Miiljalee
a Fariisonni waaʼee Yesus yommuu dubbatan, “Macaaficha qoriitii ilaali! Galiilaadhaa raajiin hin kaʼu” waan jedhaniif, Yoonaas nama Galiilaa taʼuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Yoh. 7:52) Namoonni hojii hiikkaa hojjetaniifi qorattoonni hedduun, Fariisonni Galiilaa ishee xinnoo keessaa raajiin kaʼee hin beeku ykn gara fuulduraattis hin kaʼu jechuudhaan ariifatanii akka dubbatan ibsu. Dhuguma wanti isaan jechuu barbaadan kana taanaan, seenaas taʼe raajii dubbatame hin hubanne turan jechuudha.—Isa. 9:1, 2.