Miiljalee
b Xarxuloos “nagaa guddaa” sabichaaf fideef Feeliksiin galateeffateera. Haataʼu malee, hanga Roomaarratti fincilli kaʼetti bara bulchiinsa Feeliksitti hamma bulchitoota isa dura turanii Yihudaa keessa nagaan hin turre. Xarxuloos, Feeliksi Yihudaa keessatti jijjiirama akka fide ibsuudhaan ‘baayʼee si galateeffanna’ jechuunsaas soba ture. Faallaa kanaatiin, Yihudoonni Feeliksi jireenya isaanitti hadheessuu isaa fi bulchaa gara jabeessa taʼuudhaan qabsoo isaanii isaan jalaa fashaleessuu isaatti baayʼee isa jibbu turan.—HoE. 24:2, 3.