Miiljalee
a Yaanni ‘uumama biyya lafaa’ jedhu, sanyii facaasuufi mucaa godhachuu yaada jedhu waan dabalatuuf, yaanni kun ijoollee Addaamiifi Hewwaan warra jalqabaa kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus mucaa Addaamiifi Hewwaan isa angafaa kan taʼe Qaayin utuu hin taʼin, Abeeliin ‘uumama biyya lafaa’ wajjin wal qabsiisee kan ibse maaliifi? Murtoon Qaayin godheefi tarkaanfiin inni fudhate, taʼe jedhee Yihowaarratti kaʼuusaa kan argisiisu waan tureefidha. Kanaaf, Qaayin akkuma warrasaa duʼaa kaʼuufis taʼe furamuuf abdii kan qabu hin fakkaatu.