-201rratti argamu ilaali.