Miiljalee
c Jechi “fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan,” jedhuufi asirratti itti hojjetame, fakkii, barreeffama, sagalee ykn wanta fedhii saalqunnamtii kakaasu hundaa kan argisiisudha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan kun, tarii suura haala fedhii saalqunnamtii kakaasuun qophaa’e ykn fakkii yeroo namoonni lama ykn isaa ol ta’an haala yeellaasisaa ta’een saalqunnamtii raawwatan argisiisu ta’uu danda’a.