Miiljalee
c Jechi afaan Ibroota “qurxummii” jedhu yommuu gara Giriikiitti hiikamu “bineensa galaanaa sodaachisaa” ykn “qurxummii guddaa” jedhameera. Bineensi galaanaa kun maal akka taʼe sirriitti beekuu baannus, galaana Mediteraaniyaa keessa qurxummiiwwan shaarki jedhamaniifi guutummaatti nama tokko liqimsuu dandaʼan akka jiran beekameera. Qurxummiiwwan gosa shaarkii taʼaniifi kanarra caalaanis bakka biraa kan jiran siʼa taʼu, qurxummiin weel shaarki jedhamu meetira 15 ykn isaa ol dheerachuu dandaʼa.