Miiljalee
a Akkuma Naaʼomiin jette Yihowaan namoota lubbuudhaan jiranitti qofa utuu hin taʼin, namoota duʼanittis gaarummaa ni argisiisa. Naaʼomiin abbaa manaasheefi ilmaanshee lamaan duʼaan dhabdeetti. Ruutis abbaa manaashee dhabdeetti. Taʼus dubartoonni lamaanuu namoota duʼan sadan kana baayʼee akka jaallatan beekamaadha. Gaarummaan Naaʼomiifi Ruutitti argisiifamu kamiyyuu, gaarummaa dhiirota dubartoonni kun akka kunuunfaman barbaadan sanatti argisiifamudha jechuun ni dandaʼama.